Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 24 - Kitaaba Woyyuu


Daawiti Lubbuu Saa'olii Hambise

1 Saa'ol Filisxeemiin lolee haga deebi'een maayessa akka Daawiti lafa gammoojjii Ayingaadii keessa jiru dhagaye.

2 Kanaaf Saa'ol loltoota Israa'elii jajjabaa namoota kuma sadihii fudhatee Daawitii fi namoota isa woliin jiran soqaa gara hulee dhagaa re'iin gammoojji'ii keessa jiraattuu dhaqe.

3 Inni gara dallya bultii hoolotaatiin dhufe; hulee san goda tokkotu jira; Saa'ol raasa'atti itti bawu'uuf goda keessa seene Daawitii fi loltoonni isaa garuu goda keessatti dhokataniiran.

4 Loltoonni Daawitii Daawitiin, «Guyyaan Rabbi waan jaalatte akka gootuuf diina kee harka kee jala galcha jedhee dubbate santu gaye!» jedhaniin; achii Daawiti suuta jedhee qaccee uffata Saa'olii kutee fudhate.

5 Garuu Daawiti uffata Saa'olii waan mureef hin gadde.

6 Daawiti namoota ufiitiin, «Nama Rabbi dibee moosise gooftaa kiyya irratti ani waan hamaa hin godhu; isa waan Rabbi dibeeruuf harki kiyya isatti hin bayu!» jedhe.

7 Dubbii kanaan Daawiti loltoota ufii akka Saa'oliin hin ajjeefne dhoogge; Saa'olillee achii ka'ee goda keessaa bayee deeme.

8 Daawitillee goda keessaa bayee Saa'oliin faanaa deemee «Gooftaa; mootii kiyya!» jedhee Saa'oliin waame, Saa'ol yoo uf duuba midhatu Daawiti isaa gad jedhee,

9 Saa'oliin, «Waan namoonni Daawiti waan hamaa si irratti hojjachu'uuf ta'a jedhan maaf dhageetta?

10 adha Rabbi goda keessatti harka kiyya jala akka si galche ijji tee argiteerti; namoonnillee isa ajjeesi naan jedhaniiran; ati garuu garaa na nyaatte; nama Rabbi dibe waan taateef ani gooftaa kiyya hin ajjeesu jedhe.

11 Abbaa kiyya! ila qaccee uffata keetii laalii; mureeraa garuu ani si hin ajjeefne; kanaafuu hubadhu; ati garuu lubbuu kiyya baasu'uuf soxxa; ani hama'aa fi cubbuu si irratti hin hojjanne.

12 Ammaa achi Rabbi anaa fi si jiddu'utti haa murteessu; Rabbi haluu naa haa baasu malee ani haluu si hin bawu; waan hamaa ati hojjatte maraa mataa keetitti deebisa.

13 Mammaanni namoonni waan hamaa hojjatan namoota hammeeyyii calla'a jedha. Ani garuu si irratti miidhaa hojjachuu hin barbaadu.

14 Mootii Israa'elii ati eennuun ajjeesu'uuf taata! eennuun ariita! saree duute mo'o taffi'i? eennuun akka ari'a'aartu laali!

15 Kana Rabbi haa murteessu; rakkinna kiyyallee haa laalu; harka kee jalaa na haa oolchu; dhugaa kiyyallee naa haa baasu» jedhe.

16 Daawiti haga kana dubbateen maayessa Saa'ol Daawitiin, «Ilma kiyya! kun laagaa keetii? jedhee gaafatee laagaa ol qabatee booye.

17 Achiin maayessa Daawitiin «Ati nama dhuga'aati; ani ammo nama sobaati; badii kana fakkaatu kana hennaa sitti hojjadhu ati ammo waan mishaa naa goote.

18 Hennaa Rabbi na harka kee jala galchellee ati garuu na hin ajjeefne; waan gaarii gootee natti mudhifte.

19 Namni diina qabee uduu hin miidhin dhiisu eessatti argama? ati adha waan mishaa waan naa gooteef Rabbi si haa eebbisu!

20 Kunoo ati mootii Israa'elii akka taatu, banii Israa'elii akka bulchitu, mootummaan keellee akka jabaatu hubadheera.

21 Fiixaa kiyya akka hin balleessine yookaan maatii abbaa kiyyaa keessaa akka hin baafne amma maqaa Rabbiitiin naa kakadhu» jedheen.

22 Daawitillee akka waan kana hin goone hin kakateef. Kanaan maayessa Daawiti haga Saa'olii kakateen maayessa Saa'ol gara mana ufii gale; Daawitii fi loltoonni isaa gara hulee itti dhokatanii deebi'an.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ