Kitaaba Iyyaasu'uu 24 - Kitaaba WoyyuuDubbii Iyyaasu'uu Ka Dhumaa 1 Iyyaasuun gosa banii Israa'elii maraa Seekemitti wolitti qabe; jaarsota Israa'elii, bulchoota isaanii, abboota murti'iitii fi worra hujii raawwachiisan waame; isaanillee dhufanii Rabbiin afoo dhaabatan; 2 Iyyaasuun banii maraanuu, «Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha, ‹Abboonni teessan Abrahaamii fi abbaan Naakoorii Taaraan dur laga Efraaxisii gamatti waaqolee tolfamaa waaqeffata'aa turan; 3 abbaa keessan Abrahaamiin laga gamatti biyya Kana'aanii keessatti isa woliin ta'ee fiixaa isaa baay'isee Yisaaqiin kenneef. 4 Yisaaqiillee Yaaqoobii fi Eesawuu kenne; Eesawu'uu gaara Seeyirii kenneef; Yaaqoobii fi ijoolleen isaa garuu gara biyya Misirii gad bu'an. 5 Ani garuu Muuse'ee fi Aarooniin isaanitti ergee worra biyya Misirii isaan jiddu'utti bala'aan dhayee achi keessaa isaan baase. 6 Abboonni teessan biyya Misiriitii baatee galaana bira geette; worri Misirii abboota teessan fardaa fi konkolaataa fardaatiin haga galaana diima'aa isaan ari'an. 7 Hennaa san isaan gara Rabbii iyyinaan Rabbi isaanii fi worra biyya Misirii jiddu'utti dukkana buusee galaana isaan irra gara galchee galaanni worra biyya Misirii akka liqimse ijji teessan argiteerti; hennaa dheera'aaf biyya gammoojji'ii keessa jiraattaniirtan. 8 Anillee gara biyya Yoordaanosiin gamaa gara worra biyya baya biiftu'uu gara worra Amoorotaa isin fide; isaanillee isiniin lolan, ani garuu dabarsee isaan isinii kenne, isinillee biyya isaanii dhaaltan, isaanillee isin afo'oo balleesse. 9 Ilmi Seefoorii Baalaaq mootiin Moo'aabii isiniin lole akka ilmi Bi'oorii Bala'aam isin abaaruuf dhaamsa ergee isa waamsise. 10 Ani garuu Bala'aamiin dhagawuu hin feene, inni sirima isin eebbisee harka isaa jalaa isin baase. 11 Isin laga Yoordaanosii ceetanii gara Iyyaariko'oo dhuftan; worri Iyyaariko'oo, Amooronni, worri Feerzotaa, worri Kana'aanii, worri Keexotaa, worri Gergeseenotaa, worri Eewwotaatii fi worri Iyyaabusootaa isiniin lolan; ani garuu dabarsee harka keessan jala isaan galche; 12 afoo keessanitti qarxaasaa gad dhiise; guraade'ee fi ebo'oon uduu hin taane mootota worra Amoorotaa lamaanuu isin afo'oo ari'e. 13 Lafa ufii cirtanii hin baafnee fi qachoota isin hin ijaarre isinii kennee keessa jiraattan; daraaraa muka woyini'iitii fi muka ejersaa ka ufii hin dhaabne ka ufii itti hin xaarre nyaattan. 14 Ammallee isin Rabbiin sodaadhaa'a; Rabbiin dhugamaan onnee teessan guutu'uun waaqeffadhaa'a; waaqolee tolfamaa abbootiin teessan laga gama biyya Misirii keessatti waaqeffatan uf irraa fageessaa'a; Rabbiin waaqeffadhaa malee. 15 Yoo Rabbiin waaqeffachuun waan hamaa isinitti fakkaatee waaqolee tolfamaa abboonni teessan hennaa laga gama jiran yookaan biyya Amoorotaa ka amma keessa jirtan keessatti yoo ka waaqeffatan ta'ellee Rabbii waaqeffachu'uuf taatan adhuma filadhaa'a; anii fi manni kiyya garuu Rabbiin waaqeffanna» isaaniin jedhe. 16 Baniinillee deebisee, «Rabbiin waaqeffachuu dhiifnee waaqolee tolfamaa kaawwan waaqeffachuun nu irraa haa fagaatu. 17 Inni nu'uu fi abboota teenna garbummaa biyya Misirii keessaa nu baase, ka nu afo'otti maalalee gugurdaa godhe ka karaa deemne maraa fi orma keessa lufne maraa jiddu'utti nu eege Rabbii keenna. 18 Rabbiin orma lafa irra jiru maraa fi worra Amoorotaa ka biyya san keessa jiru maraa afoo keennaa ari'e Rabbii keenna waan ta'eef isa waaqeffanna» 19 Iyyaasuun bani'iin, «Inni Rabbi woyyu'uu fi Rabbii hinaafu waan ta'eef Rabbiin waaqeffachuu hin dandeettan; inni yakkaa fi cubbuu keessan isinii hin dhiisu. 20 Rabbiin dhiiftanii waaqolee tolfamaa kanniin yoo waaqeffattan, inni yoo hagamillee dur waan mishaa isinii godhe, amma deebi'ee waan hamaa isinitti fidee isin balleessa» isaaniin jedhe. 21 Baniin garuu Iyyaasu'uun «Wonti kun sirima hin ta'u, nu Rabbiin waaqeffanna» jedhaniin. 22 Iyyaasuunillee bani'iin, «Isin akkuma Rabbiin waaqeffachuu filattan isinuu raga'a» isaaniin jedhe; isaanillee, «Ee nu raga'a» jedhan. 23 Innillee «Amma waaqolee tolfamaa isin jidduu jiran uf keessaa baasa'aatii qalbii keessan gara Rabbii Waaqa keessanii deebisaa» isaaniin jedhe. 24 Kanaan maayessa baniinillee Iyyaasu'uun, «Rabbii Waaqa keenna hin waaqeffanna hin ajajamnaafille'e» jedhaniin. 25 Gaafas Iyyaasuun banii woliin waadaa galee, Seekemitti murti'ii fi seera isaanii kenne; 26 Iyyaasuun seera kana maraa kitaaba seeraa irratti barreesse; kanaan maayessa dhagaa guddaa tokko fuudhee muka qilxu'uu ka mana woyyuu Rabbii bira jiru jalatti dhaabe. 27 Iyyaasuun banii maraan akkana jedhe, «Dubbii Rabbi nutti hime maraa waan dhagayeeruuf dhagaan kun ragaa nutti ta'a; kanaafuu yoo Waaqa keessan gantan isin irratti ragaa ta'a» isaaniin jedhe. 28 Kanaan maayessa Iyyaasuun banii maraa gara lafa isaanii yaase. Iyyaasuunii Fi Alaazar Du'an 29 Achiin maayessa garbichi Rabbii ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun woggaan isaa dhibba tokkoo fi kudhan ta'ee du'e; 30 Minaaseeraa biyya gaaraa ta Efreemii gaara Ga'aasii ka gara mirgaatiin jirtu daangaa lafa isaatitti awwaalan. 31 Bara Iyyaasuun jiraate maraa waan Rabbi worra Iyyaasu'uun maayessa jiran maraa godhe haga beekan bara jaarsotaa maraa keessatti Israa'el Rabbiin hin waaqeffate. 32 Lafee Yooseefii ka ijoolleen Israa'elii biyya Misiriitii fidde, lafa Yaaqoob abbaa Seekeemii ka ijoollee Emoorii irraa hoolaa dhibbaan bite ka qonnaa keessatti Seekeemitti awwaalan; qonni sun ijoollee Yooseefiitii kenname. 33 Ilmi Aaroonii Alaazarillee du'ee, biyya gaaraa ka Efreemii lafa abbaan Finihaasii kenne Gibi'atti awwaalaniin. |