Kitaaba Iyyaasu'uu 16 - Kitaaba WoyyuuLafa Gosa Efreemiitii Fi Gosa Minaase'eetii Kennan 1 Lafti ijoollee Yooseefiitiif kenname Yoordaanosii baya biiftu'uutii jalqabee gara kolba gaara lafa gammooji'iitiin Iyyaarikoo irraa Beeteeliin gaya. 2 Beeteeliin irraallee haga Looza'aa dhaqa. Gara kolba daangaa worra Arkaanotaatiin haga biyya Axaarootii gaya. 3 Gara dhiyaatiin haga daangaa worra Fileexootaa ka daangaa Beetihaarooniitii haga Geezirii gad bu'a. Huleen bayaniinillee cinaa galaana gudda'aatiin. 4 Ijoolleen Yooseefii Minaaseenii fi Efreemillee lafa ufii dhaalan. 5 Daangaan ijoollee Efreemii akka worra isaaniitiin kolba baya biiftu'uutiin lafti isaanii Axaarooti'adaariitii haga Beetihoonii gaya. 6 Daangaan isaanii achillee lufee galaana guddaa bira gayee gara dhiyaa Mikimta'aatii haga lafa mirgaa gaya; daangaan isaanii gara baya biiftu'uutiin naannayee Ta'aanaat Seeloo gaya; gara baya biiftu'uutiin Iyyaanookiin bira lufa. 7 Iyyaanookii haga Axaarootinaa, Na'aaraatiin gayee Iyyaarikoo bira gara Yoordaanosii ol baye. 8 Daangaanillee Taaphuwwa'aa gara dhiyaatii haga laga Qaana'aa lufa; huleen bayaniin galaana guddaa biraan ture. Lafti ijoollee Efreemii akka gosa isaaniitiin kana ture. 9 Kun worra lafa ijoollee Minaase'ee keessa jiranii fi gandootaa fi qachoota ijoollee Efreemiitii kennan wolitti qabata. 10 Isaan worra Kana'aanii Geeririin keessa jiraatan hin ariine; haga adhaallee worri Kana'aanii ijoollee Efreemii woliin jiraatan; haga adhaatitti hujii hunnaa isaan hojjachiisan. |