Kitaaba Iyyaasu'uu 18 - Kitaaba WoyyuuAkkaataa Lafa Hafe Itti Qoodan 1 Baniin ijoollee Israa'elii maruu Seelo'otti wol gayanii achitti daasee wol gayi'ii dhaaban; baniin biyya saniillee cadhisee isaan jalatti bule. 2 Ijoollee Israa'elii keessaa worri lafa hin qoodamne gosa torbatu hafe. 3 Iyyaasuunillee ijoollee Israa'eliitiin akkana jedhe, «Lafa Rabbi akka dhaaltaniif isinii kenne itti galu'uuf haga yoomii lash jettan? 4 Gosa maraa keessaa namoota sadihi sadihi filadhaa'a; anillee isaan erga, isaanillee ka'anii biyyattii irra naannayanii haga qooda lafa isaanii galmeessanii gara kiyya haa deebi'anii. 5 Bakka torbatti haa qoqqoodanii; Daangaan isaanii gara bita'aatiin Yihuudaa'a, daangaa gara mirgaatiin worra Yooseefiititu jiraata. 6 Isinillee barreeffama lafa bakka torbatti qoodan san gara kiyya fidaa'a; anillee Rabbii Waaqa keenna afo'otti hixaa isinii buusaa. 7 Garuu worri Leewwotaa gadoota Rabbii waan ta'aniif isin biratti lafa hin qaban; Gaadi, Roobeel, gofti Minaase'ee wodhakkaan laga Yoordaanosiitiin gama gara baya biiftu'uutitti lafa isaanii ka garbichi Rabbii Muuseen isaanii kenne fudhataniiran» jedhe. 8 Achiin maayessa namoonnillee achii ka'anii deeman Iyyaasuun namoota lafa galmeessu'uuf deeman sanniiniin, «Deema'aa lafa naannaya'aatii galmeessa'aatii gara kiyya fidaa'a; anillee Seelo'otti Rabbiin afo'otti hixaa isinii buusaa» jedhee isaan ajaje. 9 Namoonnillee deemanii lafa naannayanii akkuma qachaa isaaniitiin bakka torbatti qoodanii galmeeffatanii gara Seelo'oo hulee Iyyaasuun itti quphateetitti deebi'an. 10 Iyyaasuunillee Seelo'otti Rabbiin afo'otti hixaa isaanii buusee achitti Iyyaasuun ijoollee Israa'eliitii akkuma gosa isaaniitiin lafa isaanii qoode. Lafa Biiniyaamiif Kennan 11 Hixaan gosa ijoollee Biiniyaamii akkuma gosa isaaniitiin isaanii baye; hixaan isaanii worra Yooseefiitii fi worra Yihuuda'aa jidduu ta'e. 12 Daangaan lafa isaanii gara mirgaatiin laga Yoordaanosii bira gaya; daangaan lafa isaanii gara Iyyaariko'ootiin haga worra gara mirgaatiin jiranii gaya; achiillee ka'ee haga biyya gaaraa haga dhiyaa gaya; karri bayaniinillee gara lafa gammoojjii Beti'awweeniiti. 13 Gara bita'aatiin daangaan isaanii gara Loozaa Beeteel jedhamtuu gaya; gara bita'aatiin daangaan isaanii Beetihooroonii gadiin, gara Axaaro'adaariititti gad bu'a. 14 Daangaan isaanii gara dhiyaatiin Beetihooroon afo'oon gara gaara bitaa irra jiruutiin naannaya; karaan isaan bayaniin gara qachaa Yihuuda'aa ta gara hulee Qiritiyi'aariim jedhamtuutiin; daangaan kun gara dhiyaatiin, 15 gara bita'aatiin daangaan Qiriyaatiyi'aariim daangaa dhumaati; gara dhiyaatiin haga burqaa bisaanii ka Naaftoo jedhamuu gaya. 16 Daangaan isaanii gaara dhooqa ilma Heenoomii afoo jiruu gaya; kunillee dhooqa Raffaayimii ka gara mirgaatiin jiruuti; gara bita'aatiin gara dhooqa daangaa Heenoom Iyyaabuusii biraan gara Ayinaroogeelii biraan gad bu'a. 17 Gara Mirgaatiin lufee burqaa Beetisaamisiititti irra bayee, goodda Adumiimii afoo jiruun gara Geelilooti, gara dhagaa Boohanii ilma Roobeelii gad bu'a. 18 Gara mirgaatiin haga lafa Arabaa gaya. 19 Daangaan achii ka'e Beetihoogla'aa gara worra gara mirgaa jiruu lufa; karri bayaniinillee dhuma laga Yoordaanosii ka galaana sooqiddaa ka Lissaan jedhamu biraan; kun daangaa gara bita'aati. 20 Gara baya biiftu'uutiin daangaan lafa sanii Yoordaanosi; kun daangaa lafa ijoollee Biiniyaamii akkuma gosa isaaniitiin ture. 21 Qachoonni ijoollee Biiniyaamii Iyyaarikoo, Beetihooglaa, Amaqaasisi, 22 Beeti Arabaa'a, Zamaaraayiim, 23-24 Beeteel, Awiim, Faaraa, Eefraataa, Kifri'amonaayi, Oofnii, Gaabaa, qachoota kudha lamaa kanniinii fi gandoonnillee achi keessa jiran. 25 Lafti ijoollee Biiniyaamii akkaataa gosa isaaniitiin Gabaa'oon, Raamaa, Bi'eerooti, 26 Mitsiphaa, Kaafiraa, Amooqi, 27-28 Reeqeem, Yiriphi'eel, Taraalaa, Teelaa, Eleef, Qiriyaatigibi'aati, qachaa Iyyaabusii ta Yerusaalem jedhamtu qachoota kudha sadihii fi gandoota kanniin ture. |