Kitaaba Seena'aa ka 1ffaa 9 - Kitaaba WoyyuuBanii Israa'elii Ka Boojuu Irraa Deebi'e 1 Baniin Israa'elii maruu akkuma maatii ufiitiin galmaayan; seenaan kun akkaatama kitaaba mootota Israa'eliitiin barreeffameera; baniin biyya Yihuuda'aa sababaa cubbuu ufiitiif booji'amanii gara biyya Baabiloonii dhaqan. 2 Gadoonni duraa ka gara lafa ufii dacha'an worra Leewwotaa, worra mana woyyuu keessatti hojjatanii fi worra Israa'elii fa'a. 3 Worri Yihuuda'aa, ka Biiniyaamii, ka Efreemiitii fi worri gosa Minaase'ee ta'an Yerusaalemiin keessa jiraachu'uuf deeman. 4 Worra Yihuuda'aa keessaa worri Yerusaalemiin keessa jiraachu'uuf dhaqan maatii dhibba jahaatii fi sagaltama; fiixaan Faareesii ilmi Yihuuda'aa, ilmi ilma Oomirii ilma Amihuudii Utaayiin garuu bulchaa taasisanii filan; kuuwwan worri fiixaa Faareesii Imirii fi Baaniin fa'a. 5 Ilmi Yihuuda'aa hangaftichi fiixaan Sheela'aa Asaaya'a. 6 Inni ijoollema ufii woliin bulchaa maatii ufii ture; ilmi Yihuuda'aa Yi'u'eelii fiixaa Zarahii akka inni isaan bulchu taasifatan. 7-8 Worra Yerusaalemiin jiraata'aa turan keessaa gofti Biiniyaamii worri deeman; Hoodawuu ilma Hasanuu, Maashulaa ilma Hoodawuu, Saaluu ilma Maashulaa, Yubinaayaa ilma Yirohaamii, Ilma ilma Mikirii, Eelaa ilma Uuzii, Raa'u'eeli, Maashulaa ilma Shafaaxiya'aa fa'a. 9 Gosa Biini'yaamii keessaa worri Yerusaalemiin keessa jiraachu'uuf deeman wolitti qaba'atti maatii dhibba sagalii fi shantamii jaha; worri asii olitti maqaan isaanii dhayame kunniin maruu bulchoota maatii ufii turan. Gadoota Yerusaalemiin Keessa Jiraatan 10-12 Worra gadootaa keessaa Yoodaahee, Yoo'aariibi, Yaakiin, bulchaa mana woyyu'uu Akixoobi, Maraayooti, Saadooqi, Meesulaa, Keliqiyaas, Azaariyaas, Malkiyaa, Phaaskoor, Yirohaam, Adaayaa, Imeeri, Mishilaami, Meesulaam, Yahizeraa, Adi'eelii fi Maasaayi. 13 Kunniin maruu hujii mana woyyuu keessatti hojjatamu maraa hojjachu'uuf worra dandeettii qabu turan; baay'inni isaanii namoota kuma tokkoo fi dhibba torbaa fi jahaatama turan. Worra Leewwotaa Ka Yerusaalemii Keessa Jiraatan 14-16 Worri Leewwotaa ka biyya Yerusaalemii keessa jiraata'aa turan; Shaamayaa ilma Hashuubii, worra gosa Meraarii, abboota isaa ka duraa keessaa Aziriqaabii fi Hashabiyaa fa'a. Baaqbaqaar, Hereeshi, Galaali, Maataaniyaa ilma Miika'aa, abboonni isaanii ta duraa Zikaarii fi Asaafiin fa'a; Abdiyyu ilmi Shamaya'aa, abboonni isaanii ta duraa Galaalii fi Yiduutaaniin fa'a; Baraakiyaan ilmi ilma Aasaa ilma Hilqaana'aa ka ganda bulchiinsa Naaxoofii jala ture keessa jiraata'aa ture fa'a. Waardiyyoota Mana Woyyuu Yerusaalemii keessa Jiraata'aa Turan 17 Waardiyyoonni mana woyyuu Yerusaalemii keessa jiraata'aa turan. Shaaluum, Aquubi, Xeelmoonii fi Ahimaaniin fa'a; bulchaan isaanii Shaaluum. 18 Haga hennaa sanii isaan balbala gara baya biiftu'uu ka mootichaa eega'aa turan; isaan tanaan dura balbala dallawa gara worra Leewwotaa seensisuun eega'aa turan. 19 Shaaluum ilmi Qoree ilma Abiyaasaafii worra gosa maatii Qore'ee ta'an firtoota ufii woliin akkuma aboonni isaanii ta duraanii hujii Rabbii huja'aa turanitti balbala daasee Rabbi itti waaqeffamu eega'aa tura. 20 Dura Finihaasii ilma Alaazariititu bulchaa isaanii ture; Rabbillee isa woliin ture. 21 Zakkaariyaas ilmi Meesula'aa balbala daasee wol gayi'ii eega'aa ture. 22 Worri hulee balbala seenanii Rabbiin itti waaqeffatan haa eegani'iif filataman namoota dhibba lamaa fi kudha lama; kunniin worra Daawitii fi raattichi Saamu'eel akkaataa gosa isaaniitiin uf jalatti ramadan keessatti laakkayaman. 23 Isaanii fi ijoolleen isaanii daasee mana woyyuu Rabbii keessatti waardiyyoota turan. 24 Kolba arfaniinuu gara kaabaatiin, gara kibbaatiin, gara baya biiftu'uutii fi gara dhiya adu'uutiinillee, waardiyyootatu eega'aa ture. 25 Waardiyyoota kanniin firtoonni isaanii ka gandaa isaanii keessa jiraata'aa turan torbaan torbaaniin kore kore'een dhaqa'aa isaan gargaaruu isaan barbaachisa ture. 26 Worra Leewwotaa keessaa bulchoonni afurii ka waardiyyootaa hennaa maraa baallii guutuu isaan irraa qaban akkasuma isaan meeshaa mana woyyuu keessa jiruu fi kutaa maraafuu worra baallii qaban turan. 27 Isaan waan mana woyyuu eeganiif ganamaa fi galgalallee worri balbala mana woyyu'uu banu waan isaan ta'eef naannoma san bulan. Leewwota Kaawwan 28 Leewwonni kuuwwan meeshaa qulqulluu mana woyyuu keessatti ittiin hojjatan maraa irratti baallii qaban; isaan meeshaa kanniin hennaa huji'ii laakkaya'aa baasan; huji'iin maayessaallee laakkayanii gara mana woyyu'uu deebisan. 29 Isaan keessaa gari gariin daadhii woyini'ii, Dhadhaa ejersaa, Hixaanaa fi urgooftuu irrattillee baallii qaban. 30 Gosa worra gadootaa keessaallee gari gariin worra urgooftuu gara garaa wolitti qabu irratti baallii qaban. 31 Matitiyaan namni gosa Qore'ee ilmi hangafaa ka Shaaluumii waan eelee irratti bilcheessan maraa irratti baallii qaba ture. 32 Baniin gosa Qaatii gari gariin xoroshoo guyyaa sambataa mana woyyuu keessatti qopheessan maraa irratti baallii qaban. 33 Bulchoonni gosa Leewwotaa gari gariin faarfattoota turan; hujiin isaanii halkanii fi guyyaa waan ta'eef hujii kaawwan hin hojjatan. 34 Kunniin maruu bulchoota worra Leewwotaati; isaan akkaatama gosa ufiitiin Yerusaalemiin keessatti bulchoota ta'anii jiraata'aa turan. Fiixaa Mooticha Saa'oliitii fi Abboota isaa ( Sen. 1ffaa 8:29-38 ) 35 Yi'i'eel qachaa Gabaa'oonii ijaaree keessa jiraata'aa ture; haati manaa isaa Ma'ikaa jedhamti; 36 ilmi isaa ka hangafaa Abdoon jedhama; ijoolleen isaa ta dhiiraa tuuwwan 37 Duuri, Qiisi, Ba'aali, Neeri, Naadaabi, Gedoori, Ahiyuu, Zaakuuri, Miqilooti biyya Gabaa'oonii keessa jiraata'aa turan. 38 Miqilooti Sami'aa uumate, isaanillee obboleewwan ufii woliin naannoma isaan jiraatan san Yerusaalemiin keessa jiraata'aa turan. 39 Neeri Qiisiin uumate, Qiis Saa'oliin uumate; Saa'ol Yoonaataa, Melkisaa, Aminaadaabii fi Asba'aaliin uumate; 40 Ilmi Yoonaata'aa Marba'aali. Marba'aali Miikkaa uumate; 41 Miikkaanillee ijoollee dhiiraa Piitoon, Meeleek, Taari'aa fi Akaaziin uumate; 42 Akaazi Ya'iraa uumate; Ya'iraan Alemeeti, Azmootii fi Zamiriin uumate; Zamirillee Mooxaa uumate. 43 Mooxaan Bin'aaniin uumate. Bini'aan Raaffayaa uumate; Raaffayaan Eel'aasaa uumate, Eel'aasaan Eseeliin uumate. 44 Eseeli ijoollee jaha qaba; isaan Azriqaam, Bokiruu, Ismaa'el, Sha'aariyaa, Abdiyyuu fi Hanaaniin fa'a. |