Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 3 - Kitaaba Woyyuu


Rabbi Saamu'eelitti Mudhate

1 Daa'imni Saamu'eel Eelii afo'otti Rabbii hojjata ture; bara san dubbiin Rabbii dharraa ture; mudhatallee hin argan.

2 Bara san Eeliin guddisee waan jaareef ijaan hin argu ture.

3 Eeliin rafee uduu jiru, ibsaan mana woyyu'uu uduu hin dhaamne, Saamu'eel hulee saanduundhi waadaa Rabbii jiru keessa uduu rafee jiru,

4 Rabbi Saamu'eeliin waame innillee hin awwaatee.

5 Gara Eeli'ii fiigee, «Kunoo ani ati na waamnaan dhufe» jedheen; Eeliinillee, «Ani si hin waamne deemii deebi'ii rafi» jedheen.

6 Rabbi ammallee, «Saamu'eel!» Jedhee isa waame; Saamu'eel ammallee ka'ee gara Eeli'ii dhaqee «waan ati na waamteef deebi'ee dhufe» jedhe; Eeliin ammo, «Mucaa kiyya, ani si hin waamnee deebi'ii rafi» jedhee deebiseef.

7 Hennaa san Saamu'eel tanaan dura waan Rabbi isa waamee hin beenneef laagaa Rabbii ta'uu hin beenne ture.

8 Rabbi hennaa sadeesso'oo Saamu'eeliin waame; innillee ka'ee gara Eelii dhaqee «Kunoo waan na waamteef dhufe» jedhe; achiin maayessa ka daa'ima waama'aaru akka Rabbiin ta'e beekee,

9 Eeliin Saamu'eeliin, «Deebi'ii rafi yoo deebi'ee si waame ‹Ani garbichi kee dhagaya'aaraa dubbadhu› jedhiin» jedheen; Saamu'eelillee deebi'ee rafe.

10 Rabbi deebi'ee dhufee akkuma duraa san Saamu'eel! Saamu'eel! jedhee waameen; Saamu'eelillee «Ani garbichi kee dhagaya'aaraa dubbadhu» jedhe.

11 Rabbi Saamu'eeliin, «Guyyaan ani Israa'eliin irratti waan tokko hojjadhu dhiyaateera; namni waan ta'e san gurraan dhagawu maruu coraan isaanii hin rifata.

12 Guyyaa san waan mana Eeli'ii irratti raawwatu'uuf dubbadhe maraa Eelii irratti raawwadha.

13 Waan inni ijoollee isaa waan hamaa hojjattee innillee argee waan irraa hin dhooggineef, waan cubbuu isaatiif baraa haga bara baraa akka isa irratti murteessu isatti himeera.

14 Kanaafuu cubbuun maatii Eeli'ii kenna'aa fi ciincaa dhiyeessu'uun baraa haga bara baraa akka isaa hin dhiifamne kakadheera.»

15 Saamu'eel haga lafti bariituu rafee ganama ka'ee balbala mana Rabbii bane; mudhata argellee Eeli'itti himuu sodaate;

16 Eeliin garuu Saamu'eeliin waamee, «Mucaa kiyya Saamu'eel!» Jedhe; innillee hin awwaate.

17 Inni «Wonti Rabbi sitti hime maali'i? na hin dhossin waan inni sitti hime maraa keessaa yoo na dhossite, Rabbi guddisee si haa adabu» jedheen.

18 Saamu'eel waan Rabbi isatti hime maraa uduu hin dhossin waa maraa isatti hime; Eeliin «Inni Rabbiin waan ta'eef waan fedhe haa godhuu» jedhe.

19 Saamu'eel guddata'aa deeme, Rabbi waan isa woliin jiruuf waan inni dubbatu maraa Rabbi raawwata'aafii ture.

20 Worri Israa'elii gosa Daanii irraa jalqabee haga Beersaabeehii Saamu'eel raatticha Rabbii amanamaa akka ta'e beekan.

21 Rabbi Seelo'otti dubbii ufiitiin Saamu'eelitti mudhate; wonti Saamu'eel jedhu maruu banii Israa'elii biratti fudhatama argate.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ