Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 19 - Kitaaba WoyyuuIyyoo'aab Daawitiin Gorse 1 Iyyoo'aab akka mootichi du'a Abeseloomiitiif faarsa'aa booye dhagaye. 2 Guyyaa san akka mootichi ilma ufiitiif gadde baniin waan dhagayeef mooteen baniin argate maruu gaddatti jijjiirame. 3 Kanaaf isaan akka loltoota lola jalaa dheessaniititti laagaa ufii dhoffatanii gara qacha'aa deebi'an; 4 mootichi haguuggatee laagaa gudda'aan «Abeseloom! Abeseloom! ilma kiyya! ani bade» jedha'aa booya'aa ture. 5 Iyyoo'aab mana mootichaa seenee, «loltoota adha lubbuu tee, lubbuu ijoollee tee ta dhiiraatii fi ta durbaa, lubbuu haawwota manaa teetiitii fi ta ati mata gala itti galtuu sanniin hambisan maraa afo'otti isaan saalfachiifteerta. 6 Ati worra si jibbu hin jaalatta; worra si jaalatu garuu hin jibbita; waan worra loltoota keetiitii fi ajajoota loltoota keetii hin gaddine ta'uu kee addaataa mudhifteerta; uduu Abeseloom lubbu'uun jiraatee nu maruu uduu dhumneerra ta'ee guddiftee akka gammaddu hubadheera. 7 Amma ka'ii bayii waan loltoota tee jajjabeessu dubbadhu; yoo waan kana hin goone ta'e garuu namni tokkollee akka si woliin hin dhaabanne maqaa Rabbiitiin kakadha; wonti kun hammeenna hennaa daa'imumma'aa irraa jalqabee si irra gaye caalaa rakkoo gudda'atu si irra gaya. 8 Kanaan maayessa mootichi ka'ee balbala afoo taa'e; baniin maruu akka mootichi balbala taa'e dhagayanii mooticha bira dhufan; worri Israa'elii maruu gara daasee ufii dheessan. Daawiti Gara Yerusaalemii Deemu'uuf Ka'e 9 Hennaa san biyya maraa irrattuu baniin wol loluu jalqabee akkana woliin jedhan «Mootichi Daawiti diintota keenna worra Filisxeemii jalaa nu hambise; amma garuu Abeseloomiin afo'oo dheessee biyya dhiisee deeme. 10 Abeseloom ka akka nu irratti mootii ta'u muunne lolaan du'e kanaafuu namni mooticha Daawitiin deebisu'uuf yaalu attamitti dhabame?» jedha'aa wol morma'aa turan. 11 Mootichi Daawiti gadoota Saadooqii fi Abiyaataritti akkana jedhee dhaamsa erge; manguddoota Yihuuda'aatitti akkana jedha'aa himaa'a; wonti Israa'elii maruu mooticha bira waan gayeeruuf «Mooticha manatti galchuu diddanii maaf harkifattan? 12 Obboleeyyan tiyya! isin lafee tiyyaa fi foon kiyya; isin maaf daddaftanii mooticha deebisuu diddan?» 13 Amisaayiin, «Ati lafee tiyyaa fi foon kiyyaa mitii? Bara jiraattu maraa bikka Iyyoo'aabii na afo'otti yoo bulchaa loltootaa ta'uu baatte Rabbi waan kana na irratti haa raawwatu» jedha'aanii. 14 Yaada namoota Yihuuda'aa maraa akka yaada nama tokkoo godhee gara ufii deebifate; gara mootichaallee dhaamsa erganii «Ati loltoota hojjattoota kee maraa woliin deebi'i» jedhaniin. 15 Mootichillee deebi'ee haga laga Yoordaanosii dhufe; namoonni Yihuuda'aallee mooticha simatanii Yoordaanosiin ceesisu'uuf gara laga Gelgala'aa dhufan. 16 Saamiin ilma Geeraa gosa Biiniyaamii ka biyya Biraaqii ture namoota Yihuuda'aa woliin Daawitiin simachu'uuf daddafee dhaqe. 17 Namoonni kuma tokkoo ka gosa Biiniyaamii isa woliin turan; Siibaan hojjataa mana Saa'olii woliin ijoollee kudha shanii fi hojjattoota diddamatu ture; isaan daddafanii mooticha firrisanii laga Yoordaanosii ceeyan. 18 Isaan mootichaa fi worra isa woliin jiru yabalaan fuudhanii laga gama ceesisu'uuf waan mootichi barbaadu mara godhu'uuf laga ceeyan. Daawiti Saami'ii Araarame 19 Saamiin Daawitiin, «Gooftaa kiyya! yakka kiyya natti hin laakkayin yakka ani garbichi kee gaafa ati Yerusaalemii baatu si yakke naa dhiisi kana gara'atti naa hin qabatin. 20 Ani garbichi kee yakkamaa akka ta'e waan beekeeruuf kunoo adha mana Yooseefii maraa keessaa daddafee mootii gooftaa kiyya simachu'uuf dhufeera» jedheen. 21 Abiisaan ilmi Tsuuriya'aa garuu Saamiin waan nama Rabbi muude arrabseef du'uu hin barbaachisuu?» jedhe. 22 Daawiti ijoollee Tsuuriya'aatiin, «Ani maal isin godhe? Maaf diina natti taatan? Mana Israa'elii keessaa namni du'uu barbaachisaa? Ani adha akka worra Israa'elii irratti mooye hin beennee?» jedhe. 23 Mootichi Saami'iin, «Ati hin duutu» jedhee kakateef. Daawiti Memfibooste'ee Araarame 24 Kanaan maayessa ilmi Saa'olii Memfiboosteen mooticha Simatu'uuf baye; guyyaa gaafa mootichi bayee deeme irraa jalqabee haga gaafa nagayaan galeetitti luka ufii hin dhiqanne; areeda ufii hin haadanne; uffata ufiillee hin miicanne. 25 Hennaa mooticha simatu'uuf Yerusaalemii dhufe mootichi Memfibooste'een, «Ati maaf na woliin hin deemne?» jedheen. 26 Innillee deebisee, «Mootii gooftaa kiyya! ani akkuma ati beettu naafa; si wolii deemuu barbaadee hojjataa kiyyaan gaangee tiyya naa fe'i jennaan na ganee na biraa deeme. 27 Inni ana garbicha kee mootii gooftaa kiyyatti na hamate; ati garuu mootiin gooftaa kiyya akka maleekkaa Rabbii waan taateef waan barbaadde godhi. 28 Maatiin abbaa kiyyaa maruu silaa si afo'otti worra duuti maleef; ati garuu ana garbicha kee worra kooboo kee irraa nyaatan woliin akka nyaadhu na goote; ani mootichatti dubbachu'uuf mirga maal qaba?» jedhe. 29 Mootichi «Maaf dubbii natti guddifta? Atii fi Siibaan akka lafa qonnaa qoodamtan murteesseera» jedhe. 30 Memfiboosteen mootichaan «Yoo mootichi gara manaa nagayaan gale inni maraa haa fudhatuu» jedheen. Daawiti Beerzeeliif Waan Mishaa Godhe 31 Beerzeeliin nama gosa Gala'aadii Roogliinii ka'ee mooticha geegessu'uuf laga Yoordaanosii ceeye. 32 Beerzeel jaarsa woggaa saddeettamaa ture. Inni waan guddisee jaareeruuf mootichi hennaa Mannaayimiin jiru isa badada'aa ture. 33 Mootichi Beerzeeliin, «Ani Yerusaalemitti si badadaa na woliin deemi» jedheen. 34 Beerzeel mootichaan «Ani mooticha woliin gara Yerusaalemii deemu'uuf umurii kana irratti woggaa hagamtu na hafe? 35 Ani adha jaarsa woggaa saddeettamaa waan ta'eef waan misha'aa fi waan badaa addaan baasee danda'aa? Ani garbichi kee waan nyaadhee dhugu mi'aa isaa adda baasee danda'aa? Ani laagaa sirbaa ka dhiiraatii fi laagaa intalaa addaan baasee danda'aa? Ani garbichi kee mootii gooftaa kiyyatti maaf fe'aa ta'a? 36 Ani garbichi kee mooticha woliin laga Yoordaanosii ceeyee diqqoo deemuu barbaade; mootichi garuu akka waan ani jasaa isaa ooleeruu maaf na taasisa? 37 Ani garbichi kee yabo'oo uf irra deebi'ee galee qachaa tiyya awwaala abba'aa fi haadha tiyyaa biratti awwaalama; garuu garbicha kee Kama'aamiin laali inni mootii gooftaa kiyya woliin haa deemuu waan feete isaa godhi» jedheen. 38 Mootichi «Kama'aam na woliin haa deemuu waan ati feete maraa godhaafii waan ati na irraa barbaaddu maraa sii godha» jedheen. 39 Achiin maayessa Daawitii fi baniin isa woliin jiru maruu laga Yoordaanosii ceeyan; Daawiti Beerzeeliin dhungatee eebbisee Beerzeel gara mana ufii deebi'e. Baniin Yihuuda'aatii fi Baniin Israa'elii Waan Mooticha Daawitiitiif Wol Morman 40 Mootichi Daawiti gara Gelgela'aa ceeye; Kama'aamillee isa woliin deeme; baniin Yihuuda'aatii fi baniin Israa'elii wodhakkaan mooticha laga ceesisan. 41 Achiin maayessa baniin Israa'elii maruu gara mootichaa dhufanii, «Obboleewwan teenna ta Yihuuda'aa maaf si fudhatanii si'ii fi maatii kee worra si woliin jiru maraa marsanii laga Yoordaanosii si ceesisu'uuf akka waan mirga qabanii yaadan!» jedhanii gaafatan. 42 Worri Yihuuda'aa maruu worra Israa'eliitiin deebisanii «Mootichi nama keenna waan ta'eef isin garuu maaf waan kana irratti lotan? Inni waan nu nyaannuuf wonti inni nuu kaffale hin jiru; wonti biraallee ka inni nuu kenne hin jiru» jedhanii deebisaniif. 43 Worri Israa'elii deebisanii worra Yihuuda'aatiin «Inni yoma nama keessanillee ta'e nu isa isin caalaa barbaanna; mootummaa isaa keessaa harki kudhanii nuuf mala isin maaf nu tuffattan? worri dura akka mootichi galu gaafii dhiyeesse akka nu ta'e irraanfachuu isin hin barbaachisu!» isaaniin jedhan; Garuu worra Israa'elii caalaa worri Yihuuda'aa mooticha Daawitiin fudhatu'uuf jecha cima'aan wol morman. |