Kitaaba Iyyaasu'uu 9 - Kitaaba WoyyuuNamoonni Gabaa'oonii Iyyaasuu Soban 1 Mootonni Keexotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Feerzotaa, Eewwotaa, Iyyaabusootaa, laga Yoordaanosii gama lafa onaa ka gaaraa qaccee galaanaa guddaa Meditiraaniyaanii Libaanosiin afoo jiran haga waan kana dhagayan; 2 Iyyaasu'uu fi worra Israa'eliitiin lolu'uuf tokko ta'anii wolitti qabaman. 3 Namoonni Gabaa'oonii garuu waan Iyyaasuun Iyyaariko'oo fi Gaayiin irratti godhe hennaa dhagayan isaanillee isaan irratti dhara hojjatan. 4 Ufiif dhalee qabatanii qalqala moofaa hodhametti daadhii buusanii harriin ufiititti fe'atan; 5 uffata moofee bibbiinxame uffatanii kophee ciccitaa hohodhame godhatanii buddeenni dhalee godhatanillee ka gogee fi ka aararraaye ture. 6 Haga waan kanniin godhanii raawwataniin maayessa, Gelgelaa hulee Iyyaasuun itti quphatee dhaqanii isaa fi worra Israa'eliitiin, «Biyya fago'oo dhufneerraa ammallee nu woliin waadaa galaa'a» isaaniin jedhan. 7 Namoonni Israa'elii worra Eewwotaatiin, «Maal laataa yoo ka isin nu woliin teettan ta'e, attamitti isin woliin waadaa galla?» isaaniin jedhan. 8 Isaan Iyyaasu'uun, «Nu garboota teeti» jedhaniin; Iyyaasuunillee, «Isin eennu fa'a? Eessaa dhuftan?» isaaniin jedhe. 9 Isaanillee akkana jedhaniin «Sababaa maqaa Rabbii Waaqa keetiitiin biyya guddisee fagaatu irraa dhufneerra» gurra isaa waan inni biyya Misirii irratti godhe maraa, 10 mootota Amoorotaatii fi mootii Haseboonii Seewooniin mootii Baasaanii ka Astaarootiin keessa ture ka Hasebooniin keessa jiru Aagiin laga Yoordaanosiitiin gamatti waan godhe maraa dhageenneerra. 11 Jaarsonni keenna, worri biyya keenna keessa jiraatan maruu imala deemtaniif dhalee harkatti qabadhaa'a; gara isaanii dhaqaa'a; nu garboota teessanii ammallee nu woliin waadaa galaa'a isaaniin jedhaa'a» nuun jedhan. 12 Guyyaa gara keessan dhufu'uuf kaane, buddeena kana dhalee oo'aa qabannee turre amma garuu nu jalaa aararraayee goge. 13 Qalqallan daadhi'ii kunniin hennaa inni haarawaa itti nandheerra; amma garuu nu jalaa dhooye, karaan waan guddisee fagoo ta'eef uffanni keennaa fi kopheen keennallee nu jalaa moofeera» jedhaniin. 14 Worri Israa'elii uduu Rabbiin hin gaafanne dhalee isaanii irraa fudhatan. 15 Kanaafuu Iyyaasuun isaan woliin nagaya buusee isaaniin wolii galee akka jireennaan jiraatan isaan woliin waadaa gale; bulchoonni bani'iillee isaanii kakatan. 16 Haga isaan woliin waadaa galan guyyaa sadihiin maayessa, akka isaan woliin ollaa isaanii ta'anii isaan woliin jiraatan dhagayan. 17 Ijoolleen Israa'eliillee deemanii guyyaa sadeesso'ootitti gara qachoota isaanii dhaqan; maqaan qachoota isaaniillee Gabaa'oon, Kafiiraa, Bi'eerootii fi Qiriyaatiyi'aarim jedhaman ture; 18 bulchoonni bani'iitii fi ijoolleen Israa'elii maqaa Rabbii Waaqa Israa'eliitiin waan isaanii kakataniiraniif isaan hin tundhe; baniin maruu bulchoota isaanii irratti guguunguman; 19 bulchoonni maruu banii maraanuu «Rabbii Waaqa Israa'eliitiin waan isaanii kakanneef isaan hin tundhu. 20 Kakuu isaanii kakanne saniif Rabbi akka nuun hin lolle nu homaa isaan hin goonu, lubbu'uun haa jiraatanii» isaaniin jedhan. 21 Bulchoonnillee lubbu'uun haa jiraatanii isaaniin jedhan. Akkuma bulchoonni isaaniin jedhan banii maraafuu worra qoraan cabsanii fi worra bisaan woraaban ta'an. 22 Iyyaasuun isaan waamee «Isin hennaa nu woliin jiraattan maaf biyya fago'oo dhufne jettanii nu sobdan? 23 Isin amma worra abaarame isin keessaa mana gooftaa kiyyaatii garbichi qoraan cabsuu fi ka bisaan woraabu baraa haga bara baraa hin dhabamu» isaaniin jedhe. 24 Isaanillee Iyyaasu'uun, «Akka nu garboonni tee akkuma Rabbi garbicha ufii Muusee ajajetti akka lafa maraa isinii kennu worra lafa san irra jiraatan maraa afoo keessanii balleessu dhugamaan dhageenneerra; kanaafuu waan lubbuu keennaatiif guddifnee isin sodaannee waan kana goone. 25 Nu ammallee harkuma kee jirra; waan si afo'otti misha'aa fi qajeelaa ta'e maraa nu irratti godhi» jedhaniin. 26 Kanaafuu innillee akksuma isaan irratti godhe harka ijoollee Israa'eliitii isaan hambise, ijoolleen Israa'eliillee isaan hin ajjeefne; 27 guyyaa san Iyyaasuun bani'iif hulee isaan filetti ciincaa Rabbiitiif worra qoraan cabsanii fi worra bisaan woraaban isaan godhe. |