Yohana 2 - KITAABA WAAQA1 Guyya sadeeso dira kana, ka lafa Galilaya keesa, fuud'a jira. Haati Yesoleeni achi d'at'e. 2 Yesofi jara isale fuud'aa yaamani. 3 Daad'iini hobaanaani, haati Yeso, Worri daad'i inqabu jetteeni. 4 Yesoni waan jed'eeni, Ayo, atini maani nara qabda? Hojjaani tiyya ingeenne. 5 Haati isaa waan hojattuuni jette, Waan inni, Tolcha jed'u ch'ufa tolcha. 6 Okote faara jaati achi ejaanja, ta Yahudiini aada worra ta qulqulleesa gula, bisaani keesa d'iqatu; ta isiini toko bute afuri shani fuutu. 7 Yesoni waan worraani jed'e, Bisaani okote guguuta. Guutani t'ut'upani. 8 Jennaani, Woraaba, abba gololati geesa jed'eeni. Iti geesani. 9 Inni bisaani kaani, ka amma daad'i tahe, une, ammo fulla isiini baateefi imbeekhu (ammo hojattuuni ta bisaani woraabde imbeeti). Duuba abbaani golola abba fuud'a yaame 10 waan jed'eeni, Nami ch'ufti qara daad'i dansa namaa kenna, duuba eegi nami d'uge quufe yoosi ta hagana ingeenne namaa kennani. Ammo atini daad'i ira dansa eege hambifte amma namaa kennita. 11 Akheekhi kuni ka qara Yesoni, dira lafa Galilaya, ka kana jed'ani keesati tolche. Achiti guddinna ufi agarsiise, jari isaa isa d'ugefate. 12 Eegi waan kana inni Kapernaumuti gadi bue, isaafi haad'a isaatiifi oboleyaani isaatiifi jari isaaleeni bulti diqo toko achi taani. Yesoni Mana Waaqa qulqulleesa ( Matayo 21.12-13 ; Mariko 11.15-17 ; Luka 19.45-46 ) 13 Jilti Pasaka ta Yahudi d'iaannaani, Yesoni Yerusalemu d'aqe. 14 Mana Waaqa keesa nama loonifi hooliyefi sabaliisa gurgurufi, jara hori jijirule, ka huji ufi hojatu arge. 15 Inni licho haada mid'aafate, Mana Waaqa keesaa waan ch'ufa gusse hooliyefi loonile, hori jara beese jijiru ch'ufa jisse, mesale garagalche. 16 Duuba waan jara sabaliisa gurguruuni jed'e, Waan kana armaa balleesa, Mana Abba kiyya gabaya intolchiina. 17 Jari isaa waan duri kitaaba keesati t'aafani, ta, Maro mana kanketitiifi garaani na gubata jettu qaabate. 18 Jennaani Yahudiini waan jetteeni, Akheekha kami nu agarsiifta, ka atini waan kana ch'ufa tolchitu? 19 Yesoni waan worraani jed'e, Isani Mana Waaqa kana ch'absa, duuba anini guyya saditi deebie jaara. 20 Yahudiini waan jette, Ganna afurtami jaa keesa Mana kana jaarani, atini guyya sadi keesati dandeete jaarta? 21 Ammo mani inni baane nafa isaati. 22 Tanaafi duisa keesaa isa kaamnaani, jari isaa aka inni waan kana jed'e qaabate, t'aafifi dubbi Yesoni jed'e d'ugefate. Yesoni nama ch'ufa beekha 23 Ato Yesoni Yerusalemu jiru, gaafa Jila Pasaka jed'ani, nami hedduuni akheekha inni tolche arginaani, maqa isaa d'ugefate. 24 Ammo Yesoni worra ufiti inquumne; wonti akanatiifi inni nama ch'ufa beekha, 25 ammalle nama tokole ka waan namaa isati himu imfeene, waan inni waan nama keesa jira ch'ufa beekhufi. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya