Qaabacha Seera 27 - KITAABA WAAQA1 Jennaani Musafi jaaroleeni Israeli waan biyyaani jette, Dubbi nu arra isaniti himnu tana ch'ufa ch'aqasa. 2 Guyya galaana Yordani taakitani lafa AABBO Waaqi keesani isanii kennu seentani, d'akhaye gugurdo old'ad'aaba, d'ooba, lumut'a, 3 duuba dubbi seera kana ch'ufa irati t'aafa. Hojja isani lafa AABBO Waaqi keesani ababoota teesani kakhate ta aananifi dammi aka lola yau seentani, 4 ammalle ka isani galaana Yordani taakitani gama jirtani, d'akhaye taani gaara Ebali ira old'ad'aaba, akuma anini arra isaniini jed'e gula, ammalle d'ooba, lumut'a. 5 Artiti waan sorio AABBO Waaqa keesani irati baasani d'akha taka nami sibiilani imboch'iniini jaara. 6 Wonti akanatiifi waan sorio irati AABBO Waaqa keesani baaftani d'akha boch'aniini mid'aasu himmalle. Achiti sorio gubani baasa, 7 ammalle sorio wold'ageeti qala nyaad'a, AABBO Waaqa keesani durati gammada. 8 D'akhaye lumut'ani suni irati aka dansaa dubbi seera AABBO Waaqa ch'ufa t'aafa. 9 Jennaani Musafi qaaloleeni gosa Lawi waan gumi Israeli ch'ufaani jette, gumi Israeli, ch'allisa, ch'aqasa. Arra isani ya gumi AABBO Waaqa keesani taatani. 10 Tanaafi dubbi isaa ch'aqasa, seerafi aada isaa, ta anini arra isanii kennu, guuta. Aka nama seera ch'abse abaarani 11 Jennaani Musani waan worra Israelitini jed'e, 12 Eegi isani galaana Yordani taakitani, gochiti tunini ha gaara Gerizimu gubba ejajiti, hojja guma Israeliti eebisani: Simeoni, Lawi, Yuda, Isakari, Yusufu, Benjamini, 13 ammalle gochiti tunini d'ibiini ha gaara Ebali ira ejajitu. Hojja gumi Israeli abaarani, Reubeni, Gadi, Asheri, Zabuloni, Dani, Naftali, 14 worri gosa Lawi ha qonqo olfud'ate dubbi tana gumiti lalabu. 15 Waaqi nama waan boch'ani waaqa jed'e kad'atu ka d'akha taanaani, mukha taanaani, sibiila taanaani mid'aase d'ossani kad'atu ha abaaruti, AABBO Waaqi waan akana kana guddo jibba. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu. 16 Waaqi nama abbaafi haad'a isaati saalfachu didu ha abaaruti. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu. 17 Waaqi nama daari lafa biyya balleesu ha abaaruti. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu. 18 Waaqi nama nama balla kara iraa gorsu ha abaaruti. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu. 19 Waaqi nama keessumafi ilmaani hiyyeeyifi nad'eeni hiyyeeyi waan isii d'owe dabse ha abaaruti. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu. 20 Waaqi nama nad'eeni abbaa isaa barate isa ch'eerse ha abaaruti. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu. 21 Waaqi nama horiti jallatu ha abaaruti. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu. 22 Waaqi nama oboleeti isaa ta woliini d'alatanifi ta haati d'ibiini d'altele barate ha abaaruti. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu. 23 Waaqi nama jaarti sodda isaa barate ha abaaruti. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu. 24 Waaqi nama d'ossani nama ijeese ha abaaruti. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu. 25 Waaqi nama gumbo fud'ate, nama woma keesa injirre ijeese, ha abaaruti. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu. 26 Waaqi nama dubbi seera tana ch'ufa jabeese inguunne ha abaaruti. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya