Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 6 - Kitaaba WoyyuuSaanduuqa Waadaa Rabbii Mana Aminaadaabiitii Gara Yerusaalemii Fidan ( Sen. 1ffaa 13:1-14 ; Sen. 1ffaa 15:25-26 ; 6:43 ) 1 Daawiti ammallee Israa'eliin keessaa worra filataman namoota haga kuma soddomaa wolitti qabe. 2 Daawitii fi baniin isa woliin turan maruu Ba'aalii Yihuudaa keessa jirtuu ka'anii maqaa Rabbii Gooftaa banii maraa ka Kiruubeelii irra taa'een waamamu gabatee saanduuqa Rabbii achii fidu'uuf deeman. 3 Saanduuqa waadaa Rabbii konkolaataa fardaa haarawa irratti fe'anii mana Aminaadaabii ka gaara irra turee fidan; ijoolleen Aminaadaabii Ooza'aa fi Ahaayu konkolaataa fardaa haarawa oofa'aa turan. 4 Saanduuqa waadaa Rabbii mana Aminaadaabii ka tulluu irra jiru irraa hennaa fidan Ahiyoon saanduuqa waadaa Rabbii afoo deema'aa ture. 5 Daawitii fi manni Israa'elii maruu faaruu masiinqoo'o, dibbee'e, laagaa kiraaraa, meeshaa faaru'uu ka adda addaatii fi sibiila shaka shaka jedhuun afoo Rabbiititti hunna guutu'uun taphata'aa turan. 6 Hennaa oobdii Naakoonii gayan sangoonni buburraaqa'aa turan; Oozaan harkaan hiixatee saanduuqa waadaa Rabbii qabe. 7 Lolli Rabbii Oozaa irratti jabaate; Rabbillee waan ugga isaatiif achumatti isa qoome; achumatti saanduuqa waadaa Rabbii biratti du'e. 8 Rabbillee Oozaa waan ajjeeseef Daawiti gaddee haga adhaa maqaan hulee sanii «Feereetsi Oozaa» jedhamee itti baye. 9 Guyyaa san Daawiti Rabbiin sodaatee, «Saanduundhi waadaa Rabbii attamitti gara kiyya dhufa?» jedhe. 10 Daawitillee saanduuqa waadaa Rabbii gara qachaa ufii fiduu hin jaalanne; Daawitillee mana Abidaaraa nama Geetiititti galche. 11 Saanduundhi waadaa Rabbii mana Abidaaraa nama Geetii haga ji'a sadihii taa'e; Rabbillee Abidaara'aa fi mana isaa maraa hin eebbise. 12 Mootichi Daawiti Rabbi mana Abidaara'aatii fi waan inni qabu maraa sababaa saanduuqa waadaa Rabbiitiif akka eebbise dhagaye; Daawitillee dhaqee saanduuqa waadaa Rabbii mana Abidaara'aatii gara qachaa Daawitii gammachu'uun akka fidan godhe. 13 Worri saanduuqa Rabbii baatan akkuma tarkaanfii jahaa deemaniin korma tokkoo fi mirgoo tokko fidee ciincesse. 14 Daawitillee hunna ufii maraan Rabbiin afo'otti shubbisa'aa ture; Daawitillee uffata ulfinnaa uffatee ture. 15 Daawitii fi manni Israa'elii maruu hoo jedha'aa xurumbaa afuufa'aa saanduuqa waadaa Rabbii fidan. 16 Saanduundhi waadaa Rabbii gara qachaa Daawitii hennaa gale intalti Saa'olii Meelkool foddaa irraan argite; mootichi Daawiti Rabbiin afo'otti utaala'aa hennaa shubbisu argitee qalbii ufii keessatti isa tuffate. 17 Saanduuqa waadaa Rabbii fidanii, daasee Daawiti qopheesseef hulee dallawame kaayan; Daawitillee ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa Rabbiin afo'otti dhiyeesse. 18 Daawitillee ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa dhiyeessee haga raawwateen maayessa maqaa Rabbii Gooftaa banii maraatiin namoota eebbise. 19 Banii maraafuu gosa Israa'eliitii, dhiiraa, dubarti'iif tokko tokko isaaniitiif buddeena tokko tokko, muraa foonii tokko tokkoo fi daraaraa woyini'ii ka baxxeeffame qoodan; baniin maruu mana mana ufiititti galan. 20 Achiin maayessa Daawitillee maatii ufii eebbisu'uuf deebi'e; intalti Saa'olii Meelkool Daawitiin simatu'uuf gad baatee, «Akka womaa womteen qullaa uf mudhisan mootiin Israa'elii afoo babbreeddan garboota ufiititti uffata mulqatee qullaa ta'uun ka hagam kabajjame!» jetteen. 21 Daawitillee Meelkooliin, «Rabbiin afo'otti shubbiseera; banii Israa'elii akka bulchu abbaa keetii fi mana isaa caalaa Rabbiin na filate ka eebbifame haa ta'u; kanaafuu Rabbiin afo'otti uf salphisa. 22 Ammallee haga amma ta'e kana caalaa ka tuffatame ta'a; ija kee afo'otti hin salphadha; garuu babbreeddan ati waan isaanii dubbatte biratti ulfinna argadha!» isi'iin jedhe. 23 Sababaa kanaaf Meelkool intalti Saa'olii uduu finna hin deenne duute. |