Kitaaba Seena'aa ka 1ffaa 10 - Kitaaba WoyyuuMootichi Saa'ol Du'e ( Sam. 1ffaa 31:1-13 ) 1 Worri Filisxeemii worra Israa'eliitiin wol lolan; worri Israa'elii worra Filisxeemii jalaa dheessan; lola saniin worra Israa'elii baay'ee gaara Gilbo'a'aa irratti fixan. 2 Worri Filisxeemii Saa'olii fi ijoollee isaa faanaa deemanii ijoollee dhiiraa sadiin Yoonaataa, Aminaadaabii fi Melkisaa ajjeesan. 3 Lolli Saa'olitti jabaate; mootichi Saa'ol woraana diinaatiin woraannamee guddisee madaaye. 4 Saa'ol loltu isa gargaaruun, «Worri hin gadoomne kunniin dhufanii akka natti hin taphanne guraadee kee luqqifadhuu na ajjeesi» jedheen; loltuun isa gargaaru sun garuu sodaatee dide; Saa'ol Yoma san guraadee ufii luqqifatee lafatti dhaabee itti dirme. 5 Loltuun isa gargaaru akka Saa'ol du'e haga arge innillee guraadee ufii luqqifatee lafatti dhaabee akkuma Saa'olii itti dirmee du'e. 6 Kanaaf Saa'olii fi ijoolleen isaa ta dhiiraa Sadiinuu hennaa tokko dhuman; mootummaan Saa'oliillee achumatti dhaabate. 7 Worri Israa'elii ka dhooqa keessa jiran akkuma dheessaniin akka Saa'olii fi ijoolleen isaa ta dhiiraa sadiin dhumte haga argan qachaa ufii dhiisanii baqatan; worri Filisxeemii garuu dhufanii qachaa isaanii san qabatan. 8 Bariisaa lolaa san worri Filisxeemii worra du'an waan isaan qaban maraa irraa hiikkachu'uuf hennaa dhufan reeffa Saa'oliitii fi reeffa ijoollee isaa ka gaara Gilbo'a'aa irratti kufeeru argan. 9 Morma Saa'olii muranii haga meeshaa lolaa irraa hiikkataniin maayessa worra dhaamsa geessanitti kennanii gammachuu ufii waaqa tolfamaa ufiitii fi banii ufiititti akka himan isaan ergan. 10 Meeshaa lolaa ka Saa'olii ka fuudhan mana waaqa tolfamaa ufii keessa kaayan; mataa isaa mana waaqa tolfamaa daagoon jedhamuu keessatti fannisan. 11 Baniin Iyyaabisii ka biyya Gala'aadii haga worri Filisxeemii waan Saa'oliin irratti godhan dhagayan, 12 namoonni jajjabaan dhaqanii reeffa Saa'oliitii fi ka ijoollee isaa gara biyya Iyyaabisii fidanii haga qilxuu jalatti awwaalaniin maayessa guyyaa torba guutuu Sooman. 13 Akka kanatti Saa'ol waan cubbuu hojjatee fi waan jecha Rabbiitiif ajajamuu dideef du'e. 14 Inni garuu mortuu ekeraa waamu gaafate malee Rabbiin hin gaafanne; kanaaf Rabbi isa ajjeesee mootummaa isaa ilma Isseyii Daawitii dabarsee kenne. |