Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Kitaaba Seena'aa ka 1ffaa 12 - Kitaaba Woyyuu


Worra Gosa Biiniyaamii Keessaa Ka Dura Daawitiin Faanaa Deeman

1 Hennaa Daawiti Saa'olii ilma Qiisii jalaa dheessee gara biyya Tsiqlaagii ture, worra dhaqee isa woliin achi ture keessaa jajjaboonni loltootaallee isa woliin turan.

2 Worri buundhee tokkosu, worri furaanfurrisaan darbatu, bita'aa fi mirgaanillee darbatuu danda'an turan; worra gosa Biiniyaamii keessaallee ijoolleen Saa'oliillee isaan woliin jiran.

3-7 Bulchaan isaanii Ahi'eezii fi Iyyoo'aas, Yizi'eelii ijoollee Shama'aa gosa Gibi'a'aa, Faaleexi, Barakiyaa ijoollee Aazmootii, Iyyuu gosa Anaatotaa, Samayaasii gosa Gabaa'oonii, Inni bulchaa namoota jajjabaa Soddomman sanniinii ture, Ermiyaas, Hizi'eeli, Yohaanaa, Yoozaabaatii gosa Gadirootaa, Eeluuzaayi, Iyyaarimuuti, Ba'aaliyaa, Samaarayaa, Safaaxiyaasii gosa Haaruufii fa'a. Hilqaanaa, Yishiyaa gosa Qore'ee, Azari'eeli, Yoozaari, Yashoobi'aamii nama Geedoorii, Yoo'eelaa ijoollee Yirohaamiitii fi Zibaadiyaa fa'a.


Gosa Gaadii keessaa Namoota Daawitiin Faanaa Deeman

8 Daawiti Kushee lafa gammoojji'ii keessatti argamu keessa uduu jiru worri loluu danda'an ka gurra bayan dhufanii Daawitiin gargaaran worra wonte'ee fi woraanaan loluu beekanii fi worra akka leencaatitti nama sodaachisanii fi worra akka kuruphe'eetitti utaalan turan.

9 Bulchaan isaanii Exeeri, lammeessoon Abiyuudi,

10 sadeessoon Eeliyaabi, arfeessoon Masmanaa,

11 shaneessoon Ermiyaas, jaheessoon Aataayi,

12 torbeessoon Eli'eeli, saddeetessoon Yohaanaan,

13 sagaleessoon Eelzaabaadi, kudhaneessoon Ermiyaas, kudha tokkeessoon Makibanaayi.

14 Worra gosa Gaadii ta'an keessaa namoonni hagoon worra loltoota kumaa ajajuu fi worra loltoota dhibbaa ajaju;

15 worri ji'a jalqabaa irratti hennaa lanni Yoordaanosii qacce'ee ka'ee haga qacce'eetitti guute ceeyan kanniin. Isaan kunniin worra dhooqa keessaa cinaa gara baya biiftu'uutii fi cinaa gara dhiya biiftu'uutiin jiran maraa ari'an.


Worra Gosa Biiniyaamiitii Fi Yihuuda'aa Ka Daawitiin Faanaa Deeman

16 Gaafa tokko namoonni hagoon gosa Biiniyaamiitii fi gosa Yihuuda'aa keessaa wol gayanii gara kushee Daawiti jiruu dhaqan.

17 Daawiti gara isaanii dhiyaatee «Yoo wonti isin gara kiyya dhuftaniif na gargaaru'uuf ta'e misha'a; gammachu'uun isin simadha; nu woliin ta'aa'a, yoo uduu ani womaa isin hin goone diina kiyyatti dabarsitanii na kennu'uuf taatan garuu Waandhi abboota teenna ta durii argee haa murteessu» isaaniin jedhe.

18 Hafuurri Woyyuun Rabbii bulchaa namoota soddomaa Amaasaayiin irratti bu'e; Innillee, «Daawiti! nu keeti! Ilma Isseyii! Nu si woliin jirra! Si'ii fi worra si gargaaran maraafuu nageenni haa ta'u! Rabbi si bira dhaabatee si gargaara!» jedha'aa laagaa ufii ol qabatee iyye; Daawitille gammachu'uun isaan simatee bulchootaa fi loltoota ufii isaan taasise.

19 Hennaa Daawiti worra Filisxeemii woliin Saa'oliin lolu'uuf baye loltoonni hagoon worra gosa Minaase'ee keessaa Daawitiin gargaaru'uuf deeman; bulchoonni worri Filisxeemii garuu «Daawiti nu ganee gara Saa'olii gooftaa isaa ka duriititti deebi'a» jedhanii waan sodaataniif haga mari'ataniin maayessa gara Tsiglaagii akka deebi'u godhan.

20 Gosa Minaase'ee keessaa Daawiti hennaa deebi'e maqaan loltoota gara isaa deebi'anii Adinaa, Yoozaabaati, Yidi'eeli, Mikaa'eli, Yoozaabaati, Elihuu fi Xaltaayi fa'a; kunniin maruu hennaa bulchiinsa Minaase'ee jala jiraatan worra loltoota kumaa ajaju turan.

21 Kunniin maruu loltoota jajjabaa gurra bayan; hennaa loltoonni diina isaa isa miidhan Daawitiin gargaara'aa turan.

22 Isaan guyya guyya'aan dhufa'aa loltoota Daawitiititti waan eda'amaniif loltoonni Daawitii guyya guyya'aan baay'atanii jabaata'aa deeman.


Baay'inna Loltoota Daawitii

23 Hennaa Daawiti Keebrooniin keessa jiru loltoonni leenji'an baay'een loltoota Daawitiititti eda'aman; akkuma Rabbi abdii isaa kenneetitti akka bikka Saa'olii moowu gargaarsa guddaa godhaniif.

24 Gosa Yihuuda'aa keessaa worri wonte'ee fi woraana hidhatan loltoota kuma jahaa fi dhibba saddeeti.

25 Gosa Simoonii keessaa worri kolbatti leenji'e loltoota kuma torbaa fi dhibba tokko.

26 Gosa Leewwi'ii keessaa loltoota kuma afurii fi dhibba jaha.

27 Worri fiixaa Aaroonii ka Yoodaahee faanaa deeman loltoota kuma sadihii fi dhibba torba.

28 Isa woliin ka'imticha jabaa Saadooqi jedhamutu ture; mana abbaa isaa keessaa bulchoota loltootaa diddamii lamatu ture.

29 Gosa Biiniyaamii ka obboleessa Saa'olii keessaa namoota kuma sadihiiti; garuu namoonni baay'een gosa Biiniyaamii amanamummaa Saa'olii qaban hin dhiifne.

30 Gosa Efreemii keessaa loltoota kuma diddamaa fi dhibba Saddeeti; isaan maruu gosa ufii keessatti loltoota jajjabaa gurra bayan turan.

31 Worri gosa Minaase'ee keessaa Daawitiin moosisu'uuf gara dhiyaatii dhufe namoota kuma kudha saddeeti.

32 Gosa Yisaakoorii keessaa worri ogeeyyiin bara beekan, bulchoota dhibba lamaa yoo ta'an worra bulchiinsa isaanii jala jiran maraa wolitti qabata.

33 Gosa Zaabiloonii keessaa worri amanamtoonninii fi worri hedataman, worri meeshaa woraanaa kamiinuu fayyadamuu danda'aanii fi worri lolaaf qophaayan loltoota kuma Shantamaati.

34 Gosa Niftaalemii keessaa bulchoota loltootaa kuma tokkoo fi loltoota wonte'ee fi woraana qabatan kuma soddomii torbaati.

35 Gosa Daanii keessaa loltoonni leenji'an namoota kuma diddamii saddeetii fi dhibba jaha.

36 Gosa Aseerii keessaa loltoonni lolaaf qophaayan namoota kuma afurtamaati.

37 Gosa Roobeelii, ka Gaadiitii fi ka Minaase'ee, Worra Yoordaanosiin gara baya biiftu'uutiin jiran, worri meeshaa lolaa maraanuu fayyadamuu danda'an loltoota kuma dhibbaa fi diddamaa turan.

38 Kunniin maruu Daawitiin worra Israa'elii maraa irratti moosisu'uuf worra lolaan beekkamee fi loltoota lolaan gurra bayan ka onnee guutu'uun gara Keebroonii dhaqan; akkasuma worri Israa'elii ka hafe maruu Daawitiin moosisu'uuf onneen isaanii tokko ture;

39 obboleewwan isaanii waan nyaataatii fi waan dhugan waan isaanii qopheessanii turaniif haga guyyaa sadihii nyaata'aa dhuga'aa Daawitiin woliin turan.

40 Akkasuma waan worri Israa'elii guddisanii gammadaniif worri gosa Yisaakoorii, worri gosa Zaabilooniitii fi worri gosa Niftaalemii ka isaanitti dhiyoo jiran waan nyaatan Daakuu, Muka hurbu'uu, Daraaraa Zabiibii, Harree, Farda, Gaange'ee fi Sanga'atti daadhii woyini'iitii fi dhadhaa ejersaa fe'anii fidan; Horii, Hoolotallee qabatanii dhaqan; kunniin maruu gammachuu banii biyya san keessa jiru maraati.

ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ