Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 16 - Kitaaba WoyyuuDaawitii Fi Siibaa 1 Akkuma Daawiti qaccee gaaraa gamaan diqqoo deemeen hojjataan Memfibooste'ee ka maqaan isaa Siibaa jedhamu dimmaa argeenii xoroshoo dhibba lamaa, xoroshoo haphii ka woyinii irraa hojjatame dhibba tokko, caccabsaa hidhaa dhibba tokkootii fi qalqala daadhii woyini'ii ka harriin lamatti fe'ame oofee isatti dhufe. 2 Mootichi Siiba'aan, «Kun maali'i?» jedheen; Siibaan, «Harriin akka maatiin mootichaa yaabbataniif; xorosho'oo fi munni hurbu'uu akka ijoolleen isaa nyaataniif; daadhiin woyini'ii ammo worri lafa gammoojji'iititti dadhaban haa dhugani'iif» jedheen. 3 Mootichi, «Ilmi gooftaa keetii eessa jira?» jedheen; Siibaan mootichaan, «Baniin worra Israa'elii kunoo mootummaa abbaa kiyyaa naa deebisa jedhee Yerusaalemiin taa'aara» jedheen. 4 Mootichi Siiba'aan, «Wonti Memfibooste'ee maruu kee haa ta'uu» jedheen. Siibaan mootichaan «Mootii kiyya! ani hojjataa keeti hennaa maraa hujii si gammachiisu hojjachu'uuf xaara!» jedhee deebiseef. Daawitii Fi Saamii 5 Mootichi Daawiti gara biyya Biraaqii dhaqe; ilmi Geera'aa ka maatii Saa'olii ka maqaan isaa Saamii jedhamu Daawitiin abaara'aa itti deeme. 6 Daawitii mootichaa fi garboota isaatittillee dhaga'aan darbata'aa ture; hennaa san bita'aa fi mirga mootichaatitti bani'ii fi worra jajjaba'atu ture. 7 Saamiin Daawitiin, «Bada shufuroo'o! nama dhiigaa na biraa deemi! 8 ati waan maatii Saa'olii fixxee mootummaa isaa fudhatteef Rabbi si adaba'aara; Rabbi mootummaa kee ilma kee Abeseloomiif dabarsee kenneera hennaan ati baddullee geetteerti.» jedhe. 9 Hennaa kana ilmi Tsuuriya'aa Abiisaan mootichaan, «Namichi sareen du'aan kun si'i mootii gooftaa kiyya maaf abaara? Ani amma dhaqee morma isaa mura» jedheen. 10 Mootichillee «Isin ijoollee Tsuuriya'aa kun isin hin galchu; yoo Rabbi isa ajajee na abaare ‹Maaf waan kana goota?› jedhee ka isa gaafachuu danda'u eennu?» isaaniin jedhe. 11 Daawiti Abiisa'aa fi garboota isaa maraan, «Mucaan kiyya ka ani uumadheeyyuu na ajjeesuu barbaade waan ilma Biiniyaamii maaf maalalfattan? Rabbi waan isa ajajeef haa na abaaruu dhiisaa'a; 12 maal laataa Rabbi rakkoo kiyya argee bikka abaarsa ilma Biiniyaamii Rabbi waan mishaa naa godha ta'a» isaaniin jedhe. 13 Daawitii fi namoonni uduu karaa irra deeman Saamiin cinaa isaatiin gaara irra deema'aa isa abaara'aa dhaga'aan darbata'aa daaraa itti jissa'aa ture. 14 Kanaan maayessa baniin isa woliin jiranii fi mootichi waan dadhabaniif achitti hara baafatan. Abeseloom Yerusaalemiin Keessatti 15 Abeseloom baniin Israa'eliitii fi Akixoofeelillee gara Yerusaalemii dhaqan. 16 Goshoon Daawitii Kuusiin gosa Arka'aa hennaa gara Abeseloomii dhaqe «Mootichi woggaa kumaa haa mooyu» jedheen. 17 Abeseloomillee Kuusiin, «Wonti mishaan ati goshoo keetii goote kanaa? Maaf goshoo kee woliin deemuu didde?» Jedheen. 18 Kuusi Abeseloomiin, «Akkasii miti; ani nama Rabbi filatee fi banii Israa'elii woliin taa'a. 19 Amma ani eennuu hojjadha? Ilma mootichaa afo'otti hojjadhaamii? Akkuma abbee afo'otti hojjata'aa ture akkasuma si afo'ottillee hin hojjadha» jedheen. 20 Abeseloom Akixoofeeliin, «Akka maal goonu nu gorsita?» Jedheen. 21 Akixoofeel deebisee Abeseloomiin «Gara dubartoota abbee mata gala itti galuu seeni akka ati abbee salphifte baniin Israa'elii maruu yoo dhagaye worri si woliin jiru maruu jabaatanii si woliin dhaabatan» 22 Kanaaf mana manaan gubba'aa gamoo irratti Abeseloomii daasee dhaaban; innillee banii Israa'elii maraa afo'otti dubartoota abbaan isaa mata gala itti galutti seene. 23 Hennaa san gorsa Akixoofeel nama gorsu maraa akkuma dubbii Rabbiititti jalaa dhagayan; dura Daawititu gorsa Akixoofeelii dhagaya amma ammo Abeseloomitu jalaa dhagaya. |