Huji Ergattu 3 - KITAABA WAAQA1 Guyya toko Petrofi Yohanani saatiini kad'achaa geennaani qit'e saa sagali Mana Waaqa woliini d'aqani. 2 Nama toko ka haguma d'alate miili naafateeti jira. Guyya ch'ufa isa fuud'ani, fulla balbala Mana Waaqa ta mid'aadu jed'ani kayani, aka inni nama Mana Waaqa seenu hori kad'atu. 3 Inni Petrofi Yohana Mana Waaqa seenani arginaani woi kad'ate. 4 Petrofi Yohanani isa sonaani ilaalani waan jed'aniini, Nu ilaali! 5 Inni aka woi ira argatu worra ilaale. 6 Petroni waan jed'eeni, Shilingifi worqi sii kennu inqabu, ammo waan qabu sii kenna: maqa Yeso Kristo ka Nazaretitiini kai deemi. 7 Petroni harka mirgicha isaa qabe oli kaase. Hojuma suni faanafi koometuuni isaa jabaatte, 8 inni olch'ee ejate deeme. Jennaani worra woliini Mana Waaqa seene, olch'ech'ee Waaqa faarse. 9 Nami ch'ufumaanu isa deeme Waaqa faarsu arginaani, 10 aka inni nama balbala Mana Waaqa ta Mid'aadu jed'ani dura tae woi kad'atu beennaani, waan inni tahe kana guddo mamani maadefatani. Hasaa Petro Mana Waaqa keesa 11 Ato namichi kaani Petrofi Yohana qabate olch'ech'eu, nami ch'ufti mame balbala Solomoni jed'aniti wolwoldae. 12 Petroni waan kana arginaani waan biyyaani jed'e, Worra Israeli, maafi waan kana mamtani sonaani nu ilaaltani, aka waan nu jabeenna keennaani yokhaani qulqullooma keennaani nama kana fayyimne? 13 Waaqa Abrahamutiifi ka Isaaqotiifi ka Yakobotiifi Waaqa aabbooti teennati jabeenna Hojattu isaa Yesoti kenne. Isani harka jara gugurdati isa kennitani Pilato durati isa mormattani, eegi Pilatoni isa lakisu fed'ele. 14 Inni qulqullofi dansa, ammo isa diddani Pilato kad'attani aka algala toko isani hiikhani, 15 Abba Jireenna ijeeftani. Ammo Waaqi duisa keesaa isa kaase, nu d'uga waan kanaati. 16 Jabeenna maqa isati namicha naafa kana fayyise. Waan isani argitani d'ageettani kana jabeenna maqa isaatiini tolchani. D'ugefacha inni Yeso d'ugefateti namicha kana isani durati fayyise. 17 Duuba, oboleyaani tiyya, anini imbeekha, aka wonti isanifi jaaroleeni teesani Yeso tolchite daalluma. 18 Waaqi waan duri afaani raagootatiini hime, aka Kristoni gaargalu male, akanaani guute. 19 Tanaafi daba iraa deebia, Waaqaati fuula deefad'a, aka inni daba isani iraa d'iqu, 20 jabeenni Lubbu Qulqullo Aabbo iraa d'ufa innileeni Yeso Kristo ka qara isanii fohate erga. 21 Inni gubba tau male, haga waan ch'ufa hareesa tolchaniiti, akuma Waaqi afaani raagoota isaa qulqullotiini duri hime. 22 Wonti akanatiifi Musani waan jed'e, Aabbo Waaqi keesani raaga isani erga, akuma inni na erge, gosa teesani keesa. Waan inni isaniini jed'u ch'ufa ch'aqasu maltani. 23 Nama waan raagi sunini jed'u inch'aqamne gumi Waaqa keesaa baasani balleesani. 24 Raagooti ch'ufti, Samuelifi worri eegi isaa d'ufeleeni, waan guyya kana dubbate. 25 Kakhuuni Waaqi afaani raagootatiini kakhate teesani, isanileeni wold'aqisa Waaqi abbooti teesani woliini tolche qoodattani. Akuma inni Abrahamuuni jed'e, D'aloota keetiini anini nama lafa ch'ufa eebisa. 26 Tanaafi Waaqi isa fohate, Hojattu ufi qara isaniti erge, aka isani eebise kara keesani hama ira isani gorsu. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya