Aayubu 36 - KITAABA WAAQA1 Ammalle Elihuni waan jed'e, 2 Me, diqo obsi, anini Waaqaa dubbad'a, na ch'aqasi. 3 Anini guddo wo beekha; anini beekhuma kiyyaani aka Waaqi na uume, Waaqa d'ugaa si garsiisa. 4 Wonti anini jed'u tokoleeni d'ara inqabdu; anini nami si dura eju kunini, aka male wobeekha. 5 Waaqi guddo jabeenna qaba! Inni nama tokole intufatu, wonti inni imbeenne injirtu. 6 Inni worra ch'ubbu lubbu imbaasu, ammo hiyyeesa waan maleefi kenna. 7 Inni nama d'uga qabu qorqorate, fulla hayyooti teetu teesise, haga jiru jireenna ulfinna kennaafi. 8 Ammo hojja maro hameenna isanitifi worra sansalatani hid'ani, 9 Waaqi ch'ubbufi kiyyiba worraa garsiisa. 10 Inni gurra worra bane, worra gorse, Hameenna ira deebia jed'aani. 11 Yo worri Waaqa saalfate hojateefi, worri hormatafi nagayaani taa. 12 Ammo yo worri saalfachufi dide, worri beekha male woraanani dua. 13 Nami Waaqa imbeenne dallansu illakisu, yo inni worra gaargalchule qarqaarsa inkad'atani. 14 Ato kaimaatu duani, ch'eeraani hobaani. 15 Ammo Waaqi gaargalaani wo nama barsiise, d'ipuni ila namaa bana. 16 Waaqi gaargala keesaa si baase, nagaya sii kenne si gammachiise; ammalle sagale guddo si kenne si quubsa. 17 Ammo amma tana waan sii male, gaargala ya argate. 18 Ufi eegad'i gumbooni si sobde, beeseeni kara d'uga iraa si imballeesini. 19 Ato atini qarqaarsa bootele woma inargattu, irreeni tante ta duri amma si inqarqaartu. 20 Halkani ind'araini hojja gochiti hobaatu. 21 Eegad'i, aka garagalte ch'ubbu keesa inseene; aka ch'ubbu ira si d'owanifi gaargala kana siti ergani. 22 Qabad'i aka irreeni Waaqa guddo. Eenuti aka isaa dandae wo barsiisa? 23 Eenuti, Akana tahi isani jed'a? Yokhaani eenuti ya woyakite jed'aani? 24 Maro huji isatifi guyya ch'ufa isa faarsani atinileeni isa faarsu malte. 25 Nami ch'ufti waan inni tolchu ya arge, ammo nami tokoleeni ka waan suni ch'ufa hubatu injiru. 26 Nu dandeenne guddinna Waaqa ch'ufa inhubannu, yokhaani ganna isaa haga imbeennu. 27 Waaqati bisaani lafaa fuud'e bokaya tolcha. 28 Ammalle bokaya suni dumansa keesa roobe, nama ch'ufa bisaanini bad'aasa. 29 Nami tokoleeni, ka aka dumansi deemufi aka mandisuuni gubba gara Waaqati manditu, beekhu injiru. 30 Inni angaasu gubba ch'ufati angae, ammo d'immuuni bisaani dukana keesati hafti. 31 Aki inni nama gololche, sagaleeni nama quubsu akana. 32 Inni harka ufitini, angaasu qabate, qaweeni wo tarsaasa. 33 Mandisuuni bokaya d'ufu himti, loonileeni aka inni roobu imbeekhani. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya