Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Henna 36 - KITAABA WAAQA

1 Worri balbala Gileaditi mataa, ilma Makiri ka ilma Manase, ka ilma Yusufu, gara Musatiifi jaarole taani d'aqe,

2 waan jed'e, AABBO Waaqi ya lafa biyya hit'aani qoodi siini jed'e. Ammalle inni yayu lafa Selofahadi, ka fiit'a teenna ijoolle isaa ta dubrati d'aala kennifi siini jed'e.

3 Ammo yo nami gosa d'ibi dubra suni fuud'e, d'aalti isii ta gosa suni taate, duuba akasiini qoodi lafa teenna diqaata.

4 Duuba gaafa ganni wodeebisani gahe, ka lafa qara gurgurani ch'ufa abbaa deebisani, lafti dubrati Selofahadi d'aalte, ta gosa worra isi fuud'e taate, akasiini gochiti teenna lafa suni d'abdi.

5 Jennaani Musani, dubbi AABBO Waaqa gula, wa wa waan gumi Israelitini jed'e, Wonti gochiti Manase jette d'uga,

6 duuba AABBO Waaqi waan jed'u, Dubarti Selofahadi ha nama feetu fuututi, ammo nami isiini feetu ha gosuma isaani keesaa bahuti.

7 D'aala worra Israeli gosa toko iraa fuud'ani, gosa d'ibiti inkennani.

8 Dubarti gosa Israeli keesa abba ufi d'aaltu, nama gosa isii suni fuud'uu malte. Aka karaa kanani nami Israeli ch'ufti waan abbooti ufi d'aalu,

9 akanaani d'aalti sunini gosa toko iraa baate gosa d'ibiti indabartu. Duuba akasiini gochiti Israeli ch'ufti d'aala ufi jabeesiti.

10-11 Duuba Mala, Tirsa, Hogla, Milkafi Noani, dubriti Selofahadi, akuma AABBO Waaqi Musani jed'e tolchite, ijoolle d'iira ta oboleyaani, abba isii d'at'e fuute.

12 Nami isi fuud'e worra balbala gosa Manase, ka ilma Yusufu, d'aalti worraleeni gosa abba isaani keesati hafti.

13 Tunini seerafi aada AABBO Waaqi worra Israeliti afaani Musatiini kenneefi, diida Moabu, ka yo arti ejani Yerikoni galaana Yordani gamaa nama dura mullatu keesati.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ