Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 15 - Kitaaba WoyyuuAbeseloom Daawititti Hammaate 1 Kanaan maayessa Abeseloom konkolaataa fardaa tokkoo fi faradoo ufiif qopheeffate; akkasuma loltoota shantamaallee qopheeffate. 2 Abeseloom ganamaan ka'ee deemee karra gara qachatti'ii seensisu irra dhaabata'aa ture; inni namoota haja'aaf gara mootichaa dhufan maraa ufitti waama'aa ati qachaa kam keessaa dhufte jedha'aa gaafata'aa ture; namichi gosa Israa'elii keessaa akka gosa tokko ta'e haga himeen maayessa, 3 «Dubbiin ati dubbatte dhuga'aa fi qajeela'a; garuu namni dubbii mootichaa dhagayee hujii irra oolchu hin jiru.» jedhaanii ture. 4 Abeseloom, «Uduu ani abbaa murti'ii ta'ee silaa atta jaaladha; namni iyyannoo qabu gara kiyya yoo dhufe ani murtii qajeelaa isaa murteessa» jedheen. 5 Yoo namni nagaya isa gaafachu'uuf gara isaa dhufu inni ammo harka badhisee qabee dhungata'aa ture. 6 Abeseloom Israa'eliin keessaa worra murtii argachu'uuf gara mootichaa dhufan maraa akkana waan godha'aa tureef onnee isaanii booji'e. 7 Woggaa afuriin maayessa Abeseloom mooticha Daawitiin, «Mootii kiyya! akka woreega Rabbii gale raawwadhu gara Keebroonii akka deemu yabo'oo maarre naa jedhi! 8 Ani garbichi kee Geeshuurii Sooriyaa keessa uduu jiru Rabbi gara Yerusaalemii uduu na deebisee Rabbii ciincaa dhiyeessa jedhee woreega galee ture» jedheen. 9 Mootichi «Nagayaan deemi!» jedheen; innillee ka'ee gara Keebroonii deeme. 10 Abeseloom garuu, «Worra gosa Israa'elii mara keessatti laagaa xurumba'aa yoo dhageettan ‹Abeseloom Keebrooniin keessatti mootii ta'e› jedha'aa iyyaa'a» jedhee dhaamsa erge. 11 Namoonni dhibba lamaa ka waamaman waan tokkollee uduu hin beenne, gara laafumma'aan gara Yerusaalemii deeman. 12 Abeseloom hennaa ciincaa dhiyeessu worra Daawitii gorsa kennan keessaa tokkochi ka Akixoofeel jedhamee waamamu ergamaa itti ergee qachaa Giilo'ootii waamsiseen; hammeenni mooticha irratti mari'atame jabaata'aa, worri Abeseloomiin gargaaranillee laakkobsi isaanii baay'ata'aa deeme. Daawiti Yerusaalemiin Keessaa Dheesse 13 Ergamaan tokko Daawitiin oduu, «Garaan worra Israa'elii Abeseloomiin woliin malee si woliin hin jiru» jedhu itti hime. 14 Kanaaf Daawiti ajajoota worra isa woliin jiran maraan «Ka'aa ariifannee asii haa baanuu! yoo bawuu baanne Abeseloom dhufee nu fixaa; waan qachaa keessatti argamu maraa hin ajjeesa» isaaniin jedhe. 15 Garboonni mootichaa mootichaan, «Nu'u garboonni tee waan ati mootiin gooftaan keenna filatte maraa maarre jennee raawwanna» jedhaniin. 16 Mootiin worra mata gala itti galu kudhan isaanii akka mana eeganiif achitti dhiisee maatii ufii maraa fudhatee baye. 17 Mootichinii fi baniin isa duubaan jiran maruu bayanii Beetimerihaaqitti quphatan. 18 Mootichinii fi hojjattoonni maruu ladda isaa lufan; loltoonni mana mootummaa Daawitii eegan Kariitotaa fi Filiitota namoonni dhibba jahaa ka worra Geetotaa maruu afoo mootichaa lufan. 19 Mootichi, «Namni Geetii Itaayini nu woliin maaf dhufte? ati keessumma'aa fi baqataa waan taateef deebi'ii mooticha woliin taa'i. 20 Ati kaleessa dhufte si fuudhee deemuu? Ani gara deemu hin beeku; ati garuu obboleewwan tee fuudhii deemi; Rabbi waan dhuga'aatii fi araara sii haa godhu» jedheen. 21 Itaayinillee deebisee mootichaan, «Hulee gooftaan kiyya jiraatu marattuu du'aanillee yoo ta'e jireennaan ani hojjataan kee akka achitti argamu maqaa Rabbiitii fi akkasuma lubbuu gooftaa mooticha kiyyaatiin kakadha» jedhe. 22 Daawiti Itaayiniin «Misha'aa deemii ceeyi» jedheen; namni Geetii Itaayinii fi namoonni maruu daa'imman woliin ceeyan. 23 Worri biyya san keessa jiran maruu wol ta'anii guddisanii booyan; baniin maruu gara lafa gammoojji'ii ceeyan; akkasuma mootichillee fincaayaa quwaadiroonii ceeye; baniin maruu karaa lafa gammoojji'iitiin ceeyan. 24 Saadooqii fi worri leewwotaa ka isa woliin jiran maruu saanduuqa waadaa Rabbii baadhatanii dhufan baniin maruu haga qachattii keessaa bayaniif Abiyaatariin bira kaayan. 25 Kanaan maayessa Mootichi Saadooqiin, «Saanduuqa waada'aa gara qachatti'ii deebisi; yoo ani Rabbiin afo'otti gaachena argadhee jiraadhe inni ufii fi hulee ufii bulu natti mudhisa. 26 Garuu yoo ka ana hin jaalanne ta'e akka ufii fedhe na haa godhuu» jedheen. 27 Mootichi Saadooqii gadichaan «Atii fi ilmi kee Akimaas ilmi Abiyaatarii Yoonaataan ijoolleen teessan lachuu nagayaan gara qachatti'ii deebi'aa'a. 28 Anillee haga waan keessan oduu mishaa dhagawutti karaa gara lafa gammoojji'ii lufaniin tura» jedheen. 29 Saadooqii fi Abiyaatar Saanduuqa waadaa Rabbii gara Yerusaalemii deebisanii achi jiraatan. 30 Daawiti mata'atti haguuggatee uduu kophee lukatti hin godhanne booya'aa gara gaara ejersaa ol baye; baniin isa woliin jiranillee haguuggatanii booya'aa isa faana yaa'an. 31 Akixoofeelii fi Abeseloom yaadaan tokko jedhanii Daawititti himan; Daawiti Rabbiin, «Gorsa Akixoofeelii akka duwwaa gootu si kadhadha!» jedhe. 32 Daawiti hennaa gaara irratti Rabbii sagadu'uuf dhaqe Kuusi namni gosa Arka'aa uffata ufii biinxee daaraa mataa ufiititti firfirsee gara Daawitii dhaqe. 33 Daawitillee, «Yoo gara kiyya dhufte fe'aa natti taata; 34 gara qacha'aa deebi'iitii Abeseloomiin mootii kiyya ani garbicha sii ta'a akkuma dura abbeetii garbicha ture, siifillee garbicha ta'a yoo jetteen gorsa Akixoofeelii duwwaa goota. 35 Saadooqiin gadichinii fi Abiyaataar gadichi si woliin achi jiranii mii? kanaafuu waan mana mooti'iitii dhageettu maraa Saadooqii gadichaa fi Abiyaataritti himi. 36 Ilmi Saadooqii Akimaasii fi ilmi Abiyaatarii Yoonaataan ijoolleen isaaniillee isaan woliin achi jiran waan dhageettan maraa isaaniin naa ergi» 37 Jaalalloon Daawitii Kuusi gara qacha'aa dhufe; Abeseloomillee gara Yerusaalemii gale. |