Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Seena'aa ka 1ffaa 6 - Kitaaba Woyyuu


Fiixaa Maatii Bulchaa Gadootaa

1 Ijoolleen Leewwi'ii Geedsoon, Qaatii fi Meeraariin fa'a.

2 Ijoolleen Qaatii Amraam, Yisi'aar, Keebroonii fi Uzi'eeliin fa'a.

3 Ijoolleen Amraamii Aaroon, Muuse'ee fi Maariyaam; Ijoolleen Aaroonii Naadaabi, Abiyuudi, Alaazarii fi Itaamiriin fa'a.

4 Alaazar Finihaasiin uumate; Finihaas Abiisuu uumate; Abiisu Buuqiin uumate.

5 Buuqi Ooziin uumate;

6 Oozi Zaraa'iyaa uumate; Zaraa'iyaan Marayootiin uumate.

7 Marayooti Amaariyaa uumate; Amaariyaan Akixoobiin uumate;

8 Akixoobi Saadooqiin uumate; Saadooqi Akimaasiin uumate;

9 Akimaas Azaariyaasiin uumate; Azaariyaas Yohaanaa uumate.

10 Yohaanaan Azaariyaasiin uumate; Inni gadicha mana woyyuu Solomoon mootichi Yerusaalemiin keessatti ijaaretti gadicha ta'ee hojjata ture.

11 Azaariyaas Amaariyaa uumate; Amaariyaan Akixoobiin uumate;

12 Akixoobi Saadooqiin uumate; Saadooqi Shaaluumiin uumate;

13 Shaaluum Kelqiyaasiin uumate; Kelqiyaas Azaariyaasiin uumate;

14 Azaariyaas Sarayaa uumate; Sarayaan Iyyoseedeeqiin uumate;

15 Rabbi hennaa biyya Yihuuda'aatii fi Yerusaalemiin mootii Naabukadanatsooriin mooyachiise, Iyyooseedeeqillee booji'amee isaan woliin deeme.


Fiixaa Leewwi'ii

16 Ijoolleen Leewwi'ii Geedsoon, Qaatii fi Meeraariin fa'a;

17 Ijoolleen Geedsoonii Luubeenii fi Saame'i;

18 Ijoolleen Qaatii Amraam, Yisaar, Keebroonii fi Uuzi'eeliin fa'a.

19 Ijoolleen Meeraarii Mohoolii fi Muusi'i; fiixaan maatii leewwotaa akkaataa gosa abboota isaaniitiin kanniin fa'a.

20 Geedsoon Luubeeniin uumate; Luubeen I'eetiin uumate; I'eeti Zaamaatiin uumate;

21 Zaamaati Yoo'aakiin uumate; Yoo'aaki Adoo uumate; Ado Zaaraa uumate; Zaaraan Yaatiraayiin uumate;

22 Qaati Aminaadaabiin uumate; Aminaadaab Qoree uumate; Qoreen Aseeriin uumate;

23 Aseer Hilqaanaa uumate; Hilqaanaan Abisaafiin uumate; Abisaafi Aseeriin uumate.

24 Aseer Ii'itiin uumate; Ii'iti Uraa'eliin uumate; Uraa'eli Ooziyaa uumate; Ooziyaan Saawuliin uumate;

25 Ijoolleen Hilqaana'aa Amaasii fi Akimooti;

26 Akimooti Hilqaanaa uumate; Hilqaanaan Suufiin uumate; Suufi Naatiin uumate;

27 Naati Eeliyaabiin uumate; Eeliyaab Yiruhaamiin uumate; Yiruhaam Hilqaanaa uumate;

28 Saamu'eel ilma hangafaa Iyyu'eelii fi maandhicha Abiyaa uumate;

29 Meeraari Mohooliin uumate; Mohooli Loobeeniin uumate; Loobeeni Saamii uumate; Saami Oozaa uumate;

30 Oozaan Saamaa uumate; Saamaan Hagiyaa uumate; Hagiyaan Asaayaa uumate.


Faarfattoota Mana Woyyuu keessatti Faarfatan

31 Haga saanduundhi waadaa Rabbii gara Yerusaalemii dhufeen maayessa Daawiti mootichi faarfattoota mana woyyuu keessatti hojjataniif bulchoota muude.

32 Haga Solomoon mootichi mana woyyuu Rabbii Yerusaalemiin keessatti hojjatutti isaan balbala daasee wol gayi'ii afo'otti kore kore'een faarfata'aa turan.

33 Fiixaan namoota hulee kanatti ramadamanii hojjatanii kanniin. Ijoollee Qaatii keessaa faarfataa Eemaan ture; Fiixaan hortee Eemaanii akkaataa kanaan hortee Yaaqoobii bira gaya; isaan Eemaan, Iyyu'eel, Saamu'eel,

34 Hilqaanaa, Yirohaam, Eli'eel, Towaa,

35 Suuf, Hilqaanaa, Mahaati, Amaasi,

36 Hilqaanaa, Iyyu'eel, Azaariyaas, Sofoniyaas, Tahaati, Aseer, Abiyaasaaf, Qoree,

37 Tahaati, Aseer, Abiyaasaaf, Qoree,

38 Yisaar, Qaati, Leewwii, Israa'el.

39 Namni faarfattoota garee cinaa mirgaatiin faarfatan masakku Asaafi; fiixaan maatii isaa akka armaan gad jiru kanaan hortee Leewwi'ii bira gaya; isaan Asaafi, Barakiyaa, Saamaa,

40 Mikaa'el, Ba'aaseyaa, Malkiyaa,

41 Eetinii, Zaaraa, Aadayaa,

42 Eetaan, Zaamaati, Saamee,

43 I'eeti, Geedsoon, Leewwi.

44 Namni garee faarfattootaa ka gara cinaa bita'aatiin jiran masakku ka sadeesso'oo ilma Meeraarii Eetaani; fiixaan maatii isaa akkaataa armaan gadiitiin haga Leewwi'ii gaya; isaan Eetaani, Qisaa, Abdii, Maalooki,

45 Hashabiyaa, Ameesiyaasi, Keliqiyaasi,

46 Amaasi, Baanii, Seemeer,

47 Mohool, Muusii, Meraari, Leewwi.

48 Worri Leewwotaa ka obboleewwan isaanii mana woyyuu Rabbii keessatti akka hojjataniif kennaman.


Fiixaa Aaroonii

49 Ijoolleen Aaroonii garuu akkuma garbichi Rabbii Muuseen isaan ajajetti hujii mana woyyu'uu hulee woyyittii woyyootaa maraa waan worra Israa'eliitiifillee dhiifamsa cubbu'uutiif ciincaa waan cubbu'uutiif ciincawu hulee hixaana irratti ciincessan irratti ciincessa'aa turan.

50 Fiixaan Aaroonii Alaazar, Finihaas, Abiisuu,

51 Buuqi, Oozi, Zarayaa,

52 Marayooti, Amaariyaa, Akixoobi,

53 Saadooqii fi Akimaasiin fa'a.


Hulee Jireennaa Ka Leewwotaaf Kenname

54 Huleen jireennaa ka Leewwotaaf kenname kanniin; hixaan jalqabaa gosa Qaatiitiif waan bayeef

55 isaaniif Keebroonii biyya Yihuuda'aa keessa jirtuu fi hulee horii itti bobbaafatan ka naannaya isi'ii jiru kennaniif.

56 lafa qonnaa ka Keebrooniitii fi ganda isaanii garuu Kaaleebii ilma Yufooniitii kennan.

57 Ijoollee Aarooniitiif qachoota dhaqanii keessatti dhokatan Keebroonii fi hulee horii itti bobbaafatan kennaniif

58 Akkasuma Yitiriin, Eshtimo'oo fi hulee horii itti bobbaafatan, Hoolo'oo fi hulee horii itti bobbaafatan, Daabeerii fi hulee horii itti bobbaafatan,

59 Aasaanii fi hulee horii itti bobbaafatan, Beetisaamisii fi hulee horii itti bobbaafatan;

60 Gosa Biiniyaamii keessaallee Geeba'aa fi hulee horii itti bobbaafatan, Gaaleemaatii fi hulee horii itti bobbaafatan, Anaatoonii fi hulee horii itti bobbaafatanillee hin kennaniif; Qachoonni isaanii akkaataa hortee isaaniitiin qachoota kudha sadihi turan.

61 Ijoollee Qaatii worra hafan akkaataa gosa isaaniitiin qachoota kudhanii wodhakkaa gosa Minaase'eetii kennan.

62 Ijoollee Geedsooniitiifillee akkaataa gosa isaaniitiin gosa Yisaakoorii keessaa, gosa Aseerii keessaa, gosa Niftaalemii keessaa, gosa Minaase'ee ka biyya Baasaanii keessa jiru keessaa, qachoonni kudha sadihii isaanii kenname.

63 Ijoollee Meeraariitii akkaatama gosa isaaniitiin gosa Roobeelii keessaa, gosa Gaadii keessaa, gosa Zaabiloonii keessaa qachoonni kudhanii hixa'aan isaanii kenname.

64 Worri Israa'elii worra Leewwotaatiif qachoota hulee horii itti bobbaafatan woliin kennaniif.

65 Gosa ijoollee Yihuuda'aa keessaallee gosa ijoollee Simoonii keessaallee, gosa ijoollee Biiniyaamii keessaallee qachoota maqaan dhayame kanniin kennaniif.

66 Gosa ijoollee Qaatii keessaallee gari gariin qachoota gosa ijoollee Efreemii keessaa gayee qaban.

67 Qachoota itti dheessan ka gaara irra jiran ka Efreemii Seemii fi hulee horii itti bobbaafatan, Geeziriinii fi hulee horii itti bobbaafatan,

68 Yooqi'aamii fi hulee horii itti bobbaafatan, Beetihooroonii fi hulee horii itti bobbaafatan,

69 Eeloonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Gaatirimoonii fi hulee horii itti bobbaafatan isaanii kennan.

70 Gosa Minaase'ee keessaa wodhakkaa Aneerii fi hulee horii itti bobbaafatan, Beeli'aamii fi hulee horii itti bobbaafatan gosa ijoollee Qaatii keessaa ka hafe isaanii kennan.

71 Ijoollee Geedsooniitii Goola'aa fi hulee horii itti bobbaafatan. Astirootii fi hulee horii itti bobbaafatan, qachoota wodhakkaa gosa Minaase'ee kennaniif.

72 Gosa Yisaakoorii keessaallee Qaadeesii fi hulee horii itti bobbaafatan, Daabraatii fi hulee horii itti bobbaafatan,

73 Raamootii fi hulee horii itti bobbaafatan, Aaneemii fi hulee horii itti bobbaafatan.

74 Gosa Aseerii keessaallee Maasaalii fi hulee horii itti bobbaafatan; Abdoonii fi hulee horii itti bobbaafatan,

75 Huuqooqii fi hulee horii itti bobbaafatan, Ra'aabii fi hulee horii itti bobbaafatan.

76 Gosa Niftaalemii keessaallee qachaa Qaadeesii ta Galiilaa jirtuu fi hulee horii itti bobbaafatan, Hamoonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Qiriyaataamii fi hulee horii itti bobbaafatan kennaniif.

77 Ijoollee Meeraarii ta gosa Leewwotaa keessaa haftee, gosa Zaabiloonii keessaa Reemoonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Taaboorii fi hulee horii itti bobbaafatan,

78 Gosa Roobeelii keessaa karaa kolba Yerusaalemiitiin laga Yoordaanosii gama Iyyaarikoo irraa gara baya biiftu'uutiin jirtu, qachaa Baasoorii ta lafa gammoojji'ii jirtuu fi hulee horii itti bobbaafatan,

79 Qideemootii fi hulee horii itti bobbaafatan, Mefaatii fi hulee horii itti bobbaafatan,

80 Reemaatii fi hulee horii itti bobbaafatan, Mahaanaayimii fi hulee horii itti bobbaafatan.

81 Haseboonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Iyyaazeeriifillee hulee horii itti bobbaafatantu kennameef.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ