Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Seena'aa ka 1ffaa 14 - Kitaaba Woyyuu


Hujii Daawiti Yerusaalemiin Keessatti Hojjate
( Sam. 2ffaa 5:11-16 )

1 Mootichi Xiroosii Kiraam akka mana Daawitii ijaaraniif worra muka birbirsaa bocuu fi ogeeyyii muka bocan ergamtoota woliin gara Daawitii erge;

2 Kanaafuu Daawiti akka Rabbi banii Israa'eliitiif jedhee mootummaa isaa jabeesse beeke.

3 Daawiti Yerusaalemiin keessatti haadha manaa heddu fuudhee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa uumate;

4 Maqaan ijoollee dhiiraa ta Yerusaalemiin keessatti uumate Saamusi, Soobaabi, Naataan, Solomoon,

5 Iyyaabehaari, Eelsuu'ee, Eelfaalaati,

6 Noogaa, Naafeeqi, Yaafiyaa,

7 Eelsaamaa, Eeldaahe'ee fi Eelfaalaatiin fa'a.


Daawiti Worra Filisxeemii Mooyate
( Sam. 2ffaa 5:17-25 )

8 Worri Filisxeemii akka Daawiti worra Israa'elii maraa irratti mootii ta'ee muudame dhagayan; worri Filisxeemii maruu hennaa waan kana dhagayan Daawitiin qabu'uuf soqaa yaa'an; Daawitillee haga waan kana dhagaye isaaniin lolu'uuf baye.

9 Worri Filisxeemiillee dhaqanii dhooqa Raffaayimii keessatti balaa buusan.

10 Daawiti, «Bayee worra Filisxeemiitiin loluu? ani isaan mooyadhaa?» jedhee Rabbiin gaafate. Rabbillee, «Ee! ani akka ati mooyattu si taasisaa bayii loli!» jedheen.

11 Kanaafuu Daawiti gara Ba'aalfaraasiimii dhaqee achitti worra Filisxeemiitiin lolee haga isaan mooyateen maayessa, «Loltoota diina kiyyaa akka lolaan laga irra gara galuutitti akka isaan irra gara galu Rabbi na gargaare» jedhe; kanaaf maqaa hulee sanii «Ba'aalfaraasiim» jedhanii itti baasan.

12 Worri Filisxeemii uduu dheessan waaqa tolfamaa ufii gatanii lixan. Daawiti akka waaqa tolfamaa isaanii maraa ibiddaan guban ajaje.

13 Worri Filisxeemiillee akkasuma lafa dhooqaa sanitti lolan.

14 Daawiti ammallee deebi'ee Rabbiin gaafate; Rabbi, «Isaan jalaa miliqii gara kolba oda'aatiin isaaniin loli malee isaanitti hin mudhatin;

15 afoo odaa gudda'aatitti yoo shokossaa dhageette Rabbi diintota kee worra Filisxeemii dhawu'uuf waan si afoo bayuuf yoo san bayii loli» jedheen.

16 Daawitillee akkuma Rabbi isa ajaje godhe; biyya Gabaa'ooniitii jalqabee haga biyya Geezeeriititti loltoota worra Filisxeemii dhaye.

17 Gurri Daawitii biyya marattuu dhagayame; Rabbi akka inni worra Yihuudota hin taane birattillee sodaatamu godhe.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ