Mariko 2 - KITAABA WAAQA1 Eegi bulti diqo, Yesoni Kapernaumuti gallaani, biyyiti aka inni gale d'ageete. 2 Nami hedduuni wolti bahe, afaani balbalale fulla bahaniini d'abani. Inni dubbi Waaqa worrati hasae. 3 Jennaani nami afuri nama toko ka kokotae baate isatiini d'ufe. 4 Ammo maro gumitiifi Yesoti d'iaachu dad'abani. Jennaani gubba mana saaqani gararo isaa, afaani iti tolchani, wosaasa namichi ira ch'iisu gadi buusani. 5 Yesoni d'ugefacha jara kana arginaani, waan nama kokotae kaaniini jed'e, Gurba, daba kanke ya si araaramani. 6 Jari Seera beekhu ka achi jiru garaa ufi keesati waan jed'e, 7 Namichi kuni akami akana dubbata? Waaqa arabsayu? Eentu dandae daba nama araarama, Waaqa male? 8 Jennaani Yesoni aka worri garaa ufi keesati waan kana heregu beennaani waan jed'eeni, Isani maafi waan akana kana garaa keesani keesati hereddani? 9 Tamiti ira laaftu, aka nama kokotae kanaani, Daba kanke la si araaramani jed'ani mo, Kai, wosaasa tante fud'ad'u, gali jecha? 10 Ammo aka Ilmi Nama lafa tana irati jabeenna daba nama araaramuuni qabu argitani, 11 inni namicha kokotae kaaniini waan jed'e, Kai, wosaasa tante fud'ad'u, gali jed'e. 12 Inni kae, wosaasa ufi fud'ate, nama ch'ufa durati iti d'aabate. Tanaafi nami ch'ufti mame, Waaqa guddisani waan jed'ani, Nu waan akana kana taka ingarre. Yaamicha Lawi ( Matayo 9.9-13 ; Luka 5.27-32 ) 13 Yesoni ammalle gara galaana d'aqe, gumiini isati d'umnaani barsiise. 14 Ato inni deemu, Lawi, ilma Alfayo, ka mana damoosa keesa tau arge waan jed'eeni, Na gula kooti. Inni kae, Yeso gula deeme. 15 Eegi suni Yesoni mana Lawi keesati sagale nyaate. Jara damoosa guurufi nami daba qabu hedduuni, ka Yeso gula yau, Yesofi jara isaa woliini tatae sagale nyaate. 16 Jari Seera beekhu ka Farisayo, isa nama daba qabuufi jara damoosa guuru woliini sagale nyaatu arginaani, waan jara isatiini jed'e, Inni maafi jara damoosa guurufi nama daba qabu woliini sagale nyaata? jed'ani gaafatani. 17 Yesoni waan kana d'ageennaani waan jed'eeni, Nami fayyaa qabu ch'ireesa imbarbaadu, ammo ka fayya inqamneti barbaadata. Anini nama d'uga yaamu ind'umne, ammo maro nama dabaatiifi d'ufe. Waan agabu ( Matayo 9.14-17 ; Luka 5.33-39 ) 18 Jari Yohanatiifi ka Farisayo gaafasi ufi agabsa. Biyyiti isati d'ufte waan jetteeni, Jari Yohanatiifi ka Farisayo maafi ufi agabsa, ka jari kanke ufi inagabsine? 19 Yesoni waan jed'eeni, Keessumaani fuud'a dandeete agabdi? Hiyyo. Haga abbaani fuud'a worra woliini jiru dandaani ufi inagabsani. 20 Ammo hojjaani ind'ufti, ta abba fuud'a worra biraa fuud'ani, yoosi guyya suni ufi agabsani. 21 Nami woya hareeti kooti dullatiti inerbu. Yo akasi tolche, woyaani hareetiini woya dullati tarsaafte tarsaani guddatti. 22 Nami daad'i hareeti gorjo dullatiti naqu injiru. Yo akasi tolche, daad'iini gorjo tarsaafte, daad'iifi gorjoleeni imbaddi. Ammo daad'iini hareetiini gorjo hareeti malte. Waan Sabato ( Matayo 12.1-8 ; Luka 6.1-5 ) 23 Guyya Sabato toko, ato Yesoni oobru dargaye keesa deemu, jari isaa dargaye t'ururate nyaate. 24 Farisayooni waan isaani jette, Me ilaali, worri maafi waan fulla intahiini guyya Sabato tolcha? 25 Yesoni waan worraani jed'e, Isani waan Daudini duri gaafa isaafi jari isaa sagale d'abe beelae jennaani tolche insoomne? 26 Inni bara Abiatharini qaallicha gudda, Mana Waaqa seene qit'a Waaqa baasani nyaate, ka sila Seera gula qaalole male nami d'ibiini nyaachu himmalini; ammalle jara isa woliini jirule qoode. 27 Inni waan worraani jed'e, Sabato maro namatiifi mid'aasani male, nama maro Sabatotiifi inuumne. 28 Tanaafi Ilmi Nama abba Sabatooti. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya