Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 23 - Kitaaba Woyyuu


Dubbii Dhumaa ka Daawiti Dubbate

1 Ka Rabbi kabajje; ka Waaqa Yaaqoobiitiin muudame; ka banii Israa'elii keessatti faaruu mishaa faarfatu; dubbiin ilma Isseyii ka dhumaa kana.

2 Hafuurri Rabbii na keessaan dubbate, Jechi isaallee afaan kiyya irra jira.

3 Waandhi Israa'elii natti dubbateera ka Israa'eliin eegu akkana naan jedhe. namni qajeellumma'aan bulchu, ka sodaa Rabbiitiin moowu,

4 Inni akka ifa biiftuu ganamaati. Ganama akka ifa duumessi hin qabnee, akka marga roobni yoo itti roobeen maayessa lalisuu ta'a.

5 Waa maraanuu ka midhaagee fi ka abdatame; dhugamaan manni kiyya Rabbiin afo'otti amanama'aa mii? inni waadaa baraa haga bara baraa ka hin diiggamne na woliin galeera; fedha kiyyaa fi hawwii kiyya maraa naa raawwata.

6 Worri hammeeyyiin maruu akka qoree harkaan hin qabamnee ka namni gateeti.

7 Namni kamuu yoo isa tuquu barbaade sibiilaa fi uffata sibiilaa qabata. hennaa san hujii ufiitiin sirima gubatan.


Loltoota Daawitii Ka Gurra bayan
( Sen. 1ffaa 11:10-41 )

8 Maqaan loltoota Daawitii jajjabaan kanniin; Iyyaabusteen gosa Kana'aanii ka bulchoota bulchu ture; inni woraana fudhatee hennama tokko haga nama dhibba saddeetii ajjeese.

9 Isaan maayessa Eeliyaanaa ilma Duudii ka gosa Ahowa'aati; hennaa worra Filisxeemii ka lolaaf wolitti qabamaniin lolan loltoota Daawitii jajjabaa sadiin keessaa tokko isa; worri Israa'eliillee hin dacha'an.

10 Inni garuu ka'ee dhaqee haga harki isaa haree dadhabutti worra Filisxeemii dhaye; guyyaa san Rabbi mootee guddaa kenneef; isaan maayessa baniin haga lolli dhaabate boojuu callaa guurachu'uuf deebi'an.

11 Isaan maayessa Saamaa ilma Age'ee ka gosa Arooda'aa ture; worri Filisxeemii maasaa worra biyya Misirii itti facaafame keessatti hulee tokkotti wolitti qabamanii turan; baniin Israa'elii garuu worra Filisxeemii jalaa dheesse.

12 Inni ammo qonna keessa dhaabatee eegee worra Filisxeemii ajjeese; gaafas Rabbi mootee guddaa kenneef.

13 Namoota biyya bulchan namoota soddomaa keessaa namni sadihii hennaa midhaan haamamu Adoola'atti goda Daawiti jiru dhaqan; loltoonni worra Filisxeemii dhooqa raaffaayimiititti quphatanii turan.

14 Hennaa san Daawiti goda keessatti dhokatee ture; hennaa san loltoonni worra Filisxeemii Beteliheemiin turan.

15 Daawiti, «Eennumatu burqaa balbala Beteliheemii jirtuu irraa na obaasa!» jedhee yaade.

16 Loltoonni Daawitii jajjabaan sadiin loltoota worra Filisxeemii keessa lufanii burqaa Beteliheemii ka balbalaa irraa woraabanii Daawitii fidan. Inni garuu dhuguu hin barbaanne bikka san bisaan san jissee,

17 «Rabbii kiyya! Ani sirima bisaan kana hin dhugu; ani yoo bisaan kana dhuge akka waan dhiiga namoota jajjabaa uf irraa bayanii dhaqanii bisaan kana woraabanii dhugeeti!» jedhe; wonti namoonni jajjabaan sadiin sunniin godhan kana.

18 Abiisaan ilma Tsuuriya'aa obboleessa Iyyoo'aabii ajajaa loltoota soddomaati; inni woraana ufii fudhatee namoota dhibba sadihii fixe; kanaafuu inni akkuma namoota sadihii jajjaboota sanniinii gurra dhagayate.

19 Inni namoota soddomaa sanniin keessaa nama jabaa waan ta'eef isaan irratti muudame; garuu inni akka namoota jajjabaa sanniiniitii miti.

20 Baanayaas ilmi Yoodaahe'ee jabaa gosa Qabxeelii ka biyya Tsinu'ii ijoollee lamaa ta gosa Qabseelii gosa Moo'aabii ajjeese; ji'a qorri bu'e boolla leencaa keessa seenee leenca ajjeese.

21 Nama dheeraa biyya Misiriillee hin ajjeese; namichi du'u ka biyya Misirii woraana harkaa qaba; Banayaas garuu ulee harkatti qabatee woraana isaa harkaa fudhatee isa ajjeese.

22 Wonti Banayaas akka namoota jajjabaa sadihii sanniiniititti raawwate kanniin.

23 Inni loltoota soddomaa sanniin caalaa beekkamaa ta'ullee jabeennaan namoota sadihii sanniin hin gawu; Daawiti Banayaasiin ajajaa waardiyyoota isa eeganii godhee isa muude.

24-39 Worra soddomman keessaa maqaan namoota kaawwanii kanniin; Azaahelii obboleessa Iyyoo'aabii, Elihaanaa ilma Doodo'oo ka Betelihemitti dhalate, Shamaya'aa fi Eliiqaa ka Harooditti dhalatan, Helesii Felexitti dhalate, Eeraa ilma Iqeeshii ka Teqo'atti dhalate, Abi'eezarii Anaatotitti dhalate, Mabunaayii Husha'atti dhalate, Tsalmoonii Aboohitti dhalate, Maahiraayii Naxoofa'atti dhalate, Heleebii ilma Baa'inaa ka Naxoofa'atti dhalate, Itaayii ilma Ribaayii ka Gibi'aa bulchiinsa Biiniyaamii keessatti argamtutti dhalate, Banaayaa Piri'aatoonitti dhalate, Hidaayii dhooqa Ga'aashii biratti dhalate, Ebi'aalboonii Arabatti dhalate, Azmaaweetii Barihuumitti dhalate, Eliyaahibaa Sha'aalmoonitti dhalate, ijoollee Yaasheenii, Yoonaatiin, Shaamaa Araritti dhalate, Ali'aamii ilma Shararii ka Araritti dhalate, Elfaaleetii ilma Ahasabaayii ka Ma'ika'atti dhalate, Eeli'aamii ilma Akixoofeelii ka Giilo'otti dhalate, Hetsiroo Qarmeloositti dhalate, Pa'aaraayii Arabatti dhalate, Yegi'aalii ilma Naataanii ka ilma Tsooba'aa, Baanii Gaaditti dhalate, Tseleeqii Amoonitti dhalate, Naahiraahii gargaaraa Iyyoo'aabii ture; Ka Baa'erootitti dhalate Iraanaa, Gaareeb, Ooriyoonii gosa Hiitotaa ka Yeteritti dhalatan, Wolitti qaba'atti loltoonni gurra bayan jajjabaan soddomii torba turan.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ