Kitaaba Iyyaasu'uu 2 - Kitaaba WoyyuuIyyaasuun Gara Iyyaariko'oo Worra Gaadan Erge 1 Kanaan maayessa ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun deema'aatii lafa sanii fi Iyyaarikoo laalaa'a jedhee Saaximiin irraa gaadduu lamaa dhossa'aan erge; isaanillee deemanii mana, «Ra'aabii» seebartitti'ii seenanii bulan. 2 Mootichi Iyyaariko'oo, «Israa'eliin keessaa biyyattii tana gaadu'uuf namoonni halkaniin seenaniiran» oduu jedhu dhagaye. 3 Mootichi Iyyaariko'oo, «Namoota biyyattii gaadu'uuf dhufan ka mana kee jiran baasi!» jedhee gara Ra'aabii namoota erge. 4 Intalti sunillee namoota kanniin lachuu dhossitee, «Namoonni gara kiyya dhufaniiran; garuu eessaa akka dhufan ani hin beeku; 5 hennaa galgalaayee ani balbala cufu halkanoofnaan namoonni sunniin yaa'an; eessa akka dhaqan ani hin beeku, daddafa'aatii isaan hordofaa'a hin dhaqqabdanii» jetteen. 6 Isiin garuu mana manaan gubba'aa irra isaan baaftee, muka dareerfame gubba'atti buraa talba'aa keessatti dhossitee turte. 7 Ergamtoonni mootichaa qachattii sanii bayanii deeman; balballi dallawa isaan keessaa bayanii hin cufame; ergamtoonni mootichaa worra gaadan sanniin soqu'uuf haga karaa laga Yoordaanosiin gamaa ceeyanii deeman. 8 Namoonni gaadan sunniin uduu hin rafne, intalattiin sun gara isaanii ol baatee, 9 akkana isaaniin jette; «Akka Rabbi lafa tana isinii kenne akka isin sodaanne worri lafa tana irra jiraatan maruu guddisanii akka isin sodaatanii onneen isaanii baqe beekeera. 10 Hennaa biyya Misirii keessaa baatan Rabbi galaana diimaa akka isin afo'oo gosse, akka mootota lamaan worra Amoorotaa Seewoonii fi Aagiin irratti Yoordaanosiin gamatti waan gootan, akka isin isaan ajjeeftan dhageenneerra. 11 Kanaafuu haga waan kana dhageenne soda'aan onneen nu baxxe; Rabbi Waandhi keessan Waaqa ardi'ii fi samii irrallee jiru waan ta'eef sababaa keessaniif namni tokkollee ka hin naayin hin jiru. 12 Ammallee akkuma ani waan mishaa isinii godhe, maatii kiyya waan badaa irraa hambisu'uuf yabo'oo naa kakadhaa'a; waan kanaaf ta'u malkata amansiisaa naa kennaa'a. 13 Abba'aa fi haadha tiyya, obboleewwan tiyya ta dhiiraatii fi ta intalaa waan isaan qaban maraa oolchu'uuf waadaa naa galaa'a; nu hin balleessinaa'a!» jetteen. 14 Namoonni sunniinillee isi'iin, «Yoo nu waadaa sii gallee kana hin raawwanne, Rabbi du'aan nu haa adabu; hennaa Rabbi lafa tana dabarsee nuu kenne waan mishaa sii godhu'uuf waadaa sii galla» jedhaniin. 15 Manni isi'ii dallawa qacha'aatiitti maxxanee waan jiruuf isiinillee dallawa irraan foddaa manaatiin haadaan gad isaan buufte. 16 Isiin «Worri isin hordofu akka isin hin argine, haga worri isin hordofu dacha'anitti haga guyyaa sadihii gara gaaraa dhaqa'aa dhokadha'aa taa'aa'a; deebitanii karaa keessan deemtanii» isaaniin jette. 17 Namoonni sunniinillee akkana isi'iin jedhan, «Waan ati waadaa nu galchite maraa hin eenna; 18 wonti ati gootu nu hennaa lafa tana qabannu haada diimaa foddaa manaatiin ittiin nu buufte kana kolbuma hulee itti nu buuftee sanitti hidhi; abbaa kee, haadha tee, obboleewwan keetii fi maatii abbaa keetii maraa mana keetitti wolitti qabi. 19 Namni tokkollee manaa bayee yoo du'e badiin kama isaa ta'a, nu balleessaa isaatiif hin gaafatamnu; garuu uduu mana kee jirru wonti badaan yoo isa irra gaye badii saniif nutu itti gaafatama. 20 Waan nu amma goonu kanniin yoo nama biraatitti himte kakuun nu sii kakanne sun nu irra hin gawu» jedhaniin. 21 Isiinillee akkuma isin jettan haa ta'u jettee isaan geegessite; isaanillee hin deeman isiin haga isaan deemaniin maayessa haada diimaa namoota sanniin buufteenillee kolba fodda'aatiin gad rarraafte. 22 Isaanillee deemanii gaara bira gayanii haga worri isaan hordofu sunniin deebi'anitti guyyaa sadihiif achuma taa'an; worri isaan hordofullee karaa maraa keessa isaan soqanii dhaban. 23 Kanaan maayessa namoonni lamaan sunniinillee deebi'anii gaara irraa gad bu'anii laga ceeyanii gara ilma Nawwe'ee gara Iyyaasu'uu deebi'anii waan isaan irra gaye maraa isatti himan. 24 Isaan Iyyaasu'uun akkana jedhan, «Lafa san maraa Rabbi dhugamaan harka keennatti galcheera; namoonni biyya san keessa jiraatan maruu guddisanii nu sodaatanii onneen isaanii baxxeerti» jedhaniin. |