Kitaaba Seena'aa ka 1ffaa 7 - Kitaaba WoyyuuFiixaa Yisaakoorii 1 Yisaakoor ijoollee dhiiraa afur uumate; isaanillee Tolaa, Fuwaa, Yaashuubii fi Shimiroon. 2 Tolaan ijoollee dhiiraa jaha uumate; isaanillee Uuzi, Rafayaa, Yiri'eel, Himaayi, Yibsa'aa fi Shaamu'eel; abboonni maatii Tola'aa fiixaan isaanii worra jajjaba'aa fi ka baallii qaban tura; bara mootichi Daawiti jiru baay'inni isaanii kuma lamaa fi dhibba jaha ture. 3 Uuzi ilma Yiziraahiyaa jedhamu uumate; Yiziraahiya'aa fi ijoolleen isaa ta dhiiraa shananuu Mikaa'eel, Abdiyyu, Iyyu'eelii fi Yishiyaan kunniin maruu bulchoota maatii ufii turan. 4 Isaan haawwota manaa baay'e'ee fi ijoollee baay'ee waan qabaniif fiixaa isaanii keessaa namoota duula gayan namoota dhiiraa kuma soddomii jaha dhiyeessuu hin danda'an ture. 5 Fiixaa Yisaakoorii keessaa namoota dhiiraa ka umuriin isaanii duulaaf gaye haga namoota kuma saddeettamii torbaa akka ta'an galmeen fiixaa isaanii hin ibsa. Fiixaa Biiniyaamiitii Fi Ka Daanii 6 Biiniyaam ijoollee dhiiraa sadihi uumate; isaanillee Beelaa, Beekeerii fi Yidaa'eeliin fa'a. 7 Beelaan ijoollee dhiiraa shan uumate; isaanillee Heseboon, Oozi, Uuzi'eel, Iyyaarimuutii fi Iiri; isaan gosa ufii keessatti bulchoota maatii ufiitiif duultota janna gurra dhagayatan turan; fiixaa worra isaanii keessaa namoonni dhiiraa ka umuriin isaanii duulaaf gaye namoota kuma diddamii lamaa fi soddomii afur. 8 Beekeer ijoollee dhiiraa sagal uumate; isaanillee Zimiraa, Iyyo'aas, El'eezar, Elyoo'eenaayi, Oomri, Iyyaarimuut, Abiyaa, Anaatootii fi Aleemeetiin fa'a. 9 Fiixaa maatii isaanii keessaa worri umuriin isaanii duulaaf gaye namoota dhiiraa kuma diddamaa fi dhibba lama turan. 10 Idi'eel Bilihaaniin uumate, Bilihaan Ya'uus, Biiniyaam, Ehuud, Kani'aanaa, Zeetaan, Tarseesii fi Akisa'aar worra jedhaman ijoollee dhiiraa torba uumate. 11 Isaan fiixaa ufii keessatti bulchoota maatii ufiitiif duultota janna gurra dhagayatan turan; isaan fiixaa maatii ufii keessaa namoota dhiiraa ka umuriin isaanii duulaaf gaye namoota kuma kudha torbaatii fi dhibba lama turan. 12 Akkasuma Saafiin, Huufiin ijoolleen Iirii Huushiim ijoollee Aheeriiti. 13 ijoolleen Niftaalemii Yaaxeel, Guun, Yuuxeer, Shaam; isaan fiixaa Baala'aati. 14 Ijoolleen Minaase'ee ta inni mata gala itti galu ta gosa Sooriya'aa deetteef Isri'eelii fi Maakirii abbaa Gala'aadii fa'a. 15 Maakiri gosa Huufimiitii fi gosa Saafinii keessaa intala fuudhe; obboleettiin isaa Ma'aakaa fi ta lammeesso'oo Solofa'aad; isiin ijoollee intalaa ta ufii deette qabdi. 16 Haati manaa Maakirii ijoollee lama deetteef; maqaan isaanii Faareesii fi Soroosi. 17 Ulaan ilma dhiiraa ka Baadaan jedhamu uumate; kunniin maruu ilma ilma Maakirii gosa Minaase'ee ka fiixaa Gala'aadiiti. 18 Obboleettiin Gala'aadii Malakeet ijoollee dhiiraa sadihi deette; isaanillee Isuudiin, Abi'eezirii fi Maahilaa fa'a. 19 Ijoolleen Shamida'aa Aayyaan, Seekeem, Liqihi'ii fi Ani'aamiin fa'a. Fiixaa Efreemii 20 Efreem Shutulaa uumate; Shutulaan Baarediin uumate; Baaredi Tahaatiin uumate; Tahaati Eel'aadaa uumate; Eel'aadaan Tahaatiin uumate; 21 Tahaati Zabaadiin uumate; Zabaadi Shutulaa uumate; Efreem Shutula'aan alattillee ijoollee dhiiraa lamaan Eedirii fi Eelaadiin uumate; Isaan uduu horii isaanii hata'aaran arganii worri Geetii isaan ajjeesan. 22 Abbaan isaanii Efreem waan guyyaa baay'ee isaanii gaddeef obboleewwan isaa isa jajjabeessu'uuf gara isaa dhaqan. 23 Kanaan maayessa Efreem haadha manaa ufii bira gaye; isiinillee ulfooftee ilma deetteefii waan mana isaa keessatti rakkoon uumameef Bari'aa jedhee maqaa itti baase. 24 Efreem mucattii Si'aaraa jedhamtu uumate; isiin qachoota lamaa jalaa fi gubba'aan Beetihoorii fi Uzaan She'eeraa jedhamu hojjachiifte. 25 Efreem ilma Reefaahi jedhamu uumate; fiixaan Reefaahii Reeshiif, Teelaahi, Tahaan, 26 Laa'idaan, Amihuud, Eelshaamaa, 27 Nawwe'ee fi ilma isaa Iyyaasuu fa'a. 28 Bulchiifni fiixaan Efreemii fudhatanii ka ufii taasifatan qachoota didiqqaa, Beeteelii fi naannoo isi'iititti argaman yoo ta'u gara baya biiftu'uutiin haga Naa'iraanii, gara dhiya adu'uutiin haga Geezeeriitii fi qachoota didiqqaa naannaya isi'iititti argaman maraa wolumatti qabata; Seekeemii fi Ayaaniin ka naannaya isaanii jiru maraa qachoota didiqqaallee hin eda'ata. 29 Fiixaan Minaase'ee Beetishaan, Taa'inaag, Magidoonii fi Doori; akkasuma qachoota didiqqaa naannoo isaaniititti argaman bulchiinsa ufii jala taasisan; kunniin maruu hulee fiixaan Yooseefii ilma Yaaqoobii keessa jiraatan. Fiixaa Aseerii 30 Aseer ijoollee dhiiraa afurii fi intala takka uumate. Isaanillee Yuuminaa, Yesuwaa, Yesuwi'ii fi Bari'aa yoo ta'an, obboleettiin isaanii Seeraahi; 31 Bari'aan ijoollee dhiiraa lamaan Heebeerii fi Malki'eel jedhaman uumate; Malki'een ilma Beerzaawii jedhamu uumate. 32 Heebeer ijoollee dhiiraa sadihi uumate; isaan Yaafleex, Seemeerii fi Kootaamiin fa'a; obboleettiin isaanii Soolaani. 33 Yaafleex ijoollee dhiiraa sadihi Feseek, Bimihaalii fi Asiitiin uumate. 34 Saameeri ijoollee dhiiraa Aakii, Ro'aagaa, Yixuuba'aa fi Aaraamiin uumate. 35 Ijoolleen obboleessa Eelaamii ta dhiiraa Xoofaa, Yiminaa, Seeleesii fi Amaaliin fa'a. 36 Fiixaan Xoofa'aa Suwaa, Harneefir, Soogaal, Beerii, Yimiraa, 37 Bexiir, Hood, Saamaa, Saalisaa, Yitira'aa fi Bi'eeraa fa'a. 38 Fiixaan Yuuterii Yurooni, Fissipha'aa fi Aaraa fa'a; 39 Fiixaan Ula'aa, Eeraa, Hani'eelii fi Raxiyaa fa'a. 40 Kunniin maruu fiixaa Aseeriiti; isaan bulchoota maatii ufiitiif loltoota jannaa fi masakkoota filataman turan; fiixaan Aseerii hujii lolaatiif worri gayaa ta'an dhiira kuma diddamii jaha qaban. |