Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 12 - Kitaaba WoyyuuMammaaka Mudhata Naataaniitii Fi Aagii Galuu Daawitii 1 Rabbi Naataanii raatticha gara Daawitii erge; Naataan gara Daawitii dhaqee, «Namoota lamaan qachaa tokko keessa jiraatantu ture; isaan keessaa tokko dureessa; tokko ammo hiyyeessa ture. 2 Namichi dureessi hori'ii fi hoolota baay'ee qaba. 3 Hiyyeessi garuu ilmoo hoola'aa takkattii ta qarshii ufiitiin bitate qaba; isii san kunuunsa'aa mana ufii keessatti ijoollee ufii woliin guddisa'aanii ture; nyaata ufii nyaatu nyaachisa'aa, waan ufii dhugu irraallee obaasa'aanii ture; hennaa ciiftullee ammata'aanii ture; ilmoon sun akkuma daa'ima isaa turte. 4 Guyyaa tokko gara mana dureessichaa keessummaan tokko dhufe; namichi dureessi sun nyaata keessummichaa qopheessu'uuf horii ufii keessaa tokkollee qaluu hin barbaanne; ka ufii dhiisee ilmoo namicha hiyyeessaa fuudhee qalee keessummichaa nyaata qopheesse» 5 Daawiti waan mammaaka namichaatiif aaree guddisee lolee, «Namni waan kana godhe du'uu akka isa barbaachisu maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadha; 6 waan hamaa kana garaa jabaatee waan hojjateef waan namicha san irraa fudhate dachaa afurii godhee deebisuu barbaachisa» jedhe. 7 Naataan Daawitiin, «Namni sun si'i! Rabbi Waandhi Israa'elii ‹Akka ati Israa'eliin irratti mootii taatuuf si muude; Saa'oliin jalaallee si baase. 8 Mana gooftaa keetiitii fi haawwota manaa isaallee sii kenne. Israa'elii fi Yihuudaa irrattillee si moosise; wonti kun uduu sii hanqatee jiraatee silaa dachaa sii eda'a ture. 9 Eeganaa maaf ajaja kiyya tuffatte? Waan hamaa kanallee maaf hojjatte? Ooriyooniin hulee lolaatitti ajjeessisiiftee nama qulqulluu worri Amoonii akka ajjeesan gootee haadha manaa isaa fudhatte. 10 Kanaafuu na diqqeessitee haadha manaa Ooriyo'oo ta gosa Hiitotaa akka haadha manaa tee taatu waan fuuteef baraa haga bara baraa mana kee keessaa woraanni hin dhabamu; 11 Rabbi waan hamaa mana kee keessaa sitti kaasa; haawwota manaa teellee uduu ati argitu fira keetii kenna; guyyamaan namoonni haawwota manaa tee woliin ciisan. 12 Ati waan kana dhossa'aan gooteerta; ani ammo waan kana Israa'eliin maraa afo'otti guyyamaan godha› » jedheen. 13 Daawiti Naataaniin, «Ani Rabbiin yakkeera» jedheen; Naataanillee Daawitiin, «Rabbi waan cubbuu kee sii dhiiseef hin duutu; 14 garuu waan yakka kana hojjattee Rabbiinillee tuffatteef mucaan sii dhalate hin du'a.» jedheen. Mucaan Daawitii Du'e 15 Kanaan maayessa Naataan gara mana ufii deebi'e; Rabbi daa'ima haati manaa Ooriyo'oo Daawitii deette dhibee hama'aan ajjeese. 16 Daawiti Rabbi akka daa'ima isaa fayyisuuf soomaa fi sagadaan Rabbiin kadhate; galgala manatti galee rafe; 17 Hojjattoonni mana mootummaa isaa gara isaa dhaqanii lafaa kaasu'uuf badadan; inni garuu hin dide isaan woliinillee womaa hin nyaanne; 18 guyyaa torbeesso'ootitti daa'imni hin du'e; hojjattoonni isaa hennaa daa'imni lubbu'uun jiru waan itti himnu nuu hin dhageenne; amma yoo akka daa'imni du'e itti himne atta ta'inna? waa uf godha!» jedhanii du'a daa'imaa itti himuu sodaatan. 19 Daawiti hasaassii hojjattoota ufii haga dhagaye akka daa'imni du'e beekee hojjattootaan «Daa'imni hin du'ee?» isaaniin jedhe; isaanillee «Ee hin du'e» jedhaniin. 20 Daawiti lafaa ka'ee dhiqatee dibatee uffata ufii jijjiiratee gara mana Woyyuu Rabbii seenee sagade; achiin maayessa gara mana mootummaa ufii deebi'ee nyaata naa fidaa jedhe isaanillee nyaata isaa finnaan nyaate. 21 Hojjattoonni isaa «Wonti ati goote kun maali'i? hennaa daa'imni lubbu'uun jiru, waan isaatiif soomtee boottee Rabbiin kadhatte; haga daa'imni du'een maayessa garuu kaatee xoroshoo nyaatte!» jedhaniin. 22 Daawiti, «Hennaa daa'imni lubbu'uun jiru, akka Rabbi naa araaramu daa'imallee akka naa fayyisu, yaadee soomee booyuun kiyya dhuga'a; 23 amma garuu daa'imni waan du'eef maaf sooma? Eeganaa amma daa'ima lubbuu itti deebisuu danda'aa? natu gara isaa dhaqa malee inni gara kiyya hin deebi'u» jedhee isaanii deebise. Solomoon Dhalate 24 Kanaan maayessa Daawiti haadha manaa ufii Beersaabeehiin jajjabeessee isii bira gaye; isiinillee ilma deetteef; maqaa isaallee «Solomoon» jedhee itti baase; Rabbi daa'ima waan jaalateef, 25 maqaa Yididiyaa jedhamu akka itti baasan raattichi Naataan isaan ajaje; «Yididiyaa» jechuun «Ka Rabbi jaalate» jechu'u. Daawiti Lolee Injifatee Qachaa Raabaa Jedhamtu Qabate ( Sen. 1ffaa 20:1-3 ) 26 Iyyoo'aab lolee burqaa bisaanii ta qachattii ijoollee Amoonii qabate. 27 Iyyoo'aab gara Daawitii, «Ani qachattii Raaba'aatiin lolee hulee burqaa bisaanii qabadheera; 28 ammallee ani akka qachattii hafan qabadhee maqaa kiyyaan akka hin waamamne loltoota hafe wolitti qabii qachattii hafte lolii qabadhu jedhee dhaamsa erge. 29 Daawiti loltoota wolitti qabee gara Raabaatii dhaqee lolee qabate; 30 gulloo ulfinnaa ka mootii isaanii mataa isaa irraa fudhate; gulloon sun kiiloo giraamii soddomii shan; gulloo dhagaa gatii gudda'aa san fudhatee mataa ufiititti godhate; qachattii san keessaallee waan heddu booji'e. 31 Banii qachattii san keessa jiran baasee haamtuu mukaatiin, qottoo sibiilaatii fi dhagaraa sibiilaatiin hujii akka hujan godhe; faara akka hojjatanii fi qachaa Amoonii maraa keessattuu akkasuma godhan; Daawitii fi baniin maruu gara Yerusaalemii deebi'an. |