Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 4 - Kitaaba WoyyuuIyyaabustee Ajjeesan 1 Ilmi Saa'olii Iyyabuusteen akka Abaaneer Keebroonitti du'e hennaa dhagaye, harki isaa dadhabe; Israa'eloonni maruu hin nayan; 2 ilmi Saa'olii Iyyabuusteen bulchoota worra duuluu namoota lama qaba ture; maqaan tokkoo Ba'aana'a; maqaan ka lammeesso'oo Reekaab ture; ijoollee gosa Biiniyaamii keessaa ijoollee Reemooniititu ture; Bi'eerootillee akka gosa Biiniyaamiititti laakkayamti. 3 Namoonni biyya Bi'eerootiillee gara qachaa Geetemiititti baqatanii turan; haga adhaallee achuma jiraatan. 4 Ilmi Saa'olii Yoonaataan ilma laamshayaa tokko qaba ture; Saa'olii fi Yoonaataan hennaa du'an inni ijoollee woggaa shanii ture; oduun du'uu Saa'oliitii fi Yoonaataa qachaa Iyiziraa'eliitii hennaa odeeffamu ta isa guddiftu isa baadhattee baqatte; garuu uduu ariifattee dheessitu harkaa kufee laamshayaa ta'e; maqaan isaa Memfiboostee jedhama ture. 5 Ijoolleen Reemoonii ka Bi'eerootaa Reekaabii fi Ba'aanaan hennaa aduun oo'ite gara mana Iyyaabuuste'ee dhufan; inni hennaa aduun oo'ite guyyaa afaa irra ciisee ture. 6 Ta balbala eeddu balbalatti qamadii hafarsa'aa turte; isiin muddee raftee turte; kanaaf Reekaabii fi obboleessi isaa Ba'aanaan suutaan mana seenan. 7 Hennaa gara manaa seenan, inni gola keessatti afinaa irra rafee uduu jiru dhayanii ajjeesan; morma isaallee muranii fudhatan; halkan guutuu karaa Arabaatiin deeman. 8 Mataa Iyyaabuste'eellee qabatanii gara Keebroonii gara Daawitii fidan; mootichaan, «Ka lubbuu kee soqa'aa ture ka diina keetii ilma Saa'olii kunoo mataa Iyyaabuste'ee Rabbi adha Saa'oliif fiixaa gooftaa mootii keennaatiif haluu bayeeraaf» jedhaniin. 9 Daawiti garuu ijoollee Reemoonii ka Bi'eerootaa Reekaabii fi obboleessa isaa Ba'aana'aa akkana jedhee deebiseef; «Lubbuu kiyya rakkoo maraa irraa ka fayyise Rabbiin jiraataan 10 oduu michuu waan qabate fakkaatee, gammachuu du'a Saa'olii ka natti hime gatii akka ta'uuf qabee Tsiqilaagitti ajjeese. 11 Kana ammo nama qulqulluu mana ufii ciisa'aa ture ka ajjeeftan isin cubbamtoota attami'iiti? dhiiga isaa harka keessan irraa hin soquu? lafa irraa isin hin balleessuu!» 12 Daawitillee loltoota ufii ajajee harkaa fi luka isaanii muranii isaan ajjeesanii reeffa isaanii Keebrooniin hulee bisaan kuufamu biratti rarraasan; mataa Iyyaabuste'ee ammo fuudhanii Keebroonitti awwaala Abaaneerii biratti awwaalan. |