Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 26 - Kitaaba Woyyuu


Daawiti Ammallee Saa'oliin Lubbuu Hambise

1 Namoonni hagoon Ziifii ka'anii hulee Saa'ol jiru Gibi'atti dhaqanii «Daawiti lafa onaa tulluu Hakilaa jedhamtu ta isa afoo jiru irratti dhokateera?» jedhan.

2 Saa'ol loltoota Israa'elii keessaa namoota kuma sadihii filatee fudhate; Daawitiin soqu'uuf Ziifiin lafa udume'ee dhaqan.

3 Saa'ol tulluu Hakilaa jedhamtu ta Seemooniin afoo jirtu irratti quphate; Daawiti garuu lafa udumee keessa jira; Saa'ol isa dudda duubaan gara lafa udumee sanii akka dhufe hennaa arge,

4 Daawiti worra gaadan ergee Saa'ol gara Naagoonii akka dhufe hin beeka.

5 Achii ariifatanii ka'anii Saa'olii fi ajajaan loltootaa Abaaneer ilmi Neerii eessa akka rafaniiran arge; Saa'ol hulee itti dhokateeru keessa loltoota wodhakkaa rafa'aa ture; loltoonni isaa ammo naannoo isaa marsaniiran.

6 Kanaan maayessa Daawiti Abemelekii fi Abisaa ilma Tsuuriya'aa obboleessa Iyyo'aabii saniin, «Eentu na woliin gara hulee Saa'ol jiruu dhaqa?» jedhee gaafate; Abisaan, «Ani si woliin deema» jedheen.

7 Achiin maayessa halkan san Daawitii fi Abisaan gara hulee Saa'ol jiruu dhaqan; Saa'ol eboo ufii mataa ufii gubba'atti lafatti dhaabee wodhakkaa isaanii rafa'aa ture; Abaaneerii fi worri loltootaa ammo isa marsanii rafa'aaran.

8 Abisaan Daawitiin «Adha Rabbi diina kee harka kee jala galche; kanaafuu amma hennaa lama uduu hin taane hennama tokkoon woraana kana fudhee lafaan wolitti hodhuu!» jedhe.

9 Daawiti Abisa'aan «Isa ajjeesuun hin barbaachisu; nama Rabbi dibee moosise irra namni rakkinna geesse hin gaafatama;

10 Dhugaa Rabbii nama kana Rabbi hin dhaya; yookaan guyyaan isaa gayee du'a; yookaan ammo gara hulee woraanaa dhaqee achitti du'a;

11 Ani garuu nama Rabbi dibee moosise irratti akka harka kiyya ol hin fudhanne Rabbi na haa eegu! amma garuu mee eboo isaa ka mataa isaa gubbaa jiruu fi xuwwee bisaanii san fudhannee deemnaa» jedhe.

12 Daawiti ebo'oo fi waan bisaan itti buusan mataa Saa'olii gubba'aa fudhatee isaa fi Abisaan achii deeman; Rabbi hirriba guddaa waan isaanitti buuseef isaan maruu rafaniiran; namni tokkollee hin dammandhe; isaan hin argine; waan kanallee hin beenne.

13 Kanaan maayessa Daawiti gara dhooqa gamaa ceeyee achii fagaatee mataa gaaraa irra dhaabate.

14 Inni laagaa ufii ol fudhatee loltoota Saa'olii waamee «Abaaneer ati na jalaa hin awwaattuu?» jedhe; Abaaneer «Ati eennu ka mooti'itti iyyitu?» jedheen.

15 Daawiti, «Ati Abaaneer Israa'eliin keessatti nama beekkama'aamii? Gooftaa mootii keessan maali'iif dammaxxanii hin eenne? nu keessaa namni tokko isa ajjeesu'uuf gara keessan dhufee ture.

16 Wonti ati goote kun misha'aa miti; atii fi namoonni kee gooftaa keessan ka Rabbi dibee moosise waan hin eenneef dhugaa Rabbii jiraata'aa du'uu isin barbaachisa; Eboon mootichaatii fi xuwween bisaanii ka mataa mootichaa gubbaa jiru meeti? mee naannoo kee laali!» jedhe.

17 Saa'ol laagaa Daawitii ta'uu beekee «Ilma kiyya! kun laagaa keetii?» jedheen; Daawitillee deebisee «Yaa mootii; gooftaa kiyya; ee laagaa kiyya» jedheen.

18 Ati gooftaa kiyya ana garbicha kee maali'iif ari'aarta? maal si godhe? balleessaan ani hojjadhe maali'i?

19 Mootii; gooftaa kiyya! waan ani siin jedha'aaru dhagayi! ka natti si kaase uduu Rabbiin ta'ee silaa isaaf ciincaa dhiyeessu'uun aarii isaa uf irraa deebisa ture; garuu worri kana godhan yoo namoota ta'an isaan lafa Rabbi sii kenne irraa deemii waaqolee tolfamaa waaqeffadhu jedhanii waan na ari'aniif ka abaaraman haa ta'an.

20 Fuula Rabbii afo'oo na fageessitee dhiinni kiyya akka jigu hin godhin; mootiin Israa'elii guddaan kun akka nama gogorrii dhadhooluu ana nama haga taffi'ii kana maali'iif soqaa deemta?»

21 Saa'olillee, «Ani dhugamaan balleesseera; ilma kiyya Daawiti! deebi'ii gara kiyya koottu; ani si miidhu'uuf si hin soqu; ati adha lubbuu tiyya oolchite; ani akka gowwa'aa ta'ee dogoggora hojjadheera!» jedheen.

22 Daawiti ammo «Mootii kiyya eboon kee kunooti; loltoota keessaa namni tokko dhufee haa fuudhuu jedhe.

23 Rabbi namoota qajeelaa ta'aniif amanamummaa qabanii gatii isaanii isaanii kenna; inni adha harka kiyyatti dabarsee si kenne; ani ammo ka Rabbi dibee moosise harki kiyya ajjeesuu hin barbaanne.

24 Akkuma lubbuun tee ana biratti ulfinna argatte lubbuun tiyyallee Rabbiin biratti ulfinna haa argattu; Rabbi rakkinna guddaa keessaa na haa baasu!» jedhe.

25 Saa'ol Daawitiin, «Rabbi si haa eebbisu! wonti ati hojjattu maruu sii haa qajeelu» jedheen. Daawiti karaa ufii deeme; Saa'ol garuu gara mana ufii deebi'e.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ