Kitaaba Iyyaasu'uu 22 - Kitaaba WoyyuuIyyaasuun Gosoota Gara Baya Biiftu'uutii Dhufan Geegesse 1 Hennaa san Iyyaasuun ijoollee Roobeeliitii fi ijoollee Gaadii wodhakkaa gosa Minaase'eellee waamee, 2 «Waan garbichi Rabbii Muuseen isin ajaje maraa eeddaniirtan; waan ani isin ajajellee maraa gootaniirtan. 3 Bara kana maraa isin haga adhaa obbolummaa keessan hin dhiifne; ajaja Rabbii Waaqa keessaniillee eeddaniirtan. 4 Ammallee akkuma Rabbi Waandhi keessan isaanitti dubbate, obboleewwan keessan hara baafachiiseera; kanaafuu deebi'a'aatii gara mana keessaniitii fi hulee lafa garbichi Rabbii Muuseen isinii kenne ka laga Yoordaanosiin gamaa san dhaqaa'a; 5 waan garbichi Rabbii Muuseen isin ajaje, seeraa fi ajaja isaa maraa akka raawwattan, Rabbii Waaqa keessan akka jaalattan, karaa isaa irra akka deemtan, ajaja isaa akka eeddan, isaaf amanamtoota taatanii onne'ee fi qalbii guutu'uun akka isa waaqeffattaniif guddisa'aa uf eegaa'a» jedhe. 6 Achiin maayessa Iyyaasuun eebbisee isaan geegesse, isaanillee gara mana ufii deeman. 7 Wodhakkaa gosa Minaase'eetii Muuseen Baasaaniin keessatti lafa isaanii kennee ture; Iyyaasuun garuu worra hafaniif Yoordaanosiin gamatti obboleewwan isaanii jiddu'utti lafa gara dhiyaatiin jirtu isaanii kenne; Iyyaasuun hennaa isaan gara mana isaanii geegessu, 8 «Durummaa gudda'aa fi horii baay'ee, birrii, worqii, sibiila diimaa, sibiila biraatii fi uffata guddisa'aatii fudhadha'aatii gara mana keessanii deebi'aa'a; waan diintota keessan irraa boojitan obboleewwan teessan woliin qoodamaa'a» jedhee isaan eebbise. 9 Ijoolleen Roobeelii, ijoolleen Gaadiitii fi wodhakkaan gosa Minaase'ee deemanii akkuma Rabbi Muusee ajajee lafa fudhatanii gara biyya Gala'aadii galu'uuf Seeloo biyya Kana'aanii keessa jirtu keessaa ijoollee Israa'elii biraa deebi'an. Hulee Ciinca'aa Ka laga Yoordaanosii Biratti Ijaarame 10 Hennaa gara Kana'aanii Yoordaanosiin bira jirtuu deebi'an, ijoolleen Roobeeliitii fi ijoolleen Gaadii, wodhakkaan gosa Minaase'eellee Yoordaanosiin biratti hulee ciinca'aa guddaa hojjatan. 11 Ijoollee Israa'eliitiifillee, daangaa lafa Kana'aanii Yoordaanosiin bira jirtuu, hulee ijoolleen Israa'elii jirtu, ijoolleen Roobeeliitii fi ijoolleen Gaadii wodhakkaan gosa Minaase'eellee hulee ciinca'aa hojjataniiran oduun jedhu isaan gaye. 12 Ijoolleen Israa'elii haga waan kana dhagayan baniin ijoollee Israa'elii maruu isaaniin lolu'uuf bayanii Seelo'otti wol gayan. 13 Ijoolleen Israa'elii, ijoollee Roobeeliitii fi ijoollee Gaadii ta biyya Gala'aadii jirtu, wodhakkaan gosa Minaase'ee ilma gadicha Alaazarii Finihaasiin ergan; 14 isa woliinillee bulchoota kudhantu ture; gosa Israa'elii maraa keessaa fi mana isaanii shikita keessaa martinuu mana abbaa ufiitiif bulchaa ture. 15 Kunniin martinuu gara ijoollee Roobeelii, ijoollee Gaadiitii fi wodhakkaan gosa Minaase'eellee biyya Gala'aadiititti isaanitti dhufanii akkana isaaniin jedhan, 16 «Worri banii Rabbiiti jettan maruu cubbuun isin Rabbii Waaqa Israa'elii irratti hojjatan kun maali'i? isin amma Rabbitti buluu dhiiftaniirtan; adha hulee ciinca'aa hojjatuu keessaniin Rabbitti kaataniirtan. 17 Cubbuun nu'u faagooritti hojjanne diqqa'aa? Kun banii Rabbii irratti balaa buuse; isin adha Rabbiin woliin jiraachuu irraa duubatti deebitanii? 18 Yoo isin adha Rabbiin afo'otti cubbuu hojjattan, Rabbi boru banii Israa'eliitiin lola. 19 Garuu yoo biyyi isin qabattan ta battoofte taate, gara hulee Rabbiin waaqeffachu'uuf itti namaa toluu san fudhadhaa malee hulee itti Waaqeffattan ufiif hojjatatu'uun Rabbii fi nu afo'otti cubbuu hin hojjatinaa'a. 20 Ilmi Zaara'aa Akaan waan Rabbi dhoogge fudhatee banii Israa'elii irratti akka Rabbi balaa buusu hin goonee? Cubbuun sun garuu isa callaa hin ajjeefne› » isaan jedhan. 21 Ijoolleen Roobeeliitii fi ijoolleen Gaadii, wodhakkaan gosa Minaase'ee bulchoota banii Israa'elii shikitaan akkana jedhan, 22 «Inni Rabbiin waa maraa olii waa maraa beeka; Israa'eliinillee hin beeka; yoo nu'u Rabbiin yakkinee isa afo'otti cubbuu hojjanne, adha nu hin hambisin. 23 Yoo nu'u Rabbitti buluu dhiifnee ciincaa ciincawu, ciincaa midhaaniitii fi ciincaa fayyinnaaf dhiyaatuuf jennee hulee ciinca'aa hojjanneerra ta'e, Rabbi innumti haluu nu haa bawu. 24 Nu'u garuu kanaaf kana hin goone; nu'u wonti waan kana gooneef bara dhufu keessatti sanyiin ijoollee teessanii ijoollee teennaan ‹Rabbii Waaqa Israa'elii woliin wolitti dhiyeenna maal qabdan? 25 Rabbi isin ijoollee Roobeeliitii fi ijoollee Gaadii jidduu keennaa fi keessanitti waan Yoordaanosiin daangaa godheeruuf Rabbiin biratti hiree hin qabdan isiniin jedhan› jennee kana goone; akka kanaan ijoolleen teessan ijoollee teenna akka isaan Rabbiin hin sodaanne godhan. 26 Kanaaf hulee ciincaa itti ciincessan haa hojjannuu jenneen malee ciincaa dhiyeessuu yookaan ciincaa biraatiifii miti. 27 Garuu kun nu'uu fi isin jidduu'u, nu'uu fi dhaloota keennaa fi keessan ka nu maayessa dhufu wodhakka'atti ciinca'aa fi ciincaa fayyinnaaf dhiyaatuun Rabbiin waaqeffachu'uuf akka duranaa ijoolleen teessan ijoollee teennaan Rabbiin biratti hiree hin qabdan akka isaaniin hin jenne kun ragaa ta'a. 28 Kanaaf akkana jenne ‹baroota itti aanan keessatti nuuf yookaan dhala teennaaf jedhanii kunoo fakkeenna ciincaa abboonni teenna Rabbiif dhiyeessan laalaa'a; kun nu'uu fi isin jiddu'utti waan ragaa ta'u malee waan ciincaa gubatuutii fi waan ciincaa biraatii miti› jenna. 29 Hulee ciinca'aa ka ciincaan Rabbii itti dhiyaatu ka duraa malee hulee ciincaa itti dhiyeessan ka biraa hojjannee Rabbiin yakkinee yoo jiraanne, wonti akkanaa kun nu'u irraa haa fagaatu» jedhan. 30 Gadichi Finihaasii fi bulchoonni gumii bani'ii, worri isaan woliin turan, Bulchoonni shikinni ka banii Israa'elii badhaa bulchan, ijoollee Roobeelii, ijoollee Gaadiitii fi ijoolleen Minaase'eellee waan isaan dubbatan haga dhagayan guddisanii gammadan. 31 Ilmi gadicha Alaazarii Finihaas ijoollee Roobeelii, ijoollee Gaadiitii fi ijoollee Minaase'eetiifillee yakka kanniin Rabbiin afo'otti waan hin hojjanneef Rabbi adha akka jidduu keenna jiru beenneerra; kanaafuu ijoollee Israa'elii dheekkamsa Rabbii jalaa baaftaniirtan» isaaniin jedhe. 32 Kanaan maayessa Finihaas ilmi gadicha Alaazariitii fi bulchoonni isaa, ijoollee Roobeeliitii fi ijoollee Gaadii biraa biyya Gala'aadiitii gara ijoollee Israa'elii gara biyya Kana'aanii oduu qabatanii gara isaanii deebi'an. 33 Oduun isaan qabatanii dhufaniin sun guddisee waan isaan gammachiiseef ijoolleen Israa'elii Rabbiin galatoonfatan; achiin maayessa biyya ijoolleen Roobeeliitii fi ijoolleen Gaadii irra jiraatan woraanaan balleessu'uuf deebi'anii waan isaanii hin dubbanne. 34 Ijoolleen Roobeeliitii fi ijoolleen Gaadiillee, «Rabbi Waaqa akka ta'e wonti kun nu jiddu'utti raga'a» jedhanii hulee ciinca'aa san «Raga'a» jedhanii waaman. |