Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 13 - Kitaaba Woyyuu


Lola Filsxeemiin Irratti Ta'e

1 Saa'ol hennaa moowu nama woggaa soddomaa ture; worra Israa'elii irratti woggaa lamaa haga mooyeen maayessa,

2 namoota kuma sadihii worra Israa'elii keessaa filate namoonni kuma lamaa isa woliin Maakisa'aa fi gaara Beeteelii gubbaa turan; namoonni kuma tokkoo Gibi'aa Biiniyaamiititti ilma isaa Yoonaataa woliin turan; banii hafe ammo akka gara daase'ee dacha'an godhe.

3 Yoonaataan hulee Naasiib jedhamutti duula worra Filisxeemii dhaye; worri Filisxeemiillee kana dhagaye; Saa'ol worri Ibrootaa haa dhagayuu jedhee biyya marattuu xurumbaa afuufsise.

4 Worri Israa'elii maruu akka Saa'ol duultota worra Filisxeemii dhaye, worri Israa'elii akka worra Filisxeemii biratti akka batti'iititti waan laallamaniif baniin maruu Saa'oliin faana deemanii Gelgela'atti wol gayan.

5 Worri Filisxeemii worra Israa'eliitiin wol lolu'uuf wol gayan; loltuun konkolaataa fardaa kuma soddoma, worri fardaa namoota kuma jaha; isaan namoota baay'ee akka xidhacha galaanaa turan; achii ka'anii karaa Beetawweeniitiin gara baya biiftu'uutiin Maakimaasitti quphatan.

6 Baniin guddisee waan sodaateef worri Israa'elii akka rakkinna guddaa keessa jiran haga argan baniin godaa fi qoree buura qilee kaloo dhaabaatii fi boolla keessatti dhokatan.

7 Worra Ibrootaa keessaallee namoonni gariin laga Yoordaanosii ceeyanii gara biyya Gaadiitii fi biyya Gala'aadii dhaqan; Saa'ol garuu Gelgelamatti hafe; baniin maruu hollata'aa isa faanaa deeman.

8 Saa'ol akkuma haaganaa Saamu'eel isaa qabeetitti Saa'ol Saamu'eeliin eegu'uuf haga guyyaa torbaa ture; garuu Saamu'eel haga hennaa saniititti gara Gelgela'aa hin deebine; sababaa kanaaf namoonni hedduu Saa'oliin dhiisanii biraa lixan.

9 Kanaaf Saa'ool «Ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa naa fidaa» jedhee ciincaa ciincawu ka fayyumma'aa ciincesse.

10 Haga inni ciincaa ciincessee raawwateen maayessa Saamu'eel dhufe Saa'ol akka Saamu'eel isa eebbisuuf gara isaa dhaqe.

11 Saamu'eel garuu, «Wonti ati goote kun maali'i?» jedhee gaafate; Saa'olillee baniin na irraa fooyamee akka gargar faca'e; atillee waan hennaa haaganaa qabnetti hin dhufneef worri Filisxeemiillee akka Maakimaasitti wol gayan argee,

12 ‹Uduma ani Gelgelaa jiru worri Filisxeemii balaa natti buusan jedhee ani ammo waan Rabbiin gargaarsa hin kadhanneef› jedhee ciincaa dhiyeessuun akka na barbaachisu hubadhee obsuu dadhabee ciincaa ciincesse» jedheen.

13 Saamu'eel garuu Saa'ooliin «Ati womaa hin tolchine; ajaja Rabbi Waandhi kee si ajaje hin eenne; Rabbi banii Israa'elii irratti mootummaa kee jabeessee ijaaree ture;

14 amma mootummaan kee jabaatee hin dhaabatu; Rabbi nama akka yaada isaa ta'e filateera; ati waan Rabbi si ajaje waan hin eenneef Rabbi banii ufii irratti akka mootii ta'u nama biraa muudeera» jedheen.

15 Saamu'eel Gelgela'aa ka'ee deeme; baniin hafe ammo Saa'oliin faanaa gara loltoota ufii deeman; Gelgela'aa ka'anii gara Gibi'aa gara Biiniyaamii dhufan; Saa'ol banii isa woliin jiru tooyate; Saa'ol hennaa namoota ufii laakkayu haga namoota dhibba jahaa ta'an.

16 Saa'olii fi ilmi isaa Yoonaataan baniin isaan woliin jirullee lafa Biiniyaamii Gibi'aa keessa jiraatan worri Filisxeemiillee Maakimaasitti quphatan.

17 Duultonni worra Filisxeemii bakka sadihitti qoodamanii qabattee qabanii kushee ufii keessaa yaa'an; gareen tokko gara oofraa bulchiinsa Baashu'aalii dhaqan.

18 Gareen lammeesso'oo gara karaa Beetihoorii naannaye, gareen sadeesso'oo ammo gara dhooqa gammoojjii Sibooyii fiduu naannaye.

19 Worri Filisxeemii worra Ibrootaa guraade'ee fi woraana akka hin hojjanne waan dhoogganiif biyya Israa'eliititti namni sibiila tumee meeshaa woraanaa hojjatu hin argamne.

20 Worri Filisxeemii maruu maarashaa, haamtuu, qottoo tumsiisu'uuf gara worra Filisxeemii dhaqan.

21 Gatiin sibiila kanniin tumsiisu'uuf, qaccee sibiilaa ka sanga'aan oofan qarsiisu'uuf kaffalan birrii haga saqilii afurii ulfaatu; gatiin maarasha'aatii fi doomaa qarsiisu'uuf kaffalanillee dachaa saniiti.

22 Kanaafuu guyyaa duulaa Saa'olii fi ilma isaa Yoonaata'aa achi loltoota worra Israa'elii keessaa namni guraade'ee fi woraana harkatti qabate hin jiru.

23 Duulli worra Filisxeemiillee karaa gara Maakimaasii dhaqaniin bayan.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ