Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Luqaas 6 - KITAABA WAAQA

1 Guyya Sabato, ato Yesoni oobru keesa deemu, jari isaa mid'aani harkaani t'ururate sukumate nyaate.

2 Farisayooni gari waan worraani jette, Isani maalifi waan Seeri keenna d'owu guyya Sabato tolchitani?

3 Yesoni waan jed'eeni, Waan Daudifi waheli isaa gaafa beelaani tahani isani insoomne?

4 Inni Mana Waaqa oli seene, qit'a Waaqaa baasani fud'ate nyaate wahela ufiti qoode, ka sila qaalole male nami tokoleeni nyaachu himmalini.

5 Inni waan worraani jed'e, Ilmi Nama abba Sabatooti.


Nama harki kokotae
( Matayo 12.9-14 ; Mariko 3.1-6 )

6 Guyya Sabato d'ibi Yesoni mana Waaqa iti kad'atani keesa seene barsiise. Nama toko ka harki mirgichi rifateti achi jira.

7 Jara Seera beekhufi Farisayooleeni isa eegani aka sila inni guyya Sabato nama fayyisu, aka akasiini waan himataniini isa ira argatani.

8 Ammo inni herega worraa beekhe, nama harki rifate kaaniini waan jed'e, Kooti, arma ejad'u. Namichi kae achiti ejate.

9 Yesoni waan worraani jed'e, Dubbi toko anini isani gaafad'a: Guyya Sabato waan dansa mo waan hamtu tolchani? Lubbu baasani mo inijeesani?

10 Worra mimillate waan nama kaaniini jed'e, Harka kanke diriirfad'u Namicha harka diriirfate jennaani fayye.

11 Ammo worri kaani guddo dalane waan Yeso sila tolchani woldubbatani.


Yesoni ergattu kud'ani lama fohata
( Matayo 10.1-4 ; Mariko 3.13-19 )

12 Gaafasuma Yesoni gaara toko kore aka Waaqa kad'atu, halkani toko ch'ufa Waaqa kad'acha bule.

13 Lafti bariinaani jara ufi yaame, nama kud'ani lama keesaa fohate maqa ergattu baase:

14 Simoni (ka inni Petro jed'eeni), Andarea oboleesa isaa, Yakobofi Yohana, Filipofi Bartholomayo,

15 Matayofi Tomaso, Yakobo ilma Alfayofi Simoni ka nama lafa ufi jabeesu jed'ani,

16 Yuda ilma Yakobotifi Yuda Iskariote ka Yeso gurgure.


Barsiisafi fayyisa Yeso
( Matayo 4.23-25 )

17 Jennaani inni worra woliini gabue ballinna lafa keesa jara ufi heddu woliini eje. Ammalle gumi guddo ta Yerusalemutiifi ta lafa afaani galaana Tirotiifi Sidoniti d'ufte, aka dubbi isaa d'ageete d'ukuba fayyituti isa woliini jira.

18 Nami jinniini gaargalchiteleeni imfaye.

19 Ammalle waan jabeenni isa keesaa bahe worra ch'ufa fayyiseefi gumiini ch'ufti isa tuqu feete.


Ayyaanafi gargala
( Matayo 5.1-12 )

20 Yesoni jara ufi millate waan jed'e, Ayyaana keesani hiyyeeyi: Finni Waaqa keesani!

21 Ayyaana keesani ka amma beela qabu: isani qufsani! Ayyaana keesani ka amma bootani: eegi tana inuma kofaltani.

22 Ayyaana keesani hojja nami isani jibbe gusse arabse, maqa keesani aka waan hamtu alati gatu, maro Ilma Namatiifi!

23 Guyya suni gammada, qilit'ama olch'ech'ea; wonti akanatiifi waan guddo gubbaa argattani. Ababooti worraleeni akasuma duri raagoota tolchite.

24 Ammo gaargala keesani dureeyi: qooda keesani ka gammada la argattani.

25 Gaargala keesani ka amma quuftani: eegi tana imbeeloftani. Gaargala keesani ka amma kofaltani: eegi tana laalefattani bootani.

26 Gaargala keesani hojja nami ch'ufti isani saadu; wonti akanatiifi ababooti worraa akasuma raagoota d'ara saade.


Nyaapa keesani jaalad'a
( Matayo 5.38-48 ; 7.12 )

27 Ammo waan anini isani ka d'ageetaniini jed'u, Nyaapa keesani jaalad'a, nama isani jibbu waan dansa tolcha,

28 nama isani abaarule eebisa, ka isaniti jallatele kad'ad'a.

29 Nama boqo toko si d'abanaasu tale dura qabad'u; nama woya tante sira fud'atu kootile ind'owiini.

30 Nama woi si kad'atu ch'ufaa kenni, ammalle nama wo sira fud'atu ira imbarbaadiini.

31 Akuma aka nami waan dansa isani tolchu feetani, akasuma namale waan dansa tolcha.

32 Yo nama isani jaalatu jaalattani eeba tami argattani? Nami hamamaleeni nama worra jaalatu jaalata.

33 Yo nama waan dansa isani tolche waan dansa tolchitani eeba tami argattani? Nami daba qabuleeni akasuma tolcha.

34 Ammalle yo isani nama iraa woi argachaani seetani ch'allaa woi ergiftani, eeba tami argattani? Ee, nami dabaleeni woli wo ergisa, aka waan akasi argatu.

35 Ammo nyaapa keesani jaalad'a, waan dansa tolchaafi; ergisaafi, ammo woma iraa ineegatiina. Duuba waan guddo argattani, ilmaani Waaqa Gubba Jiru taatani. Wonti akanatiifi inni worra galata imbeenneefi worra dabale inahafi.

36 Aka Abbaani keesani ka gubbaleeni namaa nahu isanileeni namaa naha.


Waan nama inqorina
( Matayo 7.1-5 )

37 Waan nama inqorina, Waaqileeni waan keesani inqoru; wollaala namati imuriina, Waaqileeni wollaala isaniti imuru; namaa araarama, Waaqileeni isanii araarama.

38 Wa namaa kenna, Waaqileeni isanii kenna: waan gamiich'ani, ka humnaani, ka iraani dambalaa, harka keesaniti naqani. Akuma isani namaa biimitani akasuma isanii biimani.

39 Yesoni ammalle mammaasa worrati hime waan jed'eeni, Ballaani dandae ballaani deema? Worri lachu boola keesati injigu?

40 Nami barsiisani nama isa barsiisu ira injiru. Ammo nami ch'ufti gaafa wo barate qit'e nama isa barsiise taha.

41 Atini maalifi huba ila oboleesa kanke keesa jiru ilaalta, ka ufiiftu jirma ila tante keesa jiru inargine?

42 Yokhaani akami dandeete oboleesa kanketiini, Aadda, eegi, huba ila tante keesaa fuud'a jetta, ka ufiiftu jirma ila tante keesa jiru inargine? D'articha, qara jirma ila tante keesaa fuud'i, yoosi aka dansa huba ila oboleesa kanketi keesa jiru argite keesaa fuuta.


Mukhafi mid'aani isaa
( Matayo 7.16-20 ; 12.33-35 )

43 Mukhi dansaani mid'aani hamo imbaasu, yokhaani mukhi hamaani mid'aani dansa imbaasu.

44 Mukha ch'ufa mid'aani isaatiini beekhani; mid'aani oda waachu iraa inguurani, yokhaani mid'aani zabibu makanisa iraa inguurani.

45 Nami dansaani dansooma garaa ufi keesa jiru keesaa waan dansa baasa; nami hamaleeni hameenna garaa ufi keesa jiru keesaa waan hamtu baasa. Wonti akanatiifi waan garaa jira arabi dubbata.


Yayaba lama
( Matayo 7.24-27 )

46 Isani maalifi, Aabbo, Aabbo naani jettani ammo waan anini jed'u inguunne?

47 Nama nati d'ufe dubbi tiyya d'agaye tolchu ch'ufa waan inni fakaatu isani agarsiisa.

48 Inni nama mana ijaare, lafa qote, gadi fageese, d'akha gubbati yayabe fakaata. Bokai guddaani lolaase d'awaani mana suni d'omnaani chochou dide, maro aka dansa ijaaraniifi.

49 Ammo nami dubbi tiyya d'agaye inguunne nama fulla biyye laaftuti, ato yayaba inkayiini, mana ijaare fakaata; d'awaani mana suni guddo irreeni d'oofte jennaani hojuma suni jige — jigansi mana suni waan gudda.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ