Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Iyyaasu'uu 3 - Kitaaba Woyyuu


Baniin Israa'elii Laga Yoordaanosii Ceeyan

1 Iyyaasuunii fi ijoolleen Israa'elii maruu ganamaan Saaximii ka'anii gara laga Yoordaanosii dhaqanii achitti quphatan;

2 guyyaa sadihiin maayessa bulchoonni isaanii ganda sanniin keessa seenanii;

3 bani'iin «Saanduuqa waada'aa ka Rabbii Waaqa keessanii gadoonni worra Leewwotaa hennaa isaan baadhatan yoo argitan hulee bultan kanaa ka'aatii isaan faana deemaa'a.

4 Fageenni worra saanduuqa waada'aa baadhataniitii fi isin jidduu jiru haga ciqilee kuma lamaa haa ta'uu; isin duraan karaa kana deemtanii waan hin beenneef karaa deemtan akka beettaniif gara worra saanduuqa waada'aa baadhatanii deeman fago'oo laalaa malee itti hin dhiyaatinaa'a» jedhanii ajajan.

5 Iyyaasuun bani'iin akkana jedhe, «Boru Rabbi jidduu keessanitti maalalee waan hojjatuuf uf woyyoomsaa'a»

6 Iyyaasuun gadootaan, «Saanduuqa waada'aa baadhadha'aatii banii afoo lufaa» jedhee isaanitti hime; isaanillee saanduuqa waada'aa baadhatanii banii afoo lufan.

7 Rabbillee Iyyaasu'uun, «Akkuma Muusee woliin ture si woliinillee jiraachuu kiyya akka beekan adha ani Israa'eliin afo'otti sii kabajjuu jalqaba.

8 Atillee gadoota saanduuqa waada'aa baadhataniin hennaa laga Yoordaanosii bira geettan, laga Yoordaanosii keessa dhaabadhaa'a jedhii isaan ajaji» jedheen.

9 Kanaan maayessa Iyyaasuun ijoollee Israa'eliitiin, «Asi dhiyaadha'aa jecha Rabbii Waaqa keessanii dhagayaa'a» jedhe.

10 Iyyaasuun itti aansee «Rabbiin jiraataan akka jidduu keessan jiru, akka inni worra Kana'aanotaa, Keexotaa, Eewwotaa, Feerzotaa, Geergesota, Amoorotaatii fi worra Iyyaabusootaa sirimaa akka isin afo'oo baasu kanaan beettan.

11 Saanduundhi waada'aa ka Rabbii Gooftaa ardii maraa isin afoo gara Yoordaanosii lufa.

12 Ammallee gosa Israa'elii maraa keessaa namoota kudha lamaa filadhaa'a; gosa maraa keessaa nama tokko tokko haa ta'uu.

13 Lutti gadoota saanduuqa waada'aa ka Rabbii Gooftaa ardi'ii fi samii uumee baadhatanii Yoordaanosiin keessa hennaa dhaabatan, bisaan Yoordaanosii ka gubba'aa bu'u yookaan ka yaa'u citee akka tullu'uutitti dhaabata; bakka tokkotti wolitti qabama.»

14 Hennaa baniin Yoordaanosiin ceeyu'uuf daasee ufii keessaa gad yaa'an worri gadootaa ka saanduuqa waada'aa baatan banii afoo deema'aa turan.

15 Akkuma ji'oota gannaa maratti lanni Yoordaanosii guuteera; akkuma worri saanduuqa waada'aa baadhatan laga bira gayanii lukaan tuqaniin,

16 bisaan yaa'uu dhiise; Tsarta'atitti qachaa Aadam jedhamtee waamamtuutitti tuulamee wolitti qabame; bisaan gara Arabaa, gara galaana sooqiddaa jigu, sirima dhaabate; baniinillee kolba Iyyaariko'ootiin gama ceeyan.

17 Hennaa baniin lafa gogaa keessa deema'aa ceeyan gadoonni saanduuqa waadaa Rabbii baadhatan haga baniin marti ceeyanitti laga Yoordaanosii keessa lafa gogaa irra dhaabata'aa turan.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ