Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Faaru 53 - KITAABA WAAQA

1 Daalleeni Waaqi injiru ufiini jed'a. Worri worra ch'ubbuti, waan hamtu tolche; nami d'uga tolchu injiru.

2 Waaqi gubbaa nama gadi ilaale, aka nami woi hubate isaa kad'atu lafa keesa jiru arguu.

3 Ammo worri ch'ufti yayu kara iraa gore, waan hamtu tolche. Worri keesa nami tokoleeni ka waan dansaa tolchu injiru.

4 Waaqi waan jed'u, Isi, worri woma imbeekhu? Worri ch'ubbu kunini ch'ufti daalle? Worri gumi tiyya saame na kad'achu dida.

5 Ammo worri haga duri ira mudama, wonti akanatiifi, Waaqi lafe nyaapa gumi isaa infirfirsa. Waaqi ya worra dide, tanaafi worri Israeli aka taka inargini worra dabsate balleesa.

6 Ee Waaqa, nama Israeli baasu Sioni keesaa kootiini. Worri Israeli hojja AABBO Waaqi akuma duri kaani horsiisu akami gammada!

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ