Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 2 - Kitaaba Woyyuu


Daawiti Mootii Biyya Yihuuda'aa Ta'e

1 Achiin maayessa Daawiti qachoota Yihuuda'aa keessaa gara takkaa bayuu? jedhee Rabbiin gaafate. Rabbillee, «Ee bayi» jedheen. Daawitillee, «Gara qachaa tamii baya?» jedhee gaafate. Rabbillee, «Gara Keebroonii bayi» jedheen.

2 Kanaaf Daawiti haawwota manaa ufii lamaan ta qachaa Iyiziraa'elii Akinaahomii fi Abigiyaa ta Naabaal namichi biyya Qarmeloosii irraa du'e woliin achi dhaqan.

3 Daawitillee namoota isa woliin jiranii fi maatii isaanii maraa fidee qachaa Keebroonii taa'an.

4 Kanaan maayessa namoonni Yihuuda'aa dhufanii akka mana Yihuuda'aa irratti moowu achitti Daawitiin dibanii moosisan; Saa'oliin namoota qachattii Iyyaabisii Gala'aadiititu awwaale jedhanii Daawititti himan.

5 Daawitillee gara namoota Iyyaabisii Gala'aadii dhaamsa ergee akkana isaaniin jedhe, «Isin gooftaa keessan Saa'oliin awwaalu'uun mishummaa waan agarsiiftaniif Rabbi isin haa eebbisu.

6 Rabbi arjumma'aa fi amanamummaa isinitti haa mudhisu; kana waan gootaniif anillee jasaa kana isinii deebisa;

7 gooftaan keessan Saa'ol du'eera; amma cimaa'a! jabaadhaa'a! manni Yihuuda'aa isaan irratti akka mootii ta'u dibanii na moosisaniiran.»


Iyyaabusteen Israa'eliin Irratti Mooye

8 Ajajaan loltoota Saa'olii ilmi Neerii Abaaneer ilma Saa'olii Iyyaabustee fuudhee gara Mahannaayiimii ceesise;

9 achitti biyya Gala'aadii, biyya Ashuraanotaa, biyya Iyiziraa'elii, biyya Efreemii, biyya Biiniyaamiitii fi biyya Israa'elii maraa irratti moosise.

10 Ilmi Saa'olii Iyyaabusteen Israa'eliin irratti hennaa mooyuu jalqabe nama woggaa afurtamaa ture; woggaa lamaa mooye; garuu manni Yihuuda'aa Daawitiin duukaa bu'e.

11 Daawitillee hennaa Keebrooniin taa'e, Yihuudaa maraa irratti woggaa torbaa fi wodhakkaa mooye.


Lola Israa'elii Fi Yihuudaa Jiddu'utti Ta'e

12 Ilmi Neerii Abaaneerii fi garboonni Iyyaabustee ilma Saa'olii Mahannaayiimii gara qachaa Gaba'oonii baye.

13 Iyyoo'aabiin Tiruriyaan deettuu fi garboonni Daawitii bayanii hulee bisaan Gaba'oonii dhaabatu biratti wol gayanii gara hulee bisaan itti dhaabatuu gara tokkoon kuuwwan gara biraatiin taa'an.

14 Abaaneerillee Iyyoo'aabiin, «Ka'imtoonni keenna afoo kennatti wol lolu'uun wol haa dorgomanii!» jedhe; Iyyoo'aabillee, «Haa ka'anii» jedhe.

15 Gosa Biiniyaamiitii fi ilma Saa'olii Iyyaabuste'ee kudha lama; garboota Daawitii keessaallee kudha lama laakkayanii lolaaf bayan.

16 Isaan maruu mataa diina ufii qabanii guraadee kale'etti shafaxan wol qabatanii kufan; maqaan hulee sanii «Qonna guraadee qarama'aa» jedhamee waamame; huleen sun Gabaa'oon jedhamti.

17 Guyyaa san lola jaba'atu ture; garboota Daawitii afo'otti Abaaneerii fi namoonni Israa'elii hin mooyataman.

18 Ilmaan Turiyaan deettu Iyyoo'aab, Abisa'aa fi Asaaheelillee achi turan. Asaahelillee akka kuruphee raasa'aa ka fiigichaan ariifatu ture.

19 Asaaheelillee Abaaneeriin soqaa deeme; Abaaneeriin ari'uu irraa bita'aa fi mirga hin gorre.

20 Abaaneerillee uf irra midhatee laalee, «Ati Asaaheelii?» jedheen; innillee, «Ee na'a» jedheen.

21 Abaaneerillee «Gara mirgaa yookaan gara bita'aa gorii ka'imticha tokko qabii meeshaa harkaa fudhadhu» jedheen; Asaaheel garuu isa ari'uu irraa bita'aa fi mirgallee hin gorre;

22 Abaaneeri Asaaheeliin, «Lafaan wolitti akka si hin hodhine na hin ari'in; yoo lafaan wolitti si hodhe ammo attamitti obboleessa kee Iyyoo'aabiin ol jedhee laala?» jedheen.

23 Inni garuu isa jalaa siiquu dide; Abaaneerillee arfii ebo'ootiin garaa woraanee eboon isa keessa lufe; inni hulema sanitti kufee du'e; namni maruu hulee Asaaheel kufee itti du'e san yoo gawu hin dhaabata ture.

24 Iyyoo'aabii fi Abiisaan Abaaneeriin ari'anii karaa gammoojjii Gabaa'oonii afoo Gaadiin haga gayu haga goodda Amaatii yoo bayan aduun hin dhiite.

25 Ijoolleen Biiniyaamii Abaaneeriin biratti wol gayanii hulee tokkotti goodda gubbaa bayanii dhaabatan.

26 Abaaneerillee gara Iyyoo'aabii iyye, «Dhugamaan guraadeen bara baraan nama balleessaa? dhumti isaallee hadhaayaa akka ta'e hin beettuu? baniin obboleewwan ufii ari'uu irraa akka deebi'an haga yoomii hin himne?» jedheen.

27 Iyyoo'aabillee dhugaa Rabbii jiraata'aa uduu dubbachuu dhabaattee baniin ganamaan bayee deeme silaa obboleewwan isaanii ari'uu dhiisanii deebi'an.

28 Iyyoo'aabillee xurumbaa afuufe; baniin maruu hin dhaabate; achiin maayessa Israa'eliin hin ariine; lolallee hin dhiise.

29 Abaaneerii fi namoonnillee halkan guutuu Arabaan lufanii deemanii Yoordaanosiinillee ceeyanii Bitrooniin maraa haga lufaniin maayessa gara Mahannaayiimii dhufan.

30 Iyyoo'aabillee Abaaneeriin ari'uu dhiise; banii maraa wolitti qabee garboota Daawitii keessaa Asaaheeliin ala nama kudha sagalii ajjeesan.

31 Garboonni Daawitii namoota Biiniyaamiitii fi Abaaneerii haga dhibba sadihii fi jahaatamaa ajjeesan.

32 Iyyoo'aabii fi namoonni isa woliin jiran reeffa Asaaheelii kaasanii qachaa Beeteliheemii awwaala abbaa isaa biratti awwaalaniin; kanaan maayessa halkan guutuu deema'aa bulanii hennaa lafti bariitu Keebrooniin gayan.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ