Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Seena'aa ka 1ffaa 8 - Kitaaba Woyyuu


Fiixaa Biiniyaamii

1 Biiniyaam ijoollee dhiiraa shan uumate; isaan akkuma umurii isaaniitiin Beelaan, Asbeel, Ahaaraa,

2 Nohaana'aa fi Raafaaniin fa'a.

3 Fiixaan Beela'aa Adaar, Geeraa, Abihuud,

4 Naa'imaa, Ahowaa,

5 Geeraa, Safuufaa, Huuraaniin fa'a.

6 Fiixaan Eehudii Naa'imaa, Ahaaya'aa fi Geeraa fa'a.

7 Isaan maatii duraan Gibi'aa keessa jiraatanii fi worra achiin maayessa hulee sanii baqatanii gara Mihaanaayii dhaqanii jiraataniif bulchoota turan; namni achi isaan fide Geeraa abbaa Uuza'aatii fi abbaa Ahihuudiiti;

8 Shahaaraayim haawwota manaa lamaan ufii ta Uushim jedhamtuu fi ta Baa'iraa jedhamtu haga baaseen maayessa

9 biyya Moo'aabiititti ijoollee torbaa haadha manaa ufii Haadeeshiin irraa uumate; isaan Yoobaab, Dibiyaa, Maasee, Maalkaam,

10 Yi'uuxi, Shakkiya'aa fi Mirmaa fa'a; ijoolleen isaa maruu bulchoota maatii ufii ta'an.

11 Ammallee haadha manaa ufii ta Uushim jedhamtu irraa ijoollee dhiiraa lama Abixuubii fi Eelfi'aaliin uumate;

12 Eelfi'aali Eebeer, Miishaam, Aano'oo fi Loodiin uumate; Shemeed nama qachoota Anoonii fi Lood jedhamtee waamamtuu fi gandoota naannoo isaaniititti argaman maraa ka ijaare.


Worra Biiniyaamii Ka Geetii Fi Ayaalooniin Keessa Jiraatan

13 Bari'aanii fi Shama'aan worra qachaa Ayaaloonii keessa jiraatan bulcha'aa turan; isaan worra biyya Geetii keessa jiraatan maraa hin ari'an.

14 Fiixaan Bari'a'aa Ahiyuu, Shaashaaq, Yireemiti,

15-16 Zibaadiyaa, Araadi, Eediri, Mikaa'eli, Yishaapha'aa fi Yoohaan fa'a ijoollee Bari'a'aati.


Worra Gosa Biiniyaamii ka Yerusaalemiin keessa Jiraatan

17 Ijoolleen Eelfi'aalii ta dhiiraa Zibaadiyaa, Meesulaam, Hisqii, Hebeer,

18 Yishimiraayi, Yiziliya'aa fi Yubaabiin fa'a.

19 ijoolleen dhiiraa ta Saama'ii Yaaqiimi, Zikkiri, Zabiidi,

20 Eelenaayi, Xiltaayi, Eesi'eel,

21 Adaayaa, Biraaya'aa fi Shimiraatiin fa'a.

22 ijoolleen dhiiraa ta Sooleeqii Yishiphaan, Ebeer, Eeli'eel,

23 Abdoon, Zikkiri, Hanaan,

24 Hanaaniyaa, Eelaam, Antootiyaa,

25 Yifiidiya'aa fi Faanu'eeliin fa'a.

26 Shamshiraayi, Shahaariyaa, Gotoliyaa,

27 Yaareshiyaa, Eeliyaana'aa fi Zikkiri ijoollee dhiiraa ta Yeroohaamiiti.

28 Kunniin maruu worra Yerusaalemiin keessa jiraataniif bulchoota maatii ufii masakkaniif fiixaa isaanii ka dhiigaati.


Worra Gosa Biiniyaamii Ka Gabaa'oonii Fi Yerusaalemiin keessa Jiraatan

29 Yi'i'eel qachaa Gabaa'oonii ijaaree keessa jiraate; haati manaa isaa ta Maa'ikaa jedhamtu yoo taatu,

30 Ilmi isaa ka hangafaa Abdoon jedhama; ijoolleen dhiiraa ta biraa Duur, Qiis, Ba'aal, Naadaab,

31 Geedoor, Ahiyuu, Zaakeer fa'a biyya Gabaa'oonii keessa jiraatan.

32 Miqilooti Saami'aa uumate; isaan obboleewwan ufii woliin Yerusaalemiin keessa jiraatan.


Maatii Mooticha Saa'olii

33 Neeri Qiisiin uumate; Qiisi Saa'oliin uumate; Saa'ol Yoonaataa, Milkisaa, Aminaadaabii fi Asa'aaliin uumate;

34 Ilmi dhiiraa ka Yoonaata'aa Mariiba'aal Miikaa uumate;

35 ijoolleen dhiiraa ta Miika'aa Piitoon, Meeleek, Taare'aa fi Akaaziin fa'a.

36 Akaazi Yiho'aadaa uumate, Yiho'aadaan Alemeeti, Azmootii fi Zamirii uumate; Zamiri Mooxaa uumate;

37 Mooxaan Bini'aaniin uumate, Bini'aan Raaffayaa uumate Raaffayaan Eel'aasaa uumate, Eel'aasaan Aseeliin uumate;

38 Aseel ijoollee dhiiraa jaha uumate, maqaan isaanii Azriqaam, Bokiruu, Ismaa'el, Sha'aariyaa, Abdiyyuu fi Haannaa fa'a.

39 Obboleessi Aseelii hangaftichi Ulaan, lammeessoon Iyyaas, ka Sadeesso'oo Eelfalaatiin fa'a.

40 Ijoolleen Eelaamii ta dhiiraa loltoota jannaa fi worra eboo darbatan turan; fiixaan isaanii maruu ijoollee dhibbaa fi shantamaa fi ijoollee ijoollee ufiillee hin qaban turan.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ