Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Faaru 70 - KITAABA WAAQA

1 Ee AABBO Waaqa, na baasi, hurrisi na qarqaari!

2 Nama na ijeesu fed'u ha dabsatani balleesaniti. Nama maro gaargala kiyyati gammadu, ha dudda duubati deebisani ch'eersaniiti.

3 Nama na goyeesule ha mudamsiisani ch'eersani.

4 Nami siti d'ufu ch'ufti ha gammade qilit'amuti. Nami baafama kanke jaalatu ch'ufti ha guyya ch'ufa, AABBO Waaqi akami gudda jed'uuti!

5 Ee Waaqa, anini hiyyeesa laafa, irre inqamne. Ee Waaqa, hurrisi nati kooti. Ee AABBO Waaqa, atini baafama kiyya, hurrisi kooti na qarqaari!

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ