Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 29 - Kitaaba Woyyuu


Worri Filisxeemii Daawitiin Morman

1 Worri Israa'elii burqaa dhooqa Iyiziraa'elii keessa jiru biratti quphatan; worri Filisxeemii loltoota ufii maraa woliin Afeqiti wol gayan.

2 Mootonni worra Filisxeemii shanan dhibba dhibbaa fi kuma kumaan hiriiranii loltoota ufii woliin duulan; Daawitii fi namoonni isaa ammo Ankusiin woliin duuba isaaniitiin deema'aa turan.

3 Ajajoonni loltoota Filisxeemii hennaa isaan argan, «Worri Ibrootaa asii maal hujan?» jedhanii gaafatan; Ankus deebisee, «Kun Daawitii hojjataa Saa'olii mootii Israa'eliiti; inni na bira haga dhufe woggaa irra caaleera; anillee haga gaafa inni na biratti galee jalqabee haga adhaa hamaa tokkollee isa irratti hin argine» isaaniin jedhe.

4 Garuu ajajoonni loltoota Filisxeemii Ankusitti aaranii «Namichi kun nu woliin dhaqee lola keessatti akka nutti gara hin galle deebisii gara lafa isa jiraachisa'aa turtetti deebisi malee nu woliin akka hin dhandhe; namoota worra kana ajjeesuun yoo ta'e malee maali'iin gooftaa ufiitiin wolitti araaramuu danda'a?

5 Waan kanaaf dubartoonni, ‹Saa'ol kuma ajjeese! Daawiti ammo kumaatama ajjeese!› jedhanii wol jalaa qaba'aa weeddisaniif Daawitii kanaa mitii?» jedhaniin.

6 Kanaaf Ankus Daawitiin waamee «Dhugaa Rabbii ati nama qajeela'a; guyyaa ati gara kiyya dhuftee jalqabee haga adhaa waan waan hamaa si irratti hin argineef na woliin jiraachuun kee natti tola; garuu wonti kee namoota kanniinitti hin tolle;

7 kanaaf ati deebi'ii nagayaan gali waan hamaa ajajoota Filisxeemii worra hunnaan bulchanitti hin tolle tokkollee hin hojjatin» jedheen.

8 Daawiti garuu deebisee Ankusiin, «Maal balleesse? si woliin hojjachuu haga jalqabe haga adhaa balleessaa maal argite? maal ani dhaqee diintota gooftaa kiyyaa diintota mootichaa loluu hin danda'uu?» jedheen.

9 Ankus deebisee Daawitiin, «Ati na afo'otti akka ergamaa Waaqaa taate hin beeka; garuu ajajoonni loltoota Filisxeemii ‹Inni nu woliin gara lolaa dhaquu hin barbaachisu› jedhaniiran.

10 Eeganaa ganama barii ka'iitii hojjataa gooftaa keetii worra si woliin dhufan sanniin woliin akka lafti isinii ifeen ka'aatii deemaa'a» jedheen.

11 Kanaaf Daawitii fi namoonni isaa deebi'anii gara biyya Filisxeemii dhaqu'uuf ganama bari'iin ka'an; worri Filisxeemii ammo gara Iyiziraa'elii duulan.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ