Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Mudhii Yohaannisii 1 - KITAABA WAAQA

1 Tunini waan Waaqi Yeso Kristoti mullise, aka inni waan d'iotu taha hojattu Waaqaa agarsiisu. Kristoni malaika ufi Yohanati erge waan kana beesise.

2 Yohanani ya waan arge ch'ufa hime. Kunini d'aamsa isaa ka waan dubbi Waaqatiifi d'uga Yeso Kristoni mullise himu.

3 Nami dubbi faga tana soomu eeba argata, nami ch'aqase waan keesa t'aafani guutuleeni eeba argata! Wonti akanatiifi hojjaani wonti kuni taatu ya d'iaatte.


D'aamsa nagaya gara gumi torba

4 Anini Yohanani gara gumi torba ta lafa Asia keesa jirtu waan kana t'aafa: Waaqi ka amma jiruufi ka durile jiru, ammalle ka hegerile jiruufi lubbu torbaani ta barch'uma isaa dura teteetufi

5 Yeso Kristoni, d'ugaani d'ugefatani, Ilmi angafa ka duisa keesaa kaasani, ka hayyu hayyoota lafa tana, eebafi nagaya isani kenninna. Inni nu jaalata, ammalle d'iiga ufitiini daba keesaa nu baase,

6 qaalole hayyuma Waaqa ta abba isaati hojattu nu tolche. Gara isaa guddinnaafi jabeenni ha tahu, ammafi hegerile! Amini.

7 Me ilaali, inni dumansa keesa d'ufuu jira! Nami ch'ufti isa arga, jari duri isa woraaneleeni. Gochiti lafa ch'ufa maro isaatiifi booti. Ha akasuma taatu! Amini.

8 Aabbo Waaqi guddaani waan jed'u, Anini Alfafi Omega, ka amma jiruufi ka durile jiru ammalle ka duranale jiru.


Daayya Kristo

9 Anini Yohana oboleesa keesani; Yeso keesa nu gaargalafi Finna isatiifi obsa woliini arganna. Waan anini dubbi Waaqatiifi d'uga Yesoni mullise odeeseefi, lafa bisaani marsani, ta Patmo jed'ani, keesa jira.

10 Guyya Aabbo, Lubbuuni isaa na keesa seente, anini qonqo guddo, aka magalata ufi duubati d'agaye.

11 Isiini waan jette, Waan atini argitu kana kitaaba keesati t'aafi, gara gumi torbaani tana ergi: ta Efeso, ta Smirna, ta Pergamo, ta Thiatira, ta Sardi, ta Filadelfia, ta Laodikiale.

12 Jennaani anini garagale, aka qonqo naani dubbatu argu. Garagalaani anini waan ifseeni ira ejaanjitu torba ta worqi arge.

13 Jiddu ifse suni keesa waan aka nama jira tokoti eja, ubaari isaa miila gaha, qoma isaa gubbati woya worqiti mara qaba.

14 Rifeensi mata isaa akuma boofta adaate, adi aka haama, ilti isaleeni aka ibida bobeete;

15 miili isaa aka sibiila bassani qulqulleesani ifsa, qonqooni isaa akuma galaana dibbifti.

16 Inni urji torba harka mirgicha qaba, aflameedi qara qabduti afaani isaa keesa jira. Fuuli isaa aka adu guyya gudda ifsa.

17 Isa arginaani anini miila isati jige, akuma waan due tahe. Ammo inni harka mirgicha nara kaye waan naani jed'e, Insodaatiini! Anini ka qaratiifi ka eegeeti.

18 Anini ka jiru! Duri la due ammo amma haga hegerile injira. Fura duisatiifi ka awaalale harkaa qaba.

19 Duuba waan argitu kana t'aafi, waan amma jiratiifi ka hegeri tahale.

20 Wonti mama ta urji torbaani atini mirga kiyyaa gartuufi ta ifse torbaanileeni tana: urjiini torbaani suni malaika gumi torba, ifseeni torbaani sunileeni gumi torba.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ