Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 11 - Kitaaba WoyyuuSaa'ol Worra Amoorotaa Mooyate 1 Ji'a tokkoon maayessa mootiin Naa'oos Iyyaabiisii Gala'aadiin jala jirtutti duulee qachaa san marse; namoonni Iyyaabiisii maruu Naa'oosiin «Nuun wolii gali; nullee hojjattoota tee taanaa» jedhaniin. 2 Naa'oosiin gosa Amooniillee, «Ija teessan ta mirgaa isin keessaa baasee, banii Israa'elii maraa haga salphiseen maayessa waadaa isin woliin gala» isaaniin jedhe. 3 Manguddoonni Iyyaabiisii «Nu'u biyya Israa'elii marattuu ergamtoota akka erginu haga guyyaa torbaa nu eegi; achiin maayessa nama nu oolchu yoo dhabne si jalatti bullaa» jedhaniin. 4 Ergamtoonni isaaniillee hulee Saa'ol jiru gara Gibi'a'aa dhaqanii waan kana bani'itti himan; baniin maruu laagaa ufii ol qabatanii booyan. 5 Saa'ol Sangoota ufii faana deema'aa maasaa ufiitii dhufe; Saa'ol «Baniin maal ta'ee booya?» Jedhe; isaanillee waan oduu worri Iyyaabiisii qabatee dhufeen itti himan. 6 Hennaa waan kana dhagaye Hafuurri Rabbii hunna gudda'aan Saa'oliin irratti bu'ee guddisee aaree lole. 7 Sangoota qonnaa gala'aaruun sanniin mummuree foon isaanii hulee worri Israa'elii jiran marattuu ergamtootaan ergee «Namni Saa'olii fi Saamu'eeliin faanaa lolaaf hin baane sangaan isaan akkuma sangaa kanaa jalaa mummurama!» yaada jedhu ergamtoota ufiitiin hulee worri Israa'elii jiru marattuu erge; hennaa san baniin maruu Rabbiin sodaate; namni tokkollee uduu hin hafne maruu lolaaf bayan. 8 Saa'ol hulee Beezeeq jedhamutti wolitti isaan qabe; ijoolleen Israa'elii namoota kuma dhibba sadihiiti; namoonni Yihuuda'aa garuu namoota kuma soddomaati. 9 Ergamtoota Iyyaabiisii dhufaniin «Boru yoo aduun oo'e nu akka isin hambifnu banii keessanitti himaa'a» jedhe; ergamtoonni sunniinillee hennaa banii Iyyaabiisiititti himan, baniin Iyyaabiisii guddisee gammade. 10 Worra Iyyaabiisiitiin «Nu'u boru harka isinitti kennannaa waan barbaaddan nu godhaa'a» isaaniin jedhan. 11 Haga lafti bariite Saa'ol banii hulee sadihitti qoodee ganama irraa jalqabee haga aduun oo'itutti qe'ee worra Amoonii balaa itti buusanii isaan fixan; worri balaa irraa hafan bibittinnaayanii hojjuma ufii dheessan. Saa'ol Akka Mootii Ta'e Beekkame 12 Kanaan maayessa baniin Saamu'eeliin, «Namoonni Saa'ol nu irratti hin mooyu jedhan eennuun fa'a? isaan dabarsii nutti kenni isaan findhaa» jedhaniin. 13 Saa'ol, «Adha Rabbi banii Israa'elii waan hambiseef namni tokkollee hin du'u» jedhe. 14 Saamu'eel bani'iin, «Koottaa adha gara Gelgela'aa deemnee Saa'ol akka mootii keenna ta'e mirkaneessinaa» isaaniin jedhe. 15 Baniin maruu gara Gelgela'aa dhaqanii achitti Saa'oliin Rabbiin afo'otti moosisaniin; achitti ciincaa fayyumma'aa Rabbii dhiyeessan; Saa'olii fi baniin Israa'elii maruu guddisanii gammadan. |