Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 12 - Kitaaba WoyyuuDubbii Saamu'eel Dhuma Irratti Dubbate 1 Saamu'eel worra Israa'elii maraanuu «Isinii dhagayee mootii isinii moosiseera; 2 kunoo amma mootiin isin afoo jira; ani jaaree nama guddaa ta'eera. Ijoolleen tiyya kunoo isin woliin jirti; ani daa'imummaa kiyya irraa jalqabee isin afoo deemeera; 3 Ani amma kunoo isin afoo dhaabadheera; mootii Rabbi dibee fi Rabbiin afo'otti mee natti ragaa'a; ani sangaa eennuu fudhadhe? harree eennuu fudhadhe? Eennuun sobe? Eennuun miidhe? Murtii qajeelaa dabsu'uuf eennuun irraa gabbarsuu fudhadhe? Waan kanniin maraa keessaa waan tokkollee yoo fudhadhee jiraadhe waan fudhadhe deebisu'uuf ani qophaayeera» jedhe. 4 Isaanillee, «Ati nu hin sobne; waan hamaa nu irratti hin goone; nama harkaallee womaa hin fudhanne» jedhanii deebisaniif. 5 Saamu'eelillee, «Akka isin waan tokko na irratti hin argine Rabbii fi ka Rabbi dibe adha isinitti raga'a!» isaaniin jedhe. Isaanillee, «ee Rabbi raga'a» jedhanii deebisaniif. 6 Saamu'el bani'iin «Muuse'ee fi Aarooniin ka filate abboota teessan ka biyya Misiriitii baase Rabbi; 7 ammallee waan woyyummaa Rabbii abboota teessanii fi isinii godhe maraaf ani Rabbiin afo'otti akka isin falmu as dhaabadhaa'a. 8 Hennaa Yaaqoobii fi ijoolleen isaa biyya Misiriititti galan worri biyya Misirii isaan rakkisan; abboonni keessan gara Rabbii iyyan; Rabbillee Muuse'ee fi Aarooniin ergee isaan abboota teessan biyya Misiriitii baasanii lafa kanatti akka quphatan isaan godhe. 9 Garuu baniin Rabbii Waaqa ufii irraanfatan; bulchaa duultota Aasoorii Siisaaraa, worra Filisxeemiitii fi mootii worra Moo'aabiititti dabarsee isaan kenne; isaanillee isaaniin wol lolan. 10 Achiin maayessa isaan, ‹Rabbiin dhiifnee Ba'aaliimii fi Astaarootiin waan waaqeffanneef yakkineerra; amma yabo'oo diina keenna harkaa nu hambisi si waaqeffannalle'ee!› jedhanii Rabbitti iyyan. 11 Rabbillee dura Yiruba'aaliin, Baarqi, Yooftaahe'ee fi Saamu'eeliin isaanii erge; isaan diintota naannoo isaanii jiran maraa jalaa isaan baasan isin ammo isinii tolee jiraattan. 12 Mootichi ijoollee Amoonii Naa'oos akka isinitti dhufe hennaa argitan Rabbi mootii keessan uduu ta'ee jiru ‹Akki kun hin ta'uu mootii nuu moosisi!› naan jettan. 13 «Amma mootii filattanii fi mootii barbaaddan laalaa'a Rabbi mootii isinii moosise. 14 Yoo Rabbiin sodaattan, yoo isa Waaqeffattan, dubbii isaa yoo dhageeffattan, yoo ajaja Rabbii irratti dhara hojjachuu baattanii fi isinii fi mootiin isin irratti mooyellee yoo Rabbii Waaqaa keessan faanaa deemtan, waan misha'atu isinii ta'a. 15 Garuu yoo dubbii Rabbii hin dhageenne, seera isaa irratti yoo dhara hojjattan isinii fi mootii keessan irratillee harki Rabbii hin jabaata. 16 Kanaafuu amma jabaadha'aa dhaabadha'aa; maalalee guddaa Rabbi isin afo'otti godhu argitanii, 17 Akkuma beettan hennaan kun hennaa qamadii haamaniimii? ani garuu gara Rabbii iyya; innillee gigissa'aa fi rooba erga; yoo kun ta'e isin waan akka mootiin isinii moowu kadhattaniif akka Rabbiin afo'otti waan hamaa guddaa gootan hin argitanii» jedhe. 18 Kanaan maayessa Saamu'eel gara Rabbii iyye; gaafas Rabbi gigissa'aa fi rooba erge; Baniin maruu Rabbii fi Saamu'eeliin guddisanii sodaatan; 19 Saamu'eeliin, «Yabo'oo nu akka hin dhumne Rabbii Waaqa kee nuu kadhadhu; cubbuu biraa hojjachuu irra lufnee mootii nuu moosisi jennee gaafachuu keennaan nu yakkamtoota ta'uu keenna hubanneerraa» jedhaniin. 20 Saamu'eel bani'iin, «Hin sodaatinaa'a; waan hamaa kana gootaniirtan; garuu onnema keessaniin Rabbiin waaqeffadhaa'a malee duukaa isaa deemuu hin dhiisinaa'a. 21 Waan hin daballe waan faayidaa hin qabne, ka nama hin fayyifne faanaa hin bu'inaa'a. 22 Rabbi waan banii ufii isin godhachuu barbaadeef waan maqaa guddaa ufiitiif jedhee banii ufii hin dhiisu. 23 Ani waan misha'aa fi karaa qajeelaa isin barsiisa malee waan keessaniif Rabbiin kadhachuu dhiisee Rabbiin yakkuun na irraa haa fagaatu. 24 Isin Rabbuma callaa sodaadhaa'a waan guddaa gootan waan argitaniirtaniif dhugamaan isa waaqeffadhaa'a. 25 Yoo waan hamaa hojjattan garuu isinii fi mootiin keessanillee hin baddan» jedhe. |