Kitaaba Iyyaasu'uu 17 - Kitaaba WoyyuuGosa Minaase'ee Ka Gara Laga Yoordaanosiitiin Cinaa Dhiyaatitti Quphatan 1 Hixaan gosa Minaase'ee kana; waan ilmi hangafaa ka Yooseefii isa ta'eef ilmi Minaase'ee ka hangafaa abbaan Gala'aadii Maakiri loltuu jabaa waan ta'eef biyya Gala'adiitii fi biyya Baasaanii fudhate. 2 Hixaan hafe ijoollee Minaase'eetiif akka worra isaaniitiin, ijoollee Abi'eezeriitii, ijoollee Keleegiitii, ijoollee Asri'eeliitii, ijoollee Seekeemiitii, ijoollee Oofeeriitii, ijoollee Shamida'aatiifillee hin kenname; ijoolleen dhiiraa ta Minaasee ilma Yooseefii akkaataa gosa isaaniitiin kanniin. 3 Ilma Minaase'ee, ilma Maakirii, ilma Gala'aadiitii fi ilma Oofeeriiti. Salapha'aad garuu ijoollee intalaa malee ijoollee dhiiraa hin qabu. Maqaan ijoollee isaa Maahilaa, Nu'aa, Eeglaa, Milka'aa fi Tirsa'a. 4 Isaan gara gadicha Alaazariitii fi gara ilma Nawwe'ee gara Iyyaasu'uu gara bulchootaallee dhufanii, «Rabbi obboleewwan teenna jiddu'utti lafa akka nuu kennu Muusee ajajeera» jedhan. 5 Biyya Gala'aadiitii fi biyya Baasaanii ka laga Yoordaanosiitiin gama jiruu achi Minaase'eef qooda kudhan kennan. 6 Ijoolleen intalaa ta Minaase'ee obboleewwan isaanii jiddu'utti lafa waan fudhataniif lafti Gala'aadii ka hafe garuu ijoollee dhiiraa ta Minaase'eetii kenname. 7 Daangaan lafa Minaase'ee biyya Aseeriitii jalqabee haga Mikimtaatii Seekimiin afo'ooti; daangaan isaa gara mirgaatiin gara namoota worra Ayintaaphuwa'aa gaya. 8 Lafti Taaphuwwa'aa ta Minaase'ee turte. Daangaan Minaase'ee ka gara lafa Taaphuwa'aatiin jiru garuu ijoollee Efreemiitii kenname. 9 Daangaan isaa gara cinaa bita'aatiin haga laga Qaana'aatii gad bu'a; qachaan qachoota Minaase'ee keessaa Efreemii kennaman; Daangaan Minaase'ee gara mirgaatiin haga lagaati; karri bayaniinillee cinaa gara galaanaatiin; 10 Garri bita'aa ka Efreemiiti; garri mirgaa garuu ka Minaase'eeti; daangaan isaa galaana bira gaya; gara cinaa mirgaatiin gara lafa Aseerii, gara baya biiftu'uutiin garuu lafa Yisaakoorii bira gaya. 11 Lafa Yisaakooriitii fi lafa Aseerii jidduu, Beetisaanii fi gandoota isi'ii, Yibili'aamii fi gandoota isi'ii, Doorii fi namoota ganda isi'ii keessa jiraatan, Ayindoorii fi namoota ganda san keessa jiraatan, Taa'inaakii fi namoota ganda san keessa jiraatan, Maqido'oo fi namoota ganda san keessa jiraatan, Tulloonni sadiinuu ka Minaase'eeti. 12 Ijoolleen Minaase'ee garuu namoota qachaa kanniinii ari'uu hin dandeenne; garuu worri Kana'aanii jabaatanii biyya san keessa jiraatan. 13 Ijoolleen Israa'elii hennaa jabaatanii achi keessa jiraatan, worra Kana'aanii hujii hunnaa hojjachiifatan malee sirima isaan hin ariine. Wodhakkaan Gosa Minaase'eetii Fi Gosa Efreemii Lafa Eda'atu'uuf Gaafatan 14 Ijoolleen Yooseefii Iyyaasu'uun, «Ani waan banii guddaa ta'eef, Rabbi guddisee waan na eebbiseef maaf lafa diqqoo naa kutte?» jedhaniin. 15 Iyyaasuunillee, «Ati yoo banii hedduu taatee biyyi Efreemii ka gaaraa sitti dhiphate, gara lafa mukaa worra Feerzotaatii fi lafa worra Raaffaayii dhaqa'aa ciradha'aa baafadhaa'a» isaaniin jedhe. 16 Ijoolleen Yooseefii garuu, «Biyyi gaaraa nu hin gawu; worri lafa dhooqaa keessa jiraatan, worri lafa dhooqaa ka gandoota Iiyiziraa'elii keessa jiraatan, Worri Kana'aanotaa konkolaataa sibiilaa qaban» jedhaniin. 17 Iyyaasuun worra Yooseefii, Efreemii fi Minaase'een, «Ati banii gudda'a; hunna jabaa qabda; qoonni tokko callaan si hin geettu, 18 Biyyi gaaraallee kee ta'a; yoo araddaallee ta'e cirtee kee godhatta; worri Kana'aanotaa konkolaataa sibiilaa qabaatanii yoo jabaatanillee isaan ariita» isaaniin jedhe. |