Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 11 - Kitaaba Woyyuu


Daawitii Fi Beersaabeehi

1 Jalqaba wogga'aa irratti hennaa mootonni duulaaf bayan Daawiti Iyyoo'aabiin ajajoota loltootaatii fi loltoota Israa'elii maraa woliin duulchise; isaanillee worra Amoonii mooyatanii qachaa Raabaa jedhamtee waamamtu marse; Daawiti ammo Yerusaalemitti hafe.

2 Guyyaa tokko saafaya Daawiti hirribaa ka'ee gamoo mana mootumma'aa gubbaa bayee asii fi achi uduu deddeemu dubartii takka uduu nafa dhiqattu arge; isiin guddiftee bareeddi.

3 Kanaaf isiin eennuun akka taate beeku'uuf Daawiti nama tokko erge; isiin Beersaabeehi jedhamti; inni isii haadha manaa Ooriyoo ilma Eeliyaamii gosa Hitaawotaa akka taate beeke.

4 Daawiti isi'itti namoota ergee waamsisee bira gaye; hennaan sun hennaa dubartiin garaa argitu irraa dhaabate ture; achiin maayessa dubartittiin gara mana ufii deebite.

5 Kanaan maayessa dubartittiin akka ulfoofte beettee ani sii ulfaayeera jettee nama gara Daawitii ergite.

6 Kanaan maayessa Daawiti, «Ooriyoonii Hitaayicha gara kiyya ergi» jedhe; Iyyoo'aabillee Ooriyooniin gara Daawitii erge.

7 Ooriyoon hennaa gara isaa dhufe Daawiti Ooriyooniin, «Iyyoo'aabii fi loltoonni nagaya jiranii? haalli lolaa akkam ta'e?» jedhee gaafate.

8 Kanaan maayessa Daawiti Ooriyooniin, «Eeganaa gara manaa deemii luka kee dhiqadhu» Jedheen; Ooriyoon Daawitiin afo'oo akkuma bayeen Daawiti yoosuu nyaata ergeef;

9 Ooriyoon ammo uduu gara mana ufii hin deemne loltoota mana mootumma'aa eegan woliin afaanuma balbala mana mootichaa rafee bule;

10 Daawiti akka Ooriyoon gara mana ufii hin galle hennaa dhagaye hennaa dheera'aaf maati'iin adda baatee amma deebi'aarta wonti ati amma gara mana keetii hin deemneef maali'i?» jedhee gaafate.

11 Ooriyoonillee, «Namoonni Israa'eliitii fi Yihuuda'aa hulee lolaa lafa badhaa keessatti quphataniiran; saanduundhi waada'aallee goom'ee keessa isaan bira jira; ajajaan loltoota kiyyaa Iyyoo'aabii fi ajajoonni loltoota isaallee dirree lolaa irratti quphataniiran; ani attamitti nyaadhee dhugee haadha manaa tiyya woliin ciisuu danda'a? waan akkanaa kana sirimaa akka hin goone lubbuu teetiin kakadha» jedhe.

12 Daawitillee Ooriyooniin, «Adha na bira ooli; boru si geegessaa» jedheen; kanaaf Ooriyoonillee guyyaa sanii fi halkan san Yerusaalemiin keessa bule.

13 Daawiti Ooriyooniin hurbaata affeereenii akka machaayu daadhii woyini'ii obaase; halkan san Ooriyoon mana mootumma'aa ka loltootaa keessa uffata affatee rafe garuu gara mana ufii hin galle.

14 Bariisaa san Daawiti xalayaa Iyyoo'aabii barreessee Ooriyoonitti kennee erge.

15 Dubbiin inni barreesse «Ooriyooniin kolba lolli jabaateen dhaabsis; achiin maayessa ati duuba isaa deebi'ii akka inni du'u godhi» ka jedhu ture.

16 Akkaataa kanaan Iyyoo'aab qachattii marsee qabee uduu jiru hulee lolli jabaateen laalee Ooriyooniin erge.

17 Loltoonni diintota isaanii qachattii sanii bayanii loltoota Iyyoo'aabiitiin lolan; ajajoota loltoota Daawitii keessaa namoota hago'oo fi Ooriyoo ajjeesan.

18 Kanaan maayessa Iyyoo'aab oduu lolaa gara Daawitii erge.

19 Nama ergamu san akkana jedhee ajaje; waan lolaa haga mootichatti himteen maayessa,

20 Mootichi aaree akkana siin jechuu danda'a; ‹Isaaniin lolu'uuf gara qachatti'ii maaf dhiyaattan? Dallawa irra dhaabatanii akka buundhe'een isin darbatan hin beennee?

21 Mucaan Gedewoonii Abemelek attamittti akka du'e hin beettanii? isa hulee Teebeexi jedhamee waamamutti intalti takka majje'een gamoo irraa darbattee ajjeefteen; eeganaa isin wonti gara dallawaa dhiyaattaniif maali'i?› jedhee mootichi yoo si gaafate ‹ajajaan loltoota keetii Ooriyoon du'eera› jedhii itti himi.» jedheen.

22 Akka kanaan ergamaan ka'ee deemee waan Iyyoo'aab ajajeen maraa Daawititti hime;

23 «Waan Diintonni keenna nutti jabaataniif nuun lolu'uuf qacha'aa bayanii gara dirree lolaa dhufan; nu ammo isaan ariinee gara balbala dallawa dhaga'aa deebifne.

24 Achiin maayessa dallawa dhaga'aa irra taa'anii buundhe'een nu darbatan; mootii'i! ajajoota loltoota keetii keessaa hennaa san namoonni hagoon hin du'an; garbichi kee Ooriyoonillee hin du'e.»

25 Daawiti namicha ergame sanniin Iyyoo'aabitti «Lola irratti jalqaba namni du'u waan hin beekkamneef ‹Hin sodaatinii jabaadhu› jedhiin; akka hin aarrellee itti himi; siri'ii hunna ufii jabeeffatee balaa buusu'uun qachattii akka qabatu itti himi» jedheen.

26 Haati manaa Ooriyo'oo abbaan manaa isi'ii Ooriyoon akka du'e haga dhageette abbaa manaa ufiitii boottee gaddite.

27 Haga booya nageeffatteen maayessa Daawiti isi'itti nama ergee akka dhuftu taasisee haadha manaa taateefii isaa ilma dhiiraa deette; garuu wonti Daawiti godhe maruu Rabbiin biratti waan hamaa ture.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ