Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 14 - Kitaaba Woyyuu


Yoonaataan Worra Filisxeemii Dhaye

1 Ilmi Saa'olii Yoonaataan gaaf tokko nama meeshaa woraanaa isaa baadhatuun, «Gara duula worra Filisxeemii haa dhandhuu» jedheen. Garuu Yoonaataan waan kana abbaa ufiititti hin himne.

2 Hennaa san Saa'ol guddisee uduu Gibi'aa irraa hin fagaanne Megidoonitti muka Roomaanii ka biyya Gibi'a'aa jala taa'e; baniin isa woliin jiran banii haga dhibba jahaati;

3 Obboleessi Ikaaboodii ilmi Akixoobii, ilmi Finihaasii, ilmi Eeli'ii ka Seelo'otti gadicha Rabbii ta'e Akiyaanillee Efuudii uffatee isa woliin jira; baniin akka Yoonaataan isaan biraa deeme hin beenne.

4 Yoonaataan gara worra Filisxeemii ceewu'uuf karaa Makimaasiitiin lufuun waan isa barbaachisuuf karaa inni lufuun bita'aa fi mirgaan dhagaa luggee lamatu jira; maqaan dhagaa tokkoo booseed, maqaan dhagaa lammeesso'oo Seene'e.

5 Dhagaa tokko Maakimaasiin gara kaabaatiin dhaaban; dhagaa lammeesso'oo ammo Gibi'aa cinaa kibbaatiin dhaaban.

6 Yoonaataan nama meeshaa woraanaa isaa baadhateeruun, «Koottu gara duultota worra hin gadoomnee dhandhaa Rabbi nu gargaaraa nama hago'oo fi baay'eellee Rabbi fayyisuu hin dadhabuu» jedheen.

7 Namichi meeshaa woraanaa isaa baate Yoonaata'aan, «Waan barbaadde maraa godhi; anillee onnee kiyya guutu'uun si woliin jiraa» jedheen.

8 Yoonaataanillee akkana jedhe, «Nu'u amma gara namootaa ceenee isaanitti mudhanna.

9 Yoo isaan ‹Nullee gara keessan dhufnaa nu eegaa› jedhan, nu achuma dhaabanna

10 Garuu yoo isaan ‹Gara keenna koottaa› nuun jedhan Rabbi waan dabarsee isaan nuu kenneef gara isaanii dhandhaa kun malkata nuu haa ta'uu» jedhan.

11 Isaan lachuu duultota worra Filisxeemiititti mudhatanii «Kunoo worri Ibrootaa qilee itti dhokatan keessaa yaa'aaran!» woliin jedhan.

12 Duultonni worra Filisxeemii Yoonaata'aa fi namicha meeshaa woraanaa isaa badhatuun, «Gara keenna asi bayaa'a waa isinitti mudhifnaa!» jedhaniin; Yoonaataan namicha meeshaa woraanaa isaa baadhatuun «Rabbi banii kana harka Israa'eliititti dabarsee kenneeraa na faana koottu» jedheen.

13 Yoonaataan harkaa miilaan baye namichi meeshaa waraanaa isaa baadhatulle isa faanaa baye; Yoonaataan worra Filisxeemii dimmaa balaa guddaa isaanitti buuse; namichi meeshaa woraanaa isaa baadhatullee namoota heddu ajjeesse.

14 Yoonaataanii fi namichi meeshaa woraanaa isaa baadhatu naannoo maasaa tokko keessatti argamutti namoota diddamaa ajjeesan.

15 Naannaya bani'iitii fi maasaa qe'e'ee jiddu'utti ammo guddisanii rom'an; worri qe'ee oolanii fi worri boojuu booji'uuf bayanillee hin rom'an, laftillee guddiftee sochoote; sodaan guddaan Rabbiin irraa namoota irratti ta'e.


Worri Filisxeemii Mooyatame

16 Duultonni Saa'olii Gibi'aa bulchinsa Biiniyaamiititti riphanii waan ta'e san uduu laala'aaran worra Filisxeemii ka guddisee rom'ee dheessa'aaru argan.

17 Kanaafuu Saa'ol banii isa woliin jiruun, «Mee wol tooyadha'aatii nu keessaa namoonni hagamii akka deeman laalaa'a» isaaniin jedhe; yoo namoota tooyatan Yoonaataanii fi namichi meeshaa woraanaa isaa baatu isaan woliin hin jiran.

18 Guyyaa san Akiyyaan ijoollee Israa'elii afo'otti «Efuudii waan uffatee tureef Saa'ol uffata san as fidi» jedheen.

19 Saa'ol uduu gadicha woliin qaaqa'aaru ganda worra Filisxeemotaatitti rom'uun guddata'aa deeme; Saa'ol gadichaan, «Amma Rabbiin gaafachu'uuf hennaa hin qabnu» jedhe.

20 Saa'olii fi baniin isa woliin jiran maruu wol gayanii lolaaf yaa'an. Achitti worri Filisxeemii dhama'anii wonti kun faallaa isaanitti ta'ee ufumaa guraade'een wol ajjeessa'aa turan; hennaa san guddisanii nayan.

21 Worri dura Filisxeemota woliin ture ka naannaya isaaniitii yaa'an worri Ibrootaallee akkasuma gara hulee Saa'olii fi Yoonaataan woliin turanii Israa'eloota woliin ta'u'uuf garas gara galan.

22 Namoonni Israa'elii ka gaara Efreemiititti dhokatan maruu haga akka worri Filisxeemii dheessan dhagayan isaanillee isaan woraanu'uuf isaan duukaa yaa'an.

23 Rabbii gaafas worra Israa'elootaa badii jalaa baase; woraannillee gara Beetawweeniitiin lufe; baniin Saa'oliin woliin ture gara nama kuma kudhanii turan lolli gaara Efreemii keessatti olii gad bittinnaayee ture.


Wontoota Lolaan Maayessa Ta'e

24 Baniin Israa'elii guyyaa san guddisanii beelayanii dadhaban; «Waan haga diina kiyya haluu bawutti haga galgalaa namni waa afaaniin qabe ka abaarame haa ta'u!» jedhee banii kassiisee tureef baniin maruu womaa afaaniin hin qabne.

25 Baniin maruu gara bosonaa nam'e; achi keessa dammatu ture.

26 Baniin waan kakatee tureef damma lafatti coccophu san ka fuudhee afaaniin qabe hin jiru.

27 Yoonaataan ammo hennaa abbaan isaa banii kassiisu hin dhageenne; ulee harka isaa jirtu qaccee isi'ii dammaan tuqee fuudhee afaaniin qabee jajjabaatee ija banate.

28 Garuu banii keessaa namni tokko, «Abbee adha namni waa afaaniin qabe haa abaaramuu jedhee banii kassiiseera» jedheen.

29 Yoonaataan, «Abbaan kiyya biyya rakkise; ani damma diqqoo tana afaaniin qabee akka ijji tiyya banamte argaa'a;

30 silaa baniin kun uduu waan booji'e keessaa ka afaaniin qabee silaa diintota ufii worra Filisxeemii kana caalaa hin dhayuu?» jedhe deebise.

31 Gaafas worra Filisxeemii Maakimaasiin irraa jalqabee haga Eeloonii isaan dhayan; hennaa san worri Israa'elii guddisanii beelayanii miidhaman.

32 Kanaaf banii hoolota, sangootaa fi jabbilee diintota ufii harkaa booji'an fudhatanii lafatti qalanii dhiiguma woliin nyaatan.

33 «Kunoo baniin foon dhiiga woliin nyaatanii Rabbiin yakkaniiran jedhanii Saa'olitti himan; Saa'ol, «Guddiftanii yakkitaniirtan, dhagaa guddaa gangalcha'aa as naa fidaa» isaaniin jedhe.

34 Saa'ol «Banii keessa deema'aa namni maruu sanga'aa fi hoolaa qala'aatii nyaadhaa'a; dhiiga woliin nyaattanii Rabbiin hin yakkinaa jedha'aanii» jedhe; namni maruu sangaa qabu dhiyeessee achumatti qale.

35 Saa'ol jalqabaaf achitti hulee ciinca'aa Rabbii hojjate.

36 Saa'ol loltoota ufiitiin, «Halkanuma kana haga lafti bariitutti isaan hordofnee haa findhuu; nama tokkollee hin hambifnuu» jedhe. Isaanillee, «Waan sitti tole godhi» jedhaniin; gadichi «Gara Rabbii haa dhiyaannuu» jedhe.

37 Saa'ol worra Filisxeemii hordofnuu? Worri Israa'elii akka isaan mooyatan gootaa jedhee Rabbiin gaafate; Rabbi ammo gaafas isaa hin deebifne.

38 Saa'ol «Isin bulchoonni bani'ii maruu as koottaa'a; cubbuun kun adha sababaa eennuutiin akka ta'e beekaa arga'alle'e.

39 Namni cubbuu kana hojjate ilma kiyya Yoonaataallee yoo ta'e hin du'a; akka du'aan adabamu Rabbii jiraataa banii Israa'eliitii mootee kenneen kakadhaa» jedhe; garuu namni deebii isatti deebise hin jiru ture.

40 Achiin maayessa Saa'ol, «Isin baniin Israa'elii maruu gara tokko ta'aa'a; anii fi ilmi kiyya Yoonaataan ammo gara tokko taana» jedhe; baniin Saa'oliin «Waan sitti tole godhi» jedhaniin.

41 Saa'ol Rabbii Waaqa Israa'eliitiin «Dhugaa mudhisi» jedhee kadhate Saa'olii fi Yoonaataan gara tokko ta'an; balleessaa kana Yoonaataa yookaan yoo ana ta'e Uuriimiin yookaan yoo banii Israa'elii ta'e Tumiimiin deebii naa deebisi.» Deebiin waan Saa'olii fi Yoonaataa bira ta'eef baniin bilisa baye.

42 Saa'ol anaa fi ilma kiyya Yoonaata'atti hixaa buusaa» jedhe; hixaanillee Yoonaataa qabe.

43 Saa'ol Yoonaata'aan «Waan goote natti himi» jedheen; Yoonaataan Saa'oliin «Ulee tiyya ta harkaa qabu tanaan damma diqqoo fuudhee afaaniin qabe kunoo ani amma hin du'aa» jedheen.

44 Saa'ol «Rabbi natti haa murteessu; ati adabbii du'aa jalaa hin baatu!» jedheen.

45 Baniin Saa'oliin «Yoonaataa waan guddaa akkanaa kana Israa'eliitiin jiddu'utti godhetu du'aa? kun hin ta'u; inni du'uu dhiisii rifeensi mataa isaatuu akka hin buqqaane maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakannaa wonti inni godhe kun maruu gargaarsa Rabbiin biraa ta'e» jedhan.

46 Saa'ol worra Filisxeemii ari'uu dhiise; worri Filisxeemii deebi'anii gara biyya ufii galan.


Bara Saa'ol Bulchee Fi Waan Maatii Isaa

47 Saa'ol mootummaa ufii worra Israa'elii irratti hin jabeeffate; diintota naannoo isaa jiru worra Moo'aabii, ijoollee Aamoonii, worra Edomiyaasii, mootota worra Suuba'aa, worra Filisxeemii maraanuu wol lola'aa bakka dhaaqe marattuu mooyata'aa ture;

48 inni nama janna ture; worra Amaaleeqootaa dhayee worra Israa'elii saamtota harkaa oolche.

49 Ijoolleen dhiiraa ta Saa'olii Yoonaataa, Yasuwi'ii fi Milkisa'a; maqaan ijoollee isaa ta durbaa hangaftittiin Meeroob, ta maandha'aa ammo Meelkool.

50 Maqaan haadha manaa Saa'olii Akinaahoom; isiin mucattii Akimaas uumate; maqaan bulchaa duultota isaa Abaanerii ilma Neerii eessuma Saa'oliiti.

51 Abbaan Saa'olii Qiis; abbaan Abaaneerii Neerii ilma Abi'eeliiti.

52 Saa'ol bara jireenna isaa maraa worra Filisxeemiitiin lola'aa dabarse; Saa'ol namoota jajjabaa yoo arge coka'aa lolaaf isaan qopheessa'aa ture.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ