Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 6 - Kitaaba Woyyuu


Saanduundhi Waada'aa Deebi'e

1 Saanduundhi waadaa Rabbii biyya Filisxeemii keessa ji'a torba taa'e.

2 Worri Filisxeemii gadootaa fi worra mita hojjatu waamanii «Saanduuqa waadaa Rabbii maal haa goonu? Gara hulee isaa maali'iin deebifna? Mee nutti himaa'a» jedhan.

3 Isaanillee saanduuqa waadaa Rabbii yoo fiddan ciincaa yakkaa dhiyeessitaniif malee duwwaa hin fidinaa'a; yoo san hin fayyitanii sababaa inni guddisee isin adabeefillee hin beettanii» jedhan.

4 Isaanillee, «Ciincaan nu'u yakkaaf isaa dhiyeessinu maali'i?» jedhanii gaafatan. Isaanillee, «Balaan isinii fi bulchoota keessan irra geette takkattii waan taateef akka laakkobsa bulchoota worra Filisxeemiitiin sunsuma shanii ka worqii irraa hojjatame ka Iita qabu sunsuma worqii shan ka bifa hantuutaatiin hojjatame dhiyeessaa'a.

5 Fakii hantuuta hedduu ka biyya keessan haa balleessani'iif ergaman fakii iitaa kanniin hojjadha'aatii kennaa kanniin Waaqa Israa'eliitii kennu'uun ulfinna isaa kennaa'a; yoo waan kana gootan, maal laataa balaa isinii fi waaqa keessan tolfamaa lafa keessanillee ittiin balleessu isin irraa kaasaa.

6 Akka worra biyya Misiriitii fi Fari'oon onnee ufii jabeeffatan isinillee maaf onnee keessan jabeeffattan? Isaan worra Rabbi hunna ufiitiin baraaree isaan baasee mitii? Isaan achi keessaa hin baanee?

7 Kanaafuu gaarii harkifamuun qambaraa sa'oolee ameeyyi'iititti hidhaa'a; jabbilee fooya'aatii gara moona'aa deebisaa'a.

8 Saanduuqa waadaa Rabbii san fuudha'aatii gaarii sanitti fe'aa'a; mi'a worqii irraa hojjatame ka waan ciincaa yakkaatiif dhiyeessitan saaxinii keessa kaaya'aatii saanduuqa waadaa Rabbii bira kaaya'aatii geegessaa'a.

9 Kanaan maayessa deemsa isaa laalaa'a; yoo ka gara karaa Beetasaamisii deemu ta'e balaa badaa akkanaa kana ka nutti erge Rabbiin ta'uu isaa beenna; Yoo ka gara karaa sanii hin deemne ta'e garuu balaan kun akkanaan tasa ta'e malee akka Rabbi nutti hin ergine hubanna»

10 Namoonnillee akkasuma godhan sa'oolee lamaa ameeyyii fuudhanii gaari'itti hidhanii jabbii isaanii manatti itti cufan.

11 Saanduuqa waadaa Rabbiitii fi fakii hantuutaa ka worqii irraa hojjatame fakii Iitaallee saaxinii keessa kaayanii gaari'itti fe'an.

12 Saa'ooleen gara karaa Beetasaamisiin fiduun qajeelanii madhata'aa karaa qajeelanii deeman bita'aa fi mirgallee hin gorre; bulchoonni worra Filisxeemii isaan duubaan haga daangaa Beetasaamisii deema'aa turan.

13 Namoonni Beetasaamisii worri dhooqa keessatti qamadii haamatan ol jedhanii saanduuqa waada'aa arganii guddisanii gammadan.

14 Gaariin sun gara maasaa Iyyaasuu nama Beetasaamisii dhufee hulee dhagaan guddaan jiru dhaabate; muka gaari'ii san baqassanii horii sanniin ciincaa ibiddaan gubatu godhanii Rabbii dhiyeessan.

15 Worri Leewwotaa saanduuqa waadaa Rabbiitii fi saaxinii mi'a worqi'ii uf keessaa qabu ka isa woliin jiru buusanii dhagaa guddaa irra kaayan; guyyaa san namoonni Beetasaamisii ciincaa ibiddaan ciincawu Rabbii dhiyeessan.

16 Worri Filisxeemiitii fi bulchoonni isaanii shananuu haga waan kana argan gaafasuma gara Asqaloona'aa deebi'an.

17 Iinni worqi'ii ka worri Filisxeemii waan ciincaa yakkaatiif Rabbii dhiyeesse kanniin; takka Azaaxooniif takka Gaaza'aaf, takka Asqaloona'aaf, takka Geetiif,

18 takka Aqaaroona'aaf laakkobsi fakii worqi'ii ka hantuuta shananii bulchoota shanan worra Filisxeemiitiif qachoota maraafuu akkasuma godhan; qachoonninii fi gandoonni kunniin haga dhagaa guddaa saniiti; saanduuqa waadaa Rabbii dhagaa kana irra kaayan dhagaan kun haga adhaa maasaa Iyyaasuu nama Beetasaamisii keessa jira.

19 Isaan waan saanduuqa waadaa Rabbii keessa laalaniif namoota Beetasaamisii hin dhaye; banii keessaa namoota torbaatama ajjeese; Rabbi waan banii hedduu isaan jalaa ajjeeseef baniin hin booye.


Saanduundhi Waadaa Rabbii Qiriyaataarimiin Gaye

20 Namoonni Beetasaamisii, «Rabbii Waaqa Woyyuu eentu afoo dhaabachuu danda'aa? Nu keessaa ka'ee bayee eentu deemuu danda'aa?» jedhan.

21 Gara namoota Qiriyaataarimiin keessa jiraatanii dhaamsa erganii worri Filisxeemii saanduuqa waadaa Rabbii waan deebisaniif dhaqa'aa fudhadhaa'a» isaaniin jedhan.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ