Kitaaba Iyyaasu'uu 15 - Kitaaba WoyyuuLafa Gosa Yihuuda'aatii Kenname 1 Gosa ijoollee Yihuuda'aatiif akkuma gosa isaaniitiin gammoojjii Tsiiniitii haga daangaa lafa gara bita'aatii fi haga daangaa Edoomiyaasii ufii fudhatan. 2 Daangaa isaanii ka gara bita'aatiin jiruu haga dhuma galaana sooqiddaatii fi haga galaana bita'aatiin jiruu ka haga galoo galaanaati; 3 Karaa gara bitaa Aqiriibiitiin gara Tsiinii lufa; karaa cinaa Qaadesii Barne'eetiin gara bita'aa bayee, Atsirooniin biraan lufee gara Adriimii, 4 Qarqaa naannayee, karaa Atsimooniitiin lufee haga laga biyya Misirii ol baye; daangaan isaanii ka gara bita'aa kana. 5 Daangaan karaa baya biiftu'uutiin jiru galaana sooqiddaa irraa haga dhuma laga Yoordaanosiitii achii haga daangaa galoo galaanaa ture; daangaan gara mirgaatiin jiru haga dhuma laga Yoordaanosii ture. 6 Daangaan isaa achii ka'ee haga Beetihoogla'aa gaya; gara mirgaatiin Beeti Arabaa biraan gara mirgaatiin lufee lafa ijoollee Roobeeliitii haga dhagaa Boohinii gaya. 7 Daangaan isaa dhooqa Aakooriitii haga Daabeerii gaya; gara mirgaatiin Gelgalaa fuullee Adoomisii gara bita'aatiin jirtuu gaya. Daangaan isaa gara laga Beetisaamisii biraan lufa; karaan daangaan sun bawuun gara karaa cinaa Ayinooroogeeliiti. 8 Daangaan isaallee karaa ladda dhooqa ilma Heenoomii Yerusaalem jedhamtuu gara Iyyaabusootaa, gara worra gara bita'aatiin jiranii gaya; daangaan isaa dhooqa Raaffaayimii, dhooqa Heenoomii gara mirgaatiin jiruu haga karaa worra fuullee dhiyaatiin jiranii haga worra gaara gubbaa jiranii gaya. 9 Daangaan isaa gaara gubba'aa haga burqaa Neefto'oo haga qachoota gaara Eeftiroonii, Ba'aalaa Qiriyati'aarim jedhamtuu gaya. 10 Daangaan isaa Ba'aalaa gara dhiyaatiin jirtuu haga karaa gaara Seeyiriitiin naannayee gaara Iyyaa'irii Kisaaloon jedhamtuu karaa gara gaara Yi'aarimii gara worra mirgaan jiranii lufee haga Beetisaamisii gad bu'ee Beetiminaa bira lufa. 11 Daangaanillee Aaqaaroonii gara worra mirgaan jiranii haga Shikroonii, haga gara ba'aala'aa haga ladda Yabini'eeliitii fi haga daangaa bayiinsa ladda galaanaati. 12 Daangaan gara dhiyaatiin jiru haga daangaa galaana gudda'aa gaya; daangaan ijoollee Yihuuda'aa akka gosa isaaniitiin kana ture. Kaaleeb Keebroonii Fi Dabiriin Mooyatee Qabate ( Abbo. Mur. 1:11-15 ) 13 Akkuma Rabbi Iyyaasuu ajaje, Kaaleebii ilma Yoofooniitii ijoollee Yihuuda'aa keessatti qachaa Qiriyaati'arbaaq jedhamtu qoodee kenneef; qachaan sun Keebroon; Arbaaqiin kun garuu abba Eenaaqii ture. 14 Kaaleeb ijoollee Eenaaqii sadiin Seesiin, Akimaanii fi Taalimiin achii baase. 15 Inni achii ka'ee banii Dabiiriin keessa jiraataniin lolu'uuf dhaqe qachattiin sun duraan Qiriyaatiseefer jedhamti turte. 16 Kaaleebillee, «Nama Qiriyaatiseeferiin lolee qabatuuf mucattii tiyya Aaksaaniin kennaaf» jedhe. 17 Obboleessi Kaalebii ilmi Qeeneezii Gotoniyaal lafa san qabannaan Kaaleeb garuu mucattii ufii Aaksaaniin itti heerumsiise. 18 Isiin hennaa isatti heerumte, abbaa ufii akka inni lafa qonnaa isi'iif kadhatuuf gorsite; isiin hennaa gara abbaa ufii dhufte harree yaabbatte irraa buute; Kaaleeb, «Maal barbaadda?» isi'iin jedhe. 19 Isiin, «Ati Lafa gara bita'aa naa kenniteertaa ammallee lafa burqaa bisaanii qabdu naa kennii na eebbisi» jetteen; innillee burqaa bisaanii ka olii fi gadiin jiru lamaan isi'ii kenne. Qachoota Yihuuda'aa 20 Lafti gosa ijoollee Yihuuda'aa kana; 21 Daangaan gara bita'aatii haga daangaa qachoota ijoolleen gosa Yihuuda'aa ka Edoomiyaasiin keessa jiranii kanniin. 22 Qabsi'eel, Eedeer, Yaaguur, Qinaa, 23 Dimonaa'a, Adi'aadaa, Qaadees, Hasoor, Yuutinaan, 24-25 Ziif, Xeeleem, Ba'aalooti, Asorhadaataa'aa fi Qiriyaatihatsoorii Atsoor jedhamtu. 26-27 Akkasuma Amaam, Shimaayi, Molaadaa'a, Asargaaddaa, Hashmoon, 28 Beetiphaaleex, Asarshu'aal, Beersaabeehi, Biiziyootiyaa'a. 29-30 Ba'aalaa, Iyyum, Aseem, Eltolaad, 31 Kiisiil, Heermaa, Tsiglaag, Maadmaanaa, Saansaanaa, 32 Libbaawot, Shilihiim, Aayinii fi Riimoon; wolumaa galatti qachootaa fi gandoota diddamii sagal kanniin. 33 Lafti gammoojji'ii garuu; Eshtaa'ol, Xoor'aa, Ashnaa, 34 Zaanowaa, Aayinganiim, Taaphuwaa, Ayinaam, 35 Yermuut, Adoolaam, Sakoot, Azeeqaa, 36 Shi'aarayim, Aditaayim, Gideera'aa fi Gideerootaayim; wolumaa galatti qachoota kudha afurii fi gandoonni didiqqaanillee achi keessa jiran. 37 Tsinaan, Hadaashaa, Migdaalgaad, 38 Diile'aan, Mitsiphaa'a, Yookteel, 39 Lakiiso, Bootsqaati, Adoolaam, 40 Kaboon, Lahimaas, Kiitliish, 41 Gideeroot, Beetdaagoon, Naa'ima'aa fi Maqeeda'a; wolumaa galatti qachoota kudha jahaa fi gandoonni didiqqaanillee achi keessa jiran. 42 Libinaa'a, Eteer, Ashaan, 43 Yiftaa, Ashnaa, Nitsiib, 44 Qi'iilaa, Akiziibii fi Mariisaan; wolumaa galatti qachoota sagalii fi gandoonni didiqqaanillee achi keessa jiran. 45 Achitti qachoota isi'ii didiqqo'oo fi gandoota isi'ii woliin qachaa Eeqroon jedhamtutu jira. 46 Naannoo Ashdoomii Eeqroonii haga galaana guddaa Meditiraaniyaanii, qachootaa fi gandoota ijaaramantu jira. 47 Akkasuma haga daangaa biyya Misiriititti argamuu qachootaa fi gandoota galaana guddaa Meditiraaniyaanii bira jiran ka Ashidoo fi Gaazaa jedhamanii waamamantu jira. 48 Biyya gaarraniitittillee biyya Saamir, Yaatiir, 49 Sookoo, Dana'aa fi Darber Qiriyantisaama jedhamtee waamamtu. 50 Anaab, Eshitimo'aa, Aniim, 51 Gasoom, Hooloonii fi Giilo'o; wolumaa galatti qachoota kudha tokkoo fi gandoonni didiqqaanillee isii keessa jiran. 52 Akkasuma qachoonni Araabi, Duumaa, Eshi'aan, 53 Yaaniim, Betitaaphuwwaa, Afeqaa, 54 Humxaa, Keebroonii Qiriyaatarbaayi jedhamtu Tsii'oor; wolumaa galatti qachoota sagalii fi gandoonni didiqqaan achi keessatti argaman. 55 Kanniinii achillee qachoota Maa'oon, Qarmeloos, Ziif, Yuuxaa, 56 Iyiziraa'el, Yooqidi'aam, Zaanowaahii, 57 Qaayin, Gibi'aa fi Taamina'a; wolumaa galatti qachoota kudhanii fi gandoonnillee achi keessa jiran. 58 Akkasuma qachoota jahaa ka Halhul, Beetituun, Geedoor, 59 Maa'iraat, Beetanootii fi Eltiqoon jedhamanii waamamanii fi gandootatu keessa jira. 60 Qiraatiba'aalii fi Qiraatiyi'aariim jedhamuuf qachaa Raabaat, qachoota lamaanii fi gandoota. 61 Qachoota jahaa ka lafa gammoojji'ii jiru Beeti'araabaa, Miidiin, Sikaakaa, Nibishaan, qachaa sooqiddaa Ayiingaadii fi 62 gandoota naannaya isaaniititti argaman wolitti qabata. 63 Ijoolleen Yihuuda'aa garuu worra Iyyaabusootaa ka Yerusaalemiin keessa jiraatan baasuu hin dandeenne; haga adhaatitti worri Iyyaabusootaa ijoollee Yihuuda'aa woliin Yerusaalemiin keessa jiraatan. |