Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Iyyaasu'uu 21 - Kitaaba Woyyuu


Qachoota Leewwotaa Kennan

1 Bulchoonni abboota Leewwotaa gara gadicha Alaazarii, gara Iyyaasuu ilma Nawwe'eetii fi gara bulchoota gosa ijoollee Israa'elii dhufanii,

2 Seeloo biyya Kana'aaniititti «Rabbi qachoota keessa jiraannu, lafa horii itti bobbaafannu akka nuu kennitan Muusee ajajeera» jedhanii isaanitti dubbatan.

3 Ijoolleen Israa'elii akkuma Rabbi isaan ajaje lafa ufii irraa qachootaa fi hulee horii itti bobbaafatan Leewwotaa kennan.

4 Worra Qa'aatiitiifillee hixaan hin bayeef. Leewwota keessaa worra gadoota turan ijoollee Aaroonii, Gosa Yihuuda'aa keessaa, gosa Simoonii keessaa fi gosa Biiniyaamiitiif qachoonni kudha sadihii hixa'aan ka isaanii ta'e.

5 Worra hafe ijoollee Qa'aatiitiifillee gosa Efreemii keessaa, gosa Daanii keessaa fi gosa Minaase'eetii wodhakkaan qachoota kudhanii hixa'aan ka isaanii ta'e.

6 Ijoollee Geedsooniitiifillee gosa Yisaakoorii keessaa, gosa Aseerii keessaa, gosa Niftaalemii keessaa fi wodhakka gosa Minaase'ee ka Baasaaniin jiruu qachoonni kudha sadihii hixa'aan ka isaanii ta'e.

7 Ijoollee Meeraariitiifillee akkuma gosa isaaniitiin gosa Roobeelii keessaa, gosa Gaadii keessaa fi gosa Zaabilooniitii qachoonni kudha lamaa ka isaanii ta'e.

8 Akkuma Rabbi Muusee ajaje ijoolleen Israa'elii qachoota kanniinii fi lafa horii itti bobbaafatan hixa'aan Leewwotaa kennan.

9 Gosa ijoollee Yihuuda'aatii fi gosa ijoollee Simoonii keessaa qachoota maqaa isaaniitiin waamaman kanniin isaanii kennan;

10 Hixaan duraa waan isaanii bayeef ijoolleen Leewwotaa ta worra ijoollee Aaroonii ta'an.

11 Qachattii Qiriyaati'arbaaq jedhamtu ta lafa gaara Yihuuda'aa hulee horii itti bobbaafatan godhanii kennaniif; isiin Keebroon jedhamti. Arbaaqiin kun abbaa Eenaaqiiti.

12 Qonna qachatti'iitii fi gandoota garuu lafa Kaaleebii ka ilma Yoofoonii godhanii kennaniif.

13 Ijoollee Aaroonii gadichaallee kanniin kennaniif; qachaa namni yoo nama harka tare keessa jiraatu Keebroonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Libina'aa fi hulee horii itti bobbaafatan, Yatirii fi hulee horii tii bobbaafatan,

14 Eshtemo'aanii fi hulee horii itti bobbaafatan,

15 Hoolonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Daaberii fi hulee horii itti bobbaafatan,

16 Ayiniinii fi hulee horii itti bobbaafatan, Yooxaanii fi hulee horii itti bobbaafatan, Beetisaamisii fi hulee horii itti bobbaafatan, gosa lamaan kanniin keessaa qachoota sagalii kennaniif.

17 Gosa Biiniyaamii keessaallee Gabaa'oonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Naasibii fi hulee horii itti bobbaafatan,

18 Anaatootii fi hulee horii itti bobbaafatan, Almoonii fi hulee horii itti bobbaafatan qachoota afurii kennaniif.

19 Qachoonni ijoollee Aarooniitii fi gadootaa hulee horii itti bobbaafataniin wolitti kudha sadiin kanniin.

20 Worra Leewwotaa ka hafan ijoollee Qa'aatiitiifillee qachoonni hixa'aan isaanii kenname lafa gosa Efreemii keessaa isaanii kenname.

21 Biyya gaaraa ta Efreemii qachaa namni yoo nama harka tare itti dhokatu Seekeem, Geeziriin,

22 Qibsaayimii, Beetihooroonii fi hulee horii itti bobbaafatan woliin qachoota afurii isaanii kennan.

23 Gosa Daanii keessaa Eltaaqinii fi hulee horii itti bobbaafatan, Gabaatoonii fi hulee horii itti bobbaafatan,

24 Eeloonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Gaatirimoonii fi hulee horii itti bobbaafatan qachoota afurii isaanii kennan.

25 Gosa Minaase'ee keessaa wodhakkaa Taa'inaakinii fi hulee horii itti bobbaafatan, Gaatirimoonii fi hulee horii itti bobbaafatan, qachoota lamaa isaanii kennan.

26 Ijoolleen Qa'aatii worri hafan qachoota kudhanii fi hulee horii itti bobbaafatan fudhatan.

27 Worri Leewwotaa ijoollee Geedsoonii wodhakkaan gosa Minaase'ee qachaa namni yoo nama harka tare itti dhokatu ta Baasaaniin keessa jirtu Golaanii fi hulee horii itti bobbaafatan, Eshtiraanii fi hulee horii itti bobbaafatan qachoota lamaa kennaniif.

28 Gosa Yisaakoorii keessaa Qiisoonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Daabraatiinii fi hulee horii itti bobbaafatan,

29 Yarmuutinii fi hulee horii itti bobbaafatan, Ayingaanimii fi hulee horii itti bobbaafatan, qachoota afurii isaanii kennan.

30 Gosa Aseerii keessaa Mishaalinii fi hulee horii itti bobbaafatan, Abdoonii fi hulee horii itti bobbaafatan,

31 Helqaatii fi hulee horii itti bobbaafatan, Ra'aabii fi hulee horii itti bobbaafatan qachoota afurii isaanii kennan.

32 Gosa Niftaalemii keessaa qachaa namni yoo nama harka tare itti dhokatu ta Qaadesii Galiilaa keessaatii fi hulee horii itti bobbaafatan, Hamootdoorii fi hulee horii itti bobbaafatan, Qartaanii fi hulee horii itti bobbaafatan qachoota sadihii isaanii kennan.

33 Qachoonni ijoollee Geedisoonii akka gosa isaaniitiin qachoota kudha sadihii fi huleen horii itti bobbaafatanillee kanniin.

34 Gosa ijoollee Meeraarii worra Leewwotaa irraa hafan gosa Zaabiloonii keessaa Yooqini'aamii fi hulee horii itti bobbaafatan, Qartaanii fi hulee horii itti bobbaafatan,

35 Dimoonaanii fi hulee horii itti bobbaafatan, Nahilaanii fi hulee horii itti bobbaafatan qachoota afurii isaanii kennan,

36 gosa Roobeelii keessaa Boosoroonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Yaasihinii fi hulee horii itti bobbaafatan,

37 Qeedeemootii fi hulee horii itti bobbaafatan, Mefi'atinii fi hulee horii itti bobbaafatan qachoota afurii kennaniif.

38 Gosa Gaadii keessaa qachaa namni yoo nama harka tare itti dhokatu ta Gala'aad jedhamtu keessaa Raamootii fi hulee horii itti bobbaafatan, Mahaanaayimii fi hulee horii itti bobbaafatan,

39 Haseboonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Iyyaazeerii fi hulee horii itti bobbaafatan qachoota afurii isaanii kennan.

40 Qachoonni ijoollee Meeraarii worra Leewwotaa irraa hafanii akka gosa isaaniitiin ka hixa'aan fudhatan qachoota kudha lamaan kanniin.

41 Qachoonni Leewwotaa ka lafa ijoollee Israa'elii jidduu jiru qachoota afurtamii saddeetii fi hulee horii itti bobbaafatan.

42 Qachoonni kunniin maruu hulee horii itti bobbaafatan qaban.


Worri Israa'elii Biyya Dhaalanitti Nagaya Argatan

43 Kanaafuu Rabbi lafa abboota isaaniitii kennu'uuf kakate maraa ijoollee Israa'eliitii kenne; isaanillee lafa san fudhatanii keessa jiraatan.

44 Akkuma Rabbi abboota isaaniitii kennu'uuf kakate waan naannoo isaanii jiru maraa irraa hara isaan baafachiise; diina isaanii keessaa namni isaan mooyatu hin argamne; Rabbi diintota isaanii maraa harka isaanii jala galche.

45 Wonti mishaan Rabbi ijoollee Israa'eliitii dubbate maruu hin raawwatame; wonti uduu hin raawwatamne hafe hin jiru.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ