Kitaaba Iyyaasu'uu 4 - Kitaaba WoyyuuAjaja Waan Dhagaawwan Yaadanno'oof Dhaabamanii Kenname 1 Baniin maruu laga Yoordaanosii haga ceeyaniin maayessa Rabbi Iyyaasu'uun, 2 «Gosa maraa keessaa nama tokko tokko namoota kudha lamaa filii 3 Hulee Yoordaanosiin keessa lutti gadootaa dhaabatee dhagaawwan kudha lamaa fuudha'aa hulee adha galgala bultan kaayaa'a jedhii isaan ajaji» jedheen. 4 Iyyaasuunillee gosa ijoollee Israa'elii keessaa nama tokko tokko nama kudha lamaa waamee, 5 «Iyyaasuun akkana isaaniin jedhe, saanduuqa waadaa Rabbii Waaqa keessanii afoo Yoordaanosiin keessa lufaa'a; isin keessaa namoonni maruu haguma laakkobsa gosa ijoollee Israa'eliitiin dhagaa tokko tokko gurmu'utti haa baadhatanii. 6 Kunillee isin jiddu'utti malkata ta'a; ijoolleen keessan baroota dhufanitti ‹Dhagaan kunniin maali'i?› jedhanii yoo isin gaafatan, 7 isin ‹Saanduuqa waadaa Rabbii afo'oo lanni Yoordaanosii waan citeef; dhagaawwan kunniinillee ijoollee Israa'eliitiif yaadannoo baraa haga bara baraa isinii ta'a› » jettanii isaanitti himtan. 8 Ijoolleen Israa'eliillee akkuma Iyyaasuun isaan ajaje godhan; Iyyaasuunillee akkuma Rabbi isatti dubbate akkuma laakkobsa gosa Israa'eliitiin Yoordaanosiin keessaa dhagaa kudha lamaa fuudhanii gara hulee bulanii fidanii achi kaayan. 9 Iyyaasuunillee hulee lutti gadoota saanduuqa waadaa baadhatanii dhaabatanitti Yoordaanosiin keessa dhagaawwan kudha lamaa sanniin dhaaban; dhagaawwan kunniin haga adhaa hulema san jiran. 10 Akkuma Muuseen Iyyaasuu ajaje, Rabbi Iyyaasu'uunillee bani'itti akka himu waan isa ajaje maraa haga raawwatutti gadoonni saanduuqa waada'aa baadhatan Yoordaanosiin keessa waan dhaabataniiraniif baniin daddafee ceeye. 11 Baniin maruu haga ceeyanii raawwataniin maayessa uduma baniin argu saanduundhi Rabbiitii fi gadoonnillee hin ceeyan. 12 Akkuma Muuseen isaan ajaje ijoolleen Roobeelii, ijoolleen Gaadiitii fi wodhakkaan gosa Minaase'ee wol faana ijoollee Israa'elii afoo ceeyan. 13 Namoonni haga kuma afurtamaa waan ta'eef woraana ufii qabatanii duulaaf Rabbiin afoo gara Iyyaariko'oo ceeyan. 14 Guyyaa san Rabbi Iyyaasuu banii Israa'elii afo'otti gaachena kenneef; akkuma Muusee sodaata'aa turanitti bara jireenna isaa maraa isa sodaatan. 15-16 Kanaan maayessa Rabbi Iyyaasu'uun «Gadoota saanduuqa waada'aa ka raga'aa baadhatan Yoordaanosiin keessaa akka bayan isaan ajaji» jedhee isatti dubbate. 17 Iyyaasuunillee gadoonni Yoordaanosiin keessaa akka bayan isaan ajaje. 18 Gadoonni saanduuqa waada'aa ka Rabbii baadhatanii Yoordaanosiin keessaa haga bayan lutti gadootaa lafa gogaa ijjachuu jalqabnaan lanni Yoordaanosii hulee ufiititti deebi'ee akkuma duraatitti guutee yaa'uu jalqabe. 19 Baniin ji'a jalqabaa keessa guyyaa kudhaneesso'ootitti Yoordaanosiin ceeyanii Iyyaarikoo laddaan gara baya biiftu'uutitti Gelgela'atti quphatan. 20 Iyyaasuun dhagaawwan kudha lamaa Yoordaanosiin keessaa fuudhan sanniin Gelgelaa keessatti dhaabee, 21 ijoollee Israa'eliititti akkana jedhee dubbate, «Baroota dhufanitti ijoolleen teessan abboota ufiitiin, ‹Dhagaan kunniin maali'i?› jedhanii yoo isin gaafatan, 22 akkana jettanii isaanitti himtan; Israa'el Yoordaanosiin keessa lafa gogaa irra ceeyan. 23 Haga nu ceenuuf Rabbi Waandhi keessan galaana diimaa afoo keennaa akkuma gosse akkasuma haga isin ceetanitti Rabbi Waandhi keessan laga Yoordaanosii afoo keessanii gosse. 24 Kunillee akka harki Rabbii jabaa ta'e ormi lafa irraa maruu akka beekan, isinillee Rabbii Waaqa keessan haga bara baraa akka sodaattaniif» isaaniin jedhe. |