Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 17 - Kitaaba Woyyuu


Kuusi Abeseloomiin Dagachiise

1 Kanaan maayessa Akixoofeel Abeseloomiin, «Ani namoota kuma kudha lamaa filee halkanuma kana ka'ee Daawitiin ari'a;

2 uduu inni dadhabee harki isaallee laamshayee hadoodee jiru dimmaa balaa itti buusee isa sodaachisa; baniin isa woliin jirullee hin dheessa; mooticha addatti qabee dhaya;

3 akkuma idaayyittiin abbaa worraa ufiititti deebitu banii maraa gara kee deebisa; baniin maruu nagayaan jiraata; namni nagayaan jiraata namni ati ajjeeftu namuma tokko» jedhe.

4 Dubbiin kun Abeseloomii fi jaarsota Israa'elii maraa hin gammachiise.

5 Abeseloom, «Kuusii nama gosa Arka'aa waamaa'a; waan inni jedhu dhageennaa» jedhe.

6 Hennaa Kuusi gara Abeseloomii dhaqe Abeseloom, «Wonti Akixoofeel dubbate kana, waan inni nutti hime kana godhuu nu barbaachisaa ree? Yoo hin taanee nutti himi» jedheen.

7 Kuusi garuu Abeseloomiin, «Gorsi amma Akixoofeel si gorse misha'aa miti;

8 Kuusi akkuma yeyyiin ilmooleen isi'ii yoo jalaa fudhatamte hamaa taatu akkasuma abbeetii fi namoonnillee, hammeeyyi'ii fi jajjabaa akka ta'an hin beetta; abbee loltuu jabaa waan ta'eef loltoota woliin akka hin bulle hin beetta.

9 Ammallee maal laataa boolla yookaan hulee woyiititti dhokataniiran ta'a; namni akka Daawiti loltoota tee irratti balaa buuse dhagaye maruu yoma san loltoonni tee akka waan mooyatamanii godhee odeessa.

10 Abbee loltuu jabaa akka ta'ee fi worri isa woliin lolan loltoota jajjabaa akka ta'an worri Israa'eliin keessa jiraatan maruu waan beekaniif loltoonni tee ta akka leencaatitti janna ta'anuu guddisanii sodaachuu danda'an.

11 Kanaafuu wonti ani si gorsu worra daangaa lafaa kallattii arfaniin jiran Daanii haga Beersaabeehiitii fi worra Israa'elii ka akka xindhacha galaanaatitti baay'atan maraa hulee tokkotti wolitti qabii atumti isaaniif ajajaa ta'ii isaan duulchisi.

12 Daawiti eessattillee yoo dhokatee jiraate sondhee argina; akkuma baradaan lafatti harca'utti nullee isaanitti harcaana; isaa fi worra isa woliin jiru maraa tokkollee hin hambifnu.

13 Yoo dheessanii gara qacha'aallee galan baniin keenna maruu haada fuudhanii qacha'aa harkisa'aa qilee isi'ii gadi jirutti darbanii isii gatan; gooba irratti dhagaan tokkollee hin hafu.» jedheen.

14 Abeseloomii fi namoonni Israa'elii maruu «Gorsi Kuusii gosa Arka'aa gorsa Akixoofeelii caala» jedhan; Rabbi balaan akka Abeseloomiin irra gawu gorsi Akixoofeelii mishaan akka fudhatama hin qabne godhe.


Daawiti Miliqee Baye

15 Kanaan maayessa Kuusi gadoota Saadooqii fi Abiyaataritti, «Akixoofeel Abeseloomii fi jaarsota Israa'elii gorsa akkamii akka gorsee fi ani ammo gorsa akkamii akka gorse isaanitti hime;

16 Eeganaa amma mootichinii fi baniin isa woliin jiru maruu akka hin dhumanne daddafa'aa Daawititti dhaqa'aatii «Daddafii ariifadhuu lafa onaa kana keessa hin bulinii halkanuma kana laga Yoordaanosii ceeyi› jedha'aatii itti himaa'a» isaaniin jedhe.

17 Yoonaataanii fi Akimaas addaataa gara qacha'aa seenuu waan sodaataniif burqaa Aniroogeelii bira taa'an; garbittiin takka dhaxxee hennaa isaanitti himtu isaan garuu dhaqanii Daawititti hima'aa turan.

18 Mucaan tokko isaan argee Abeseloomitti hime isaan garuu dafanii hulee sanii deemanii gara Biraaqimii gara mana nama tokkoo dhaqan; dallawa san keessa boollatu jira, boolla san keessa bu'an.

19 Haati manaa namicha sanii boolla cuftee akka namni hin argine midhaan boolla san guba'atti badhifte.

20 Hojjattoonni Abeseloomii gara mana dubartittii sanii seenanii «Akimaasii fi Yoonaataan eessa jiran?» jedhanii gaafatan; dubartittiin ammo «laga ceeyanii lixan» isaaniin jette; isaanillee haga jara san soqanii dhaban gara Yerusaalemii deebi'an.

21 Haga hojjattoonni Abeseloomii dhabanii deemaniin maayessa boolla keessaa bayanii deemanii mooticha Daawitiin bira dhaqanii Akixoofeel gorsa akkanaa waan keessan namoota gorseeraa ka'aa daddafa'aa laga kana ceeyaa'a» jedhaniin.

22 Daawitii fi worri isa woliin jiru maruu ka'anii laga Yoordaanosii ceeyan; haga lafti bariitutti namni tokkollee uduu hin hafne ceeyan.

23 Akixoofeel baniin akka gorsa isaa faana hin deemne haga arge harree ufii fe'atee gara qacha'aa mana ufiititti galee waa maraa makkeeffatee uf hudhee du'ee awwaala abba'aa biratti awwaalame.

24 Abeseloomii fi worri Israa'elii hennaa galaana Yoordaanosii ceeyan Daawiti qachaa diqqoo Mannaayim jedhamtee waamamtu gayeera.

25 Abeseloom loltoota ufii irratti bakka Iyyoo'aabii Amisaayiin muude; Amisaayi ilma Yooteerii gosa Israa'elii ture; inni Abigiyaa mucattii Naa'oosii obboleettii Tsuuriya'aa haadha Iyyoo'aabii fuudhe.

26 Worri Israa'eliitii fi Abeseloom biyya Gala'aadiititti quphatan.

27 Daawiti hennaa gara Mannaayimii gaye qachaa Raaba'aa ta bulchiinsa Amoonii jala turte keessaa dhufe ilma Naa'oosii Shoobii Maakirii ilma Ami'eelii ka qachaa loodoobaariitii dhufee fi Baarziliinii qachaa Roo'ilimii bulchiinsa Gala'aadii jala turte keessaa dhufe arge.

28-29 Baniin lafa gammoojji'ii keessatti beelayanii dheebotaniiran; dadhabeeralle'e jedhanii waan lafatti afatan, Daakaa, meeshaa faaraa, waan nyaatan, qamadii, garbuu, daakuu, hamaamoo woddame, baaqeelaa, misira, shumburaa akaayame, damma, dhadhaa, hoolotaa fi Itittuu loonii Daawitii fi banii isa woliin jiranii fidan.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ