Faaru 54 - KITAABA WAAQA1 Ee Waaqa, jabeenna keetiini na baasi, irre teetiini d'uga naa muri! 2 Ee Waaqa, kad'acha tiyya d'agayi, dubbi tiyya ch'aqasi! 3 Nami kiyyibaani nati kae na had'uti jira; nami hamaani Waaqa insodaanne na ijeesu fed'a. 4 Ammo Waaqi qarqaarsa kiyya, nami na jabeesuleeni AABBO Waaqa. 5 Ch'ubbuuni nyaapi kiyya hojate ha worrati deebituuti. Waaqi ka d'ugaati, worra balleesa. 6 Ee AABBO Waaqa, anini gammadaani sorio sii baase, maro dansuma teetifi galata sii deebisa. 7 Atini gaargala kiyya ch'ufa keesaa na baafte, nyaapa kiyya ka dabsatani ch'ufa na garsiifte. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya