Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Iyyaasu'uu 19 - Kitaaba Woyyuu


Lafa Gosa Simooniitii Kennan

1 Hixaan lammeesso'oo akkuma gosa isaaniitiin ijoollee Simooniitii baye; lafti isaaniillee lafa ijoollee Yihuuda'aa jidduu ture;

2 lafti isaanii Beersaabeeh, Seebaa, Molaadaa, Hasarshu'aal, Baalaa,

3-4 Eeseem, Eeltolaad, Batuul, Heermaa,

5 Sigilaag, Beetmarkaaboot, Hasarsuusaa,

6 Beetalabaa'oot, Shaaruheen qachoota kudha sadihii fi gandoota fa'a.

7 Ayin, Rimoon, Eteer, Ashaan, qachoota arfanii,

8 haga Ba'ilaatibi'eerii fi haga raamaatiin cinaa bita'aatii haga qachoota naanno'oo maraa; lafti ijoollee Simoonii akkaataa gosa isaaniitiin kana ture.

9 Lafa qooda ijoollee Yihuuda'aa keessaa lafti gariin ijoollee Simooniitii ta'e; waan hixaan ijoollee Yihuuda'aa isaanitti guddateef ijoolleen Simoonii lafa isaanii irraa argatan.


Lafa Gosa Zabilooniitii Kennan

10 Hixaan sadeesso'oo akkuma gosa isaaniitiin ijoollee Zaabilooniitii baye; daangaan lafa isaanii haga Saaridiiti;

11 Daangaan isaanii gara dhiyaatiin haga Mara'alla'aa haga Dabaasheetii afo'oon gara laga Yooqini'aamii afoo jiruu gaya.

12 Sardiimii gara baya biiftu'uu, gara baya biiftu'uutiillee gara daangaa Kisilootitaaboritti naannayee,

13 gara Dabiraafiimii bayee Yaafaamiin bira gaya; daangaan sun achii ka'ee gara mirgaatiin gara Gatiheefirii fi Itaqaasiinii lufee gara Riminaanii gara Ni'a'aa baya;

14 Daangaan sun gara mirgaatiin Hanaatoniin naannayee dhooqa Yiftaa'eliititti baya.

15 Kunniinillee Qaxaati, Nahilaal, Shimiroon, Yidaala'aa fi Beeteliheem qachoota kudha lamaa fi gandoota.

16 Lafti ijoollee Zaabiloonii akkuma gosa isaaniitiin qachootaa fi gandoota kanniin.


Lafa Gosa Yisaakooriitii Kennan

17 Hixaan arfeesso'oo ijoollee Yisaakooriitii akkuma gosa isaaniitiin isaanii baye.

18 Daangaan isaanii gara Iyiziraa'el, Kaasiloot, Sunaam,

19 Hafraayim, Shi'oon, Anharaat,

20 Rabiiti, Qisoon, Abees,

21 Reemeet, Ayingaaniim, Ayinahaada'aa fi Beetipaaseesiin gaya.

22 Daangaan isaanii gara Taaboorii, Shaayisuma'aa fi Beetisaamiisiin gaya. Karaan daangaa isaanii Yoordaanositti baya; lafti isaanii gandoota woliin qachoota kudha jahaa qachoota didiqqaa naannoo isaanii jiran maraa wolitti qabata.

23 Lafti ijoollee Yisaakoorii akkuma gosa isaaniitiin qachootaa fi gandoota kanniin.


Lafa Gosa Aseeriitii Kennan

24 Hixaan shaneesso'oo ijoollee Aseeriitii akkuma gosa isaaniitiin isaanii baye;

25 daangaan isaanii Heelqaat, Haali'ii, Beexeen, Aziif,

26 Alameleek, Ama'aadii fi Misha'aaliin ture; gara dhiyaatiin haga Qarmeloosii fi Shihoorlibinaatii gaye.

27 Gara baya biiftu'uutiin gara Beetidaagonii naannaya; Zaabiloonillee dhooqa Yiftaahi'eelii, gara mirgaatiin Beeti'emeqinaa'a gara Ni'i'eeliimii gaya. Gara mirgaatiin Kaabulitti ol baye.

28 Achii gara Eebroonii, Ra'aab, Amoon, Qaana'aa haga Siidonaa guddichaa gaye.

29 Daangaan isaallee gara Raama'aa gara qachattii dallawamtee haga Xiroosii daangaan isi'ii achii ka'ee haga Hosa'aa naannaya; baati isaanii gara Akiziibiitiin haga galaana Meditiraaniyaaniiti.

30 Akkasuma gara Uumaa, Efeeqiitii fi Ra'aabiiti; lafti isaanii qachoota diddamii lamaa fi gandoota;

31 Kanaafuu lafti ijoollee Aseerii akkuma gosa isaaniitiin qachootaa fi gandoota kanniin.


Lafa Gosa Niftaalemiitii Kennan

32 Hixaan jaheesso'oo ijoollee Niftaalemiitii akkuma gosa isaaniitiin isaanii baye.

33 Daangaan isaanii Heleef, muka Isa'inaanimii, Adaamneeqeeb, Yabini'eelii haga Laqumii gaya; baati isaallee gara laga Yoordaanosiitiin.

34 Daangaan isaa gara dhiyaatiin Aznootitaabooriin naannaya; achiillee ka'ee gara Huqooqii baya; gara bita'aatiin garuu gara Zaabiloonii, gara dhiyaatiin Aseer, gara Yoordaanosii baya biiftu'uutiin garuu haga lafa Yihuuda'aa gaya.

35 Qachoonni dallawaman kanniin Sidiim, Seer, Hamaat, Raqaat, Kenereet,

36 Adaamaa, Raamaa, Asoor,

37-38 Qaadees, Edraayi, Ayinasoor, Yiri'oon, Migdaali'eel, Hooreem, Beetinaatii fi Beetisaamis. Lafti isaanii qachoota kudha sagalii fi gandoota.

39 Kanaafuu lafti ijoollee Niftaalemii akkuma gosa isaaniitiin qachootaa fi gandoota kanniin.


Lafa Gosa Daaniitii Kennan

40 Hixaan torbeesso'oo ijoollee Daaniitii akkuma gosa isaaniitiin isaanii baye;

41 Daangaan lafa isaanii kana; Soor'aa, Eshtaa'ol, Irshemeesh,

42-43 Sha'ilaabiin, Eeloon, Yitilaa, Ayyaaloon, Taaminaa, Aqaaroon,

44 Iltaqee, Gabaatoon, Baa'ilaat,

45-46 Yihuud, Bineebraaq, Gaatrimoon, Meeyaariqoon, Raqoonii Daangaa Iyyoophee afoo jiruu,

47 Garuu ijoollee Daanii lafti waan itti dhiphatteef ijoollee Leeshemiitiin lolanii lafa isaanii irraa fudhatanii irra jiraatan. Maqaa lafa sanii maqaa abbaa ufii Daaniin itti baasan.

48 Kanaafuu lafti ijoollee Daanii akkuma gosa isaaniitiin qachootaa fi gandoota kanniin.


Lafa Dhumaa Ka Iyyaasu'uu Kennan

49 Ijoolleen Israa'elii lafa maraa haga daangaa itti baasanii qoqqoodaniin maayessa uf keessatti ilma Nawwe'ee Iyyaasu'uuf,

50 lafa gaaraa ta biyya Efreemii ta Minaaseeraa jedhamtu qachaa inni fedhu akkuma ajaja Rabbiitiin kennaniif; innillee qachaa ijaaratee achi keessa taa'e.

51 Lafti ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun, gadichi Alaazar, gofti ijoollee Israa'eliitii fi bulchoonni abbootaa Rabbiin afo'otti Seelo'otti daasee wol gayi'ii keessatti qoodamanii fixan kana.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ