Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -

Abba herega 6 - KITAABA WAAQA

1 Wonti anini arge lafa tana keesa daba gudda tolchani.

2 Waaqi duroomafa, ulfinnafa, qabeennafi waan ch'ufa ka nami fed'u inkennaafi, ammo aka inni quufe machauuni iti illakisu. Ammo fulla isaa namuma d'ibi ka inni imbeenneti d'uge quufe machaani. Tunileeni woma imbaatu, woma dabaati.

3 Yo nami lubbu bule ijoolle d'ibba toko d'ale ammo gammadafi awaala dansale d'abe, naa garaacha nama ira bahuti ira woyya.

4 D'alooti ilmaani suni woma imbahu, dukana keesa bade achumati ded'ani.

5 Inni taka adule inargine, yokhaani taka womale imbaranne, ammo ha taatuti ya fulla boqota gahe —

6 nama finna ufi imaachini ira, ato nami suni ganna kuma lama taele. Silaaftu worri lachu fulluma takaa yaa.

7 Wonti nami hojatufi akuma garaa ufi quubsu, ammo inquufu.

8 Nami qarooni kara kamiini daalle ira jira? Hiyyeesa arga d'ageetiini maal baati?

9 Tunileeni woma imbaatu, seeruma nama qilleensa gussuuti. Fulla ila d'eerattu, yo waan harkaa qabdu quuftu dansa.

10 Waan taha ch'ufa duru murani, ammalle nu imbeenna, nami nama isa ira jaba dandae imorkuuni.

11 Dubbini akuma d'eeratuuni miaa d'abdi; kara kamiini goomita qabdi?

12 Nami tokoleeni akamiini dandae waan isaa male, jireenna isaa gabaaba ka woma imbaane, ka aka gaandidu dabru kana keesati beekha? Eenuti waan eegi inni due lafa keesati taha beekha?

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:



ကြော်ငြာတွေ